Wixinee kun
murtoo seeraa hojiirra akka oluu dirqisiisu hin qabu.
Dhimma kana
biyyoonni 124 yoo deeggaran, Israa’el dabalatee biyyoonni 14 mormaniiru, biyyoonni 43 ammoo sagalee kennuurraa of
qusatan.
Miseensa dhaabbaticha guutuu kan hin taane
Filisxeem sagalee kennuu hin dandeessu.
Murtoon kun yaada
Manni Murtii olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Israa’el seera
idil-addunyaa cabsuun Weest Baank, Baha Jerusaalem fi Gaazaa seeran ala
qabachuu ibsu kan bu’uureffatedha.
Waldaa hojjettootaa Ameerikaa keessatti dhiibbaa guddaa qaban keessaa tokko kan ta’e waldaan Obbolummaa Idil addunya (International Brotherhood of Teamsters) bara 1996 booda yeroo jalqabaaf deeggarsa kaadhimamtoota pirezidaantii Ameerikaaf kennuu dide.
Gamtaan kun miseensota gara miliyoona 1.3 guutuu US fi Kanaadaa keessaa kan qabu yoo ta’u, kaadhimamtuu paartii Dimookiraatotaa Kamalaa Haarisiif akkasumallee kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Doonaaldi Tiraampiif deeggarsa hin taasisne
Icom IC-V82 akka raadiyoo harkaan qabamuutti kan ibsu yoo ta'u, bara 2004 hanga 2014tti gara Baha Giddugaleessaatti kan ergame yoo ta'u, ergasii hin ergamne. Oomishni baatiriiwwan kanaas dhaabbateera jedhe dhaabbatichi.
Dhaabbatichi dabaluudhaan haleellaa kaleessaatiin kan dhoohan kallattiin IC-V82n ta'uu, ykn kan karaa raabsaa ergamuu isaanii mirkaneessuun hin danda'amu.
Haata'u malee moodeelonni kun kan Icom irraa illee ta'uu dhiisuu danda'u jedhe.
"Libaanos keessatti waraanni bal’aa ta’e akka hin kaaneef nan sodaadha, ummata kootiif nan sodaadha, magaalaa kootiif nan sodaadha, biyya kootiif nan sodaadha," jetti.
"Sababni isaas waan kana caalutu nuuf mala, akkasumas waraana Hezbollaa, Israa'el, Iraan fi nama hunda gidduutti gaggeeffamuuf garii kaffalaa jirra. Garuu kan kanarra fooyyee'utuu nuuf mala."
Israa'el halkan darbe buufataalee Hezboollaa kaaba Libaanos keessaa haleeluu himte