
Madda suuraa, Getty Images
BBCn ragaalee jiran hunda xiinxaluun, erga waraanni Yukireen eegalee namoonni Raashiyaaf lolaa turan kuma 70 fi 112 du'uu mirkaneeffateera.
Erga waraanni kun bara 2022 eegalee as namoonni fedhiisaaniitiin loltoota Raashiyaatti dabalamanii humnoota Yukireen lolaa turan hedduun ajjeefamuunyeroo jalqabaaf amma barameera.
Loltoota Raashiyaa hanga ammaatti du'uunsaanii mirkanaa'e keessaa kuma 13 fi 781 kan ta'an tola ooltota fedhiisaaniin humna waraanaa Raashiyaatti dabalamuun adda waraanaatti ba'aniidha.
Kana jechuun lakkoofsa loltoota ajjeefamanii keessaa dhibeentaa 20 jechuudha. Kanneen yakka raawwatanii mana hidhaa turan ammoo dhiifami akka godhamuuf jecha waraanatti makaman.
Namoota haala kanaan loltoota Raashiyaatti makaman keessaa kanneen du'an ammoo lakkoofsa loltoota Raashiyaa hanga ammaatti du'an keessaa dhibeentaa 19.
Lammiilee waamicha mootummaan taasise fudhachuun waraanatti makaman keessaa kanneen du'an ammoo dhibbeentaa 13 ta'u.
Onkoloolessa bara darbeerraa eegalee lakkoofsi tola ooltotaa guyyuu du'anii 100 gadi ta'ee hin beeku, guyyaa garii 310 kan caalanfaa du'aniiru.
Tola ooltota osoo Raashiyaaf waraananii ajjeefaman keessaa muraasni lammiilee biyyoota alaati.
BBCn maqaa namoota 272 adda baaseera. Hedduunsaanii giddugala Eeshiyaarraa kan gara Raashiyaa imalaniidha.
Lammiileen Uzbeekistaan 47, Taajikistaan 51, Kirigistaan 26 kanneen hanga ammaatti beekamaniidha.
Bara darbe Raashiyaan biyyoota akka Kuubaa, Iraaq, Yaman fi Sarbiyaa irraa namoota qacaruun lolchiisaa akka turte gabaasamaa ture.
Lammiileen biyyoota alaa kanneen Raashiyaa keessa jiraatan heduunis waraana kanarratti hirmaataniiru.
Namoonni ''mootummaaf hojjechuuf'' waliigalan kunneen, yoo waraana kanarraa hafan haala salphaa ta'een lammummaa biyyattii akka argatanii fi biyyaa hari'amuuf saaxilamuu jalaa akka oolan waadaan seenameeraaf.
Hedduunsaanii boodarra waan waliigalteen sun jedhu sirriitti hin hubanne jechuun komataa turan.
Mootummoonni Indiyaa fi Neppaal Raashiyaan lammiileesaanii waraana Yukireenitti erguu akka dhaabduu fi kanneen du'an ammoo reenfasaanii akka ergituuf gaafataniiru.
Garuu hanga ammaa gaaffiisaaniif namni gurra kenne hin jiru.