Hezboollaan ajajaa waraanaasaanii haleellaa qilleensaa Beerutiin ajjeeffame awwaalan

Israa'el halkan darbe Beeruti keessatti bakka Hezboollaan irra rookkeettii dhukaasu haleeluu yoo himu, gareen milishootaa misaa'eloota 150 daangaa Israa'el keessatti dhukaase.

Guduunfaa

  • Rokkeetiin hedduun Libaanosirraa gara Israa’elitti dhukaafamaa bule
  • Tiraamp falmii filannoo marsaa lamaffaa Kaamalaa waliin hin gaggeessu jedhe
  • Israa'el ajajoota waraanaa Hezboollaa 12 ajjeesuu himteHaleellaa Israa'eliin ajajaan Hezboollaa ajjeefame
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Israa'el magaala Beerutitti haleellaa gaggeessuu beeksifte
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Jeettiiwwan waraanaa Israa'el Beerut irra balalii'uun 'doorsisaa jiru'

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. BiIiinken lola Israa'el fi Hezboollaa dhaabuuf maaltu fala jedhu?

    Antoonii Bilinken  gitasaanii kan Masrii waliin Kaariyootti mariyatan

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Antoonii Bilinken gitasaanii kan Masrii waliin Kaariyootti mariyatan

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken muddama Baha Giddugaleessaatti hammaaterratti mariyachuuf gitasaanii kan biyyoota Awurooppaa waliin Paarisitti wal gahu.

    Dippiloomaatonni olaanoon UK, Xaaliyaanii fi Faransaay dhimma Baha Giddugaleessaa fi Yuukireenirratti ni mariyatu.

    Mariin isaanii garuu haleellaa meeshaa quunnamtii miseensota Hezbollaa fi namoota Libaanos keessa jiraatan biroorratti raawwatameerratti xiyyeeffata.

    Bilinken gartuun kamuu lola babal’isuu dhiisuun dhimma murteessadha jedhan.

    Falli lola Israa’eli fi Hezboollaa giiddutti gaggeeffamuu Gaazaatti dhukaasa dhaabuudha jedhan.

    Mootummaan Israa’el yaada kana fudhachuuf dhiisuun ifa miti.

    Dippiloomatoonni garuu waraanni babal’achuu akka malu yaaddoon jiraachu dubbatu.

  2. Waraqaan eenyummaa dijiitaalaa 'Fayda' jedhamu faayidaa akkamii qaba? Akkamiin argama?

    MM Abiy Ahmad

    Madda suuraa, EBC

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waraqaan eenyummaa biyyaalessaa 'Fayda' jedhamuun beekamu waggoota sadan dhufan keessatti namoota miiliyoona 90 bira ni ga'a jedhaniiru.

    Itoophiyaan waraqaa eenyummaa dijiitaalaa kan sadarkaa biyyaalessaatti kennamu kan eegalte waggaa lama dura kan eegalte yoo ta'u lammiileen biyyattii waraqaa kana argannaan guddina diinagdeefis tumsa guddaa akka ta'e ibsan.

    ''Waraqaan eenyummaa dijiitaalaa keenya 'Fayda' jedhama. Faayidaa hedduu qaba. Hidha haaromsaan gadi miti,'' jedhan.

    Ministirri Muummee Abiy dabaluun faayidaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa kana yoo ibsan ''fakkeenyaaf akka biyyaatti guutummaatti yoo hojiirra oolchine galiin waliigalaa Itoophiyaan waggaatti argattu (GDP) hatattamaan %7n dabala. Waraqaa kana kennuu qofaan dhibbeentaa torba argachuun ni danda'ama,'' jedhan.

    Sababnisaa ammoo gabaa al-idileen gaggeeffamaa jiran hedduu gara idilee fi seera qabeessa ta'etti waan fiduufi jedhan.

    Faydan yakkoota waliin dhahuun raawwatamanis ni hambisa jettee abdatti biyyattiin.

    ''Fayda yookiin waraqaa eenyummaa dijiitaalaa namni hin qabne akkuma konkolaataa lakkoofsa gabatee hin qabneeti. Konkolaataan lakkoofsa addaa hin qabne dhimmoota hedduuf saaxilama,'' jedhan MM Abiy.

    Waggoota sadan dhufan keessatti waraqaa eenyummaa dijiitaalaa kana namoota miiliyoona 90 biraan ga'uuf hojjetaa jirra kan jedhan MM Abiy ''yeros yakki waliin dhahuu yeroo ammaa mudataa jiru toora qabata,'' jedhan.

    ''Kun sirna walamantee fi ofitti amanamummaa uumuudha. Hawaasummaa jabeessee ijaara. Seeraan ala socho'uu ni hambisa.''

    Waraqaan eenyummaa dijiitaalaa kun baasii biyyattiin maxxansarratti baastus akka hir'isu ibsan.

    ''Paaspoortii, dabatara baankii, waraqaa eenyummaa barataa, lakkoofsa gibiraa, odeeffannoo fayyaa, ragaa dhalootaa adda addatti. Kun hunduu maxxansa. Kana hunda maxxansuuf maallaqa guddaa baasna. Waraqaa eenyummaa dijitaalaa tokkichaan garuu tajaajila kana hunda argachuun ni danda'ama.''

    Tajaajila Waraqaa Eenyummaa kana dhalattoota Itoophiyaa biyya alaa jiraatan dabalatee namoonni seera qabeessaan Itoophiyaa keessa jiraatan marti argachuu danda’u.

  3. Iraan odeeffannoo duula filannoo Tiraamp hatuun duula filannoo Baayidaniti ergite

    Deeggartoonni Tiraamp yaalii ajjeechaa deddeebi'ee irra qaqqabef Dimokiraatootatti mufatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoonni Tiraamp yaalii ajjeechaa deddeebi'ee irra qaqqabef Dimokiraatootatti mufatan

    Haakaronni Iraan odeeffannoo duula filannoo Tiraamp garee duula filannoo Baayidaniif qoodusaanii dhaabbileen basaasaa Ameerikaa fi FBI ibsan.

    Odeeffannoon garee duula filannoo Tiraamp jalaa hatame karaa imeelii gartuu duula filannoo Baayidanitti kan ergame otoo Bayidan dorgommii pirezedatummaa keessaa hin ba'iini jedhanii amanu qondaalonni Ameerikaa.

    Hagayya darbe qondaalonni Ameerikaa filannoo Sadaasa gaggeeffamu dura Iraan ‘’wal dhabbii kakaasuun’’ dhaabbilee Ameerikaa namoonni akka hin amanne hojjatti jechuun akeekkachisanii turan.

    Qondaalonni Ameerikaa akka jedhanitti, Iraan burjaajii uumuun duula filannoo Dimokiraatotaa fi Rippaabilikaanoota kallattiin argachuu barbaaddi jedhan. Kanaan dura biyyoota garaa garaatti Iraanii fi RaashiyaaN toooofta kanatti gargaaramaa turan jedhan qondaalonni kun.

    Ibsi Dhaabbanni Qorannoo Yakkaa Federeelaa (FBI) Roobii baase, "haakaronni Iraan ji’a Waxabajjiirraa kaasanii odeeffannoo hawaasaaf hin ibsamne hatanii dhaabbilee Ameerikaatti erguuf yaalaa jiru’’ jedha.

    Dubbi-himtuun duula filannoo Tiraamp Kaarolaayin Leevit dhimma kanarratti BBCtti wayita dubbatan, odeeffannoon hatame kun’’ Iraan filannoo Ameerikaa gidduu seenuun Kaamalaa Haaris fi Baayidan gargaaruuf, sababni isaa Tiraamp qoqqobbii cimaa Iraanirra kaa’ame akka deebisu fi faallaa shororkeessummaasaanii akka hiriiru beeku’’ jette.

    Kaarolaayin Leevit odeeffannoo garee Baayidanii fi Haaarisitti ergame akkam akka ta’e akka ibsamu gaaafatte.

  4. Israa'el Hezbollaa loluuf humna waraanaa gara kaabatti bobbaasuu eegalte, Hasan Nasrallaa ammoo har'a haasaa gochuufi

    Hasan Nasrallaa

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Gaggeessan Hezbollaa, Hasan Nasrallaa har'a haasaa taasisuuf jedhu

    Israa'elifi Hezbollaa gidduutti waraanni eegale waggaa guutuuf deema. Guyyoonni lamaan darban garuu Hezbollaaf guyyoota hamoo turan.

    Raadiyoon qunnamtii miseensonni Hezbollaa ittifayyadaman guutummaa Libaanos keessatti dhohuun namoonni kumaatamni miidhamanii, heddu du'aniiru.

    Israa'el ammoo humna waraanaa dabalataan gara daangaa Libaanositti geessaa jirti.

    Miinistirri Ittisaa Israa'el Yaa'ov Gaalant halkan edaa ibsa kennaniin waraanni Hezbollaa wajjinii "sadarkaa haaratti ce'eera" jedhan.

    Waraanni cimaan gaggeeffamu Gaazaa irraa gara Kaabatti jijjiiramee akka jirus akeekan.

    Baha giddu galeessatti namoonni heddu haasaa gaggeessan Hezbollaa Hasan Nasrallaa har'a taasisuuf jiran maal-ta'inna laata kan jedhu dhagahuuf hawwaa jiru.

  5. Israa'el raadiyoo qunnamtii dhodhoosun miseensota Hezbollaa heddurraan miidhaa gahuun Hezbollaa ni dadhabsiisaa?

    Ambulaansii namoota miidhaman fe'ee deemu

    Madda suuraa, EPA

    Israa'el mala qunnamtii Hezbollaa irratti haleellaa gaggeessun miseensota Hezbollaa kumaan lakkaa'aman irraan miidhaa gahuusheen garicharratti mo'icha tooftaa argatteetti jechuun ibsa editaarri idiladdunyaa BBC Jeremii Boowen.

    Haleellan Israa'el kun Hezbollaatti kisaaraa guddaa kan fide ta'us garicha haleellaa kanaan waan duubatti deebi'uu miti.

    Gaazexaan Al Monitor akka gabaasetti, Israa'el haleellan isheen gaggeessite akka karoorfattee kaate miti. Karoorrishee jalqabaa hanga dandeesse Hezbollaarratti miidhaa hamaa geessisuu ture. Hezbollaan waa'ee karoora haleella Israa'el dursee shakkii qabaachunsaa Israa'el yeroo karoorsite dursitee mala qunnamtii Hezbollarratti haleellaa akka gaggessitu dirqisiise.

    Kuni ammoo bu'aa silaa jalqaba karoorsite akka hin arganne ishee taasise. Israa'el haleellaa kanaan Hezbollaan dubatti deebi'a jettee yaaddus, garichi ammayyuu tarkaafii tokko waan duubatti jedhu hin fakkaatu.

    Baha Giddu Galeessattu muddamni dhalate kan qabbanaa'uu danda'u waraanni Gaazaa yoo xumura argateedha.

    Hezbolllaan michuusaa Hamaas irra goree lolaa jira. Guyyaa itti Hamaasifi Israa'el lola eegalanii kaasee Hamaas irra goruun Israa'el wajjin walitti dhukaasuu eegale. Hezbollaan Israa'el wajjin lola kan dhaabu yoo Israa'el waraana Gaazaa dhaabde qofa akka ta'e irra deddeebin ibsaa ture.

    Gama biraan ammoo raadiyoo qunnamtii isaarratti Israa'el haleellaa gaggeessuu kan himate Hezbollaan, haaloo bahuuf dhaadateera.

    Tarkaanfin Israa'el fudhatte kun Hezbollaa wajjin waraana guututti ishee galcha kan jedhus yaaddon jira. Ammaaf Hezbollaan haleellaa irra gaheen madaasaa qoorfataa jira. Malli qunnamtiisaa jalaa manca'uu hordogee mala qunnamtii biraa fayyadamuunsaas waan hin oolledha.

  6. Tamsaasni kallattii xumurame!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Roobii galgalaa xumurame.

    Kamisa ganama walitti deebina.

    Lafa nagaa bulaa!

  7. Kutaan waraanaa Israa'el Gaazaa keessaa gara Kaabatti qajeele - Maddeen

    Ministirri Muummee Israa'el viidiyoo gabaabaab X irratti gadhiisaniiru

    Madda suuraa, X

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Israa'el viidiyoo gabaabaab X irratti gadhiisaniiru

    Waraana Israa’el keessaa kutaan waraanaa 98ffaa Gaazaa keessaa bahee gara kaaba Israa’e imaluu maddi BBC’f mirkaneesse.

    Waraanni kuni hanga yeroo dhihootti Gaazaa Istiriip keessa lolaa ture.

    Hanga yoonaa kutaa waraanaa 36ffaatu Kaaba Israa'el ture. Kana jechuun waraanni haaraa kaabatti qajeele humna kaaba jiru cimsa.

    Addi waraanaa lama Gaazaarratti xiyyeeffatu.

    Kaabni Israa’el kan Libaanos daangessu bakka walitti bu’iinsi irra deddeebiin mudataa jirudha.

    Sababa walitti bu’iinsa Hezbollaa waliin taasifamuun lammiileen Israa’el 60,000 bakkee kanaa buqqa’aniiru.

    Torban kana lammiilee kana qe’eetti deebisuun karooraa ijoo waraana isaanii akka ta’e aangawoonni Israa'el ifatti beeksisaniiru.

    Sa’aatii 24 darbe mootummaan Israa’el dho’insa Libaanos keessa mudaturratti homaa hin dubbanne.

    Harka keessaan qabas keessaa hin qabus hin jenne.

    Kuni nama hin ajaa’ibsiisu jedhu xinxaltoonni. Oppireeshinii akkanaarratti Israa’el ifatti hin dubbattu.

    Gabaasonni garuu dhaabbata tikaa biyyattii Mosaaditu harka keessaa qaba jechaa jiru.

    Viidiyoo sakandii 10 X gubbaa kan maxxansan Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahu ''jiraattota kaaba Israa’el nagaan mana isaanitti deebifna,‘‘ jedhan.

    Haalli kaaba Israa’el waraanatti jijjiiramuu mala sodaan jedhu jira.

    UN fi US haalli akka tasgabbaa'u waamicha taasisaniiru.

  8. Dhohinsa har'a mudateen 14 ajjeessanii 450 madaa'an - Libaanos

    Dhohiinsa marsaa lammaffaa har'a Libaanos keessatti mudateen namoonni ajjeefaman 14 yoo ta'an, hedduun madaa'u ministeerri fayyaa Libaanos beeksise.

    Lakkoofsi namoota dhohiinsa kanaatiin har'a mudate namoota sagal irraa gara 14tti kan ol ka'e yoo ta'u, kan miidhaan irra gahe ammoo 450 ol ta'u kan hime ministeera fayyaa Libaanos.

    Kunis namoota 12 dhohiinsa meeshaa qunnamtii mudatee Kibxata kaleessaa ajjeeffamanii fi kanneen 3,000 miidhaan irra gahe maleedha.

  9. Barreessaan olaanaa UN dhohinsa Libaanosiin 'baayyee' yaadda'an

    Barreessaa Olaanaa UN

    Madda suuraa, Reuters

    Barreessaam Olaanaa Dhaabbata Motummoota Gamtomanii, Antoonii Gutareez, dhohiinsa meeshaalee quunnamtii guutuu Libaanos fi Sooriyaa keessatti mudate ilaalchiisuun baayyee yaadda'uu dubbii himaan isaanii himan.

    ''Barreessaan olaanaa kun, qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu hundi muddamni caalaa akka hin hammaanneef of eeggannoo guddaa akka godhan gaafatu," jechuun dubbatan Isteefaan Dujaariik.

    Itti dabaluudhaanis, Gutareez "tasgabbii deebisuudhaaf hatattamaan gara diinummaa dhaabuutti akka deebi'aniif" gaafachaa akka jiru hubachiisaniiru.

    Ofiisaatii har'a gara gamanaa gaazexeessitoota waliin haasa'aa taasisanii turaniin, yeroo Libaanoos keessatti gabaasni dhohinsa jalqabaa haaraan mudachuun dhagahameetti, yeroo sanatti dhohinsi peejir ykn meeshaa qunnamtii kun ''Libaanos keessatti balaa guddaan hammachuudhaaf kan akeekuudha'' jechuun akeekkachiisan.

    ''Loojikiin meeshaaleen kun hundi akka dhoohan gochuun, oppireeshiniin waraanaa guddaadhaan dura haleellaa dursaa raawwataniidha,'' jedhan Gutarees.

  10. Ministeerri raayyaa ittisaa Israa'el waraanni bifa haaraa eegale jedhan

    Ministirri raayyaa ittisaa Israa'el, Yo'aav Gaalaant biyyattiin ''waraana kana keessatti marsaa haaraa banaa jirti'' erga jedhaniin booda, ''jiddugalli xiyyeeffannaa qabeenyaa fi humnoota gara kallattii kaabaatti ce'aa jira'' jedhan.

    Yaada kanas kan dubbatan wayita buufata xiyyaaraa waraana Israa'el kan Raamaat Deviid, kan kaaba Israa'el keessa jiru daawwachaa turaniittidha.

    "Yeroodhaan booda walitti fufiinsatu nu barbaachisa. Waraanni kunis hamilee, kutannoo fi cimina guddaa barbaada," jedhan dabalanii.

    Yaadonni kunis Israa’el xiyyeeffannoo ishee gara Hezbollaafi waldhabdee Libaanoos waliin naannoo daangaatti qabduutti akka garagalaa jirtu akka agarsiiftuutti fudhatama.

    Sababii haleellaa rookkeetii fi dirooniin Hezbollaa irraa raawwatamutiin lammiileen Israa’el gara 60,000 ta’an kaaba biyyattiitti qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

    Jalqaba torban kanaarrattis, mootummaan Israa’el namoonni buqqaafaman qe'esaaniitti deebi’uu galma waraanaa ijoo kan taasise yoo ta’u, Gaalaant yoo dippilomaasiin fashalaa’e tarkaanfiin waraanaa filannoo qofa ta’a jechuun agarsiiftuu waldhabdeen Hezbollaa waliin dabaluu kaase.

  11. Manni-maree Nageenyaa UN dho'insa Libaanositti mudateen booda walga'uuf

    Manni-maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC) dho'insa raadiyoo meeshaalee komunikeeshinii marsaa lammaffaa har'a Libaanositti mudateen booda walga'uuf jira.

    Manni-marichaa dhuma torban kanaan dura walga'uun dhimma dho'insa raadiyoo quunnamtii (walkie-talkie) Libaanos keessatti mudaterratti akka mari'atu dhagahamaa jira.

    Kana, ibsa gabaabaa pireezidaantiin mana marichaa kennaniin beeksisan.

  12. Kibba Libaanositti suuqii bilbilaa alatti aarri mul'ate

    Siidoon keessatti qarqara galaanaa Meditiraaniyaanii kibba Libaanositti argamuun alatti, suuraalee aarri suuqii bilbilli itti gurguramu keessa yoo ol ka'ee aaruu agarsiisu.

    Isheenis Magaalaa guddittii biyyattii sadaffaadha.

    Sababni aarri kanaa hanga ammaatti ifa miti.

    Haata'u malee, sa'aatiiwwan muraasa darbe keessa Libaanos keessatti dho'insi marsaa lammaffaa mudachuun gabaafameera.

    Ambulaansii

    Madda suuraa, Reuters

    Namoota dhaabbatanii jiran

    Madda suuraa, Reuters

  13. 'Namoonni akka bilbila lafa keenyu nu gaafachaa jiru'

    Wiirtuu Hezboollaa cimaa jedhame kibba Beerutitti kan argamtu Dahiyyaa keessa wanti jiru sodaachisaadha.

    Gabaasaaleen hin mirkanaa'iin akka agarsiisanitti, meeshaaleen komunikeeshinii guutummaa biyyattii keessatti yeroo lamaffaatiif dhodho'aa wayita jiranitti, namni kamiyyu nama bilbila ykn meeshaalee komunikeeshinii biroo fayyadamu shakkaa jiru.

    Yeroo baayyees, namoonni garee keenya dhaabsisanii bilbila keenya akka lafa keenyu nu gaafachaa jiru jecdha gabaasaan BBC Baha Giddu-galeessaa Hugoo Baachegaa.

    Komunikeeshiniin waan adda citee jiruuf, ambulaansonni ammoo daandiiwwan cufamaniin seenuuf yaalaa jira.

  14. Amma nu gahe, Dho'insa haaraan yoo xiqqaate sagal ajjeefamaniiru - Libaanos

    Dho’insa haaraa Libaanositti mudateen yoo xiqqaate sagal ajjeefaman. Namoonni 300 ol ta’animmoo miidhamuu ministeerri fayyaa Libaanos beeksise.

  15. Fannoo Diimaan yoo xinnaate ambulaasoonni 30 bobbaafamuu hime

    Garee ambulaansii kaleessa ummata gargaaraa turan

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni Fannoo Diimaa balaa dho'insa meeshaalee quunnamtii marsaa lammaffaa Liibaanos keessatti raawwatameen, yoo xinnaate ambulaansiiwwan 30 bobbaafamuu hime.

    Waldaanni Fannoo Diimaa Liibaanoos, hojjattoonni isaa kibbaafi baha biyyattii dabalatee ''dhohinsawwan bakkeewwan garaa garaatti mudataniif deebii kennaa jiru'' jedhe.

    Hanga ammaattis gareewwan ambulaansii gara 30 ta'an kan bobbaafaman yoo ta'u, kaanis ''of eeggannoo fi qophii olaanaarratti argamu'' jedhe waldichi.

  16. Hezbollaan erga radiyoon harkaa hedduu miidhe booda Israa'elitti dhukaase

    Meeshaa waraanaa Israa’elirratti xiyyeeffachuun rokkeettii dhukaasuu Hezboollaan beeksise.

    Kuni erga guyyaa kibxataa meeshaaleen qunnamtii Hezbolaarratti haleellaan raawwateen booda yeroo duraaf kan dhukaafamedha.

    Haleellaa Kibxataan 12 du’aniiru, 3,000’tti kan siqan immoo miidhamaniiru.

    Guyyaa Roobiis maloota kominikeeshiniirratti haleellaan biraa raawwateera.

    Erga Gaazaatti waraanni eegalee Israa’el fi Hezbollaan yeroo adda addaatti walitti dhukaasaa turan.

    Kana dura Hezbollaan rokkeettii 8,000 ol gara kaaba Israa’elitti yoo dhukaasu Israa’el haleellaa qilleensaa, taankiifi artilariin haaloo bahuun ni yaadatama.

    Israa’el haleellaa Hezbollaa tibbanaarratti homaa hin jenne.

  17. Komunikeshiniin Heziboollaa balaa hamaa kanaan miidhame, Pool Adams, Korespondantii Dippilomasii

    Erga kaleessaatii kaasee yeroo itti haleellaan jumlaan kun miseensota Hezbollaa irratti raawwatame ilaalchisee yaadonni hedduun ka'aa jiru.

    Haammaachaa dhufuu muddama daangaa kaaba Iraa'elii irraa hordofuudhaan, inni tokkoonsaa Israa’el yeroo kana filachuudhaan milishaa Libaanos kanneen Iraaniin deeggaramaniif ergaa gaddisiisaa dabarsuu isheeti.

    Inni biraa ammoo Israa’el karoorashee yeroo kana qofa sochii keessa galchuuf jechuu miti, innumaa shirri sun yeroo saaxilamuuf jedhuutti harkishee dirqisiifame argachuu isheeti kan jedhudha.

    Dho'insa marsaa lammaffaa har’aatiin boodas ammalleen yaadni lamaanu ta'u ni danda’a.

    Garuu kan yeroo kamiyyuu caalaa, kun yaalii walitti fufaa Israa’el (ammas Israa’el kana duuba akka jirtu shakkiin jiru gadaanaadha) Hezbollaa dadhabsiisuuf raawwatte ta’ee itti dhaga’ama.

    Amma paagaroonni fi raadiyoonii ittiin wal qunnaman hundi akka meeshaalee ajjeesuu danda’anitti waan ilaalamaniif, dandeettiin Hezbollaa waliin wal qunnamuu balaa guddaan mudateera jira.

    Israa’el qunnamtiin Hezbollaa hangam rakkoo keessa akka jiru agarsiisuudhaan gareen kun haleellaa daangaa qaxxaamuraa dabalataa banuuf duubatti akka deebi’u, ykn raawwachuun garmalee akka itti ulfaatu abdachuu dandeessi. Yoo xiqqaate ammaaf.

    Yookaan Israa’el oppireeshinii cimaa fi sodaachisaa ta’een ofiishee Libaanos keessatti raawwachuudhaaf, dursitee haala mijeeffataa jirti.

    Ammas bara kana keessas yeroon kun yeroo balaa guddaa qabu ta'ee itti dhagahama.

  18. Amma nu gahe, Raadiyoon itti odeessan dhodho'ee 300 ol madaa'an - Ministeera Fayyaa

    Raadiyoon xixxiqoo qunnamtiif fayyadaman haaraan guyyaa har’aa Libaanos keessatti dhodho’anii yoo xinnaatee namoonni sagal ajjeeffamanii kanneen 300 ol madaa’uu ministirri fayyaa Libaanos dubbachuu AFP’n gabaaseera.

  19. Haleellaa diroonii Yukireen Raashiyaa keessatti raawwatte abidda kaase

    Abidda haleellaa diroonii Yukireen raawwatte hordofee dhalate

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa diroonii Yukireen Raashiyaa naannoo Tiveer jedhamu keessatti gaggeessite hordofee abidda dhalateen namoonni 13 miidhamuu ministeera fayyaa Raashiyaa beeksise.

    Viidiyoon hin mirkanfoone akka agarsiisutti magaalaa naannoo sanaa keessatti dho’insi qaqqabuu mul’isaniiru. Viidiyoon miidiyaa hawaasaarra naanna’aa jiran dho’insawwaniifi aara guddaa samii haguuge agarsiisaa jiru.

    Roobii ganama haleellaa qaqqabe kana hordofee naannicha keessaa akka ba’aniif ajajni darbeera.

    Boodarra garuu bu’uuraaleen misoomaa magaalattii hojjechaa jira jechuun bulchaan naannoo sanaa jiraattonni akka deebiyaniif jajjabeessaniiru.

    AFP fi Roohitars maddeen Yukireen waabeffachuun akka gabaasanitti man-kuusni meeshaa waraanaa haleelameera.

    Buufanni waraanaa [Raashiyaa Yukreen halaalte kun] kuusaa boba'aa, akkasumas meeshaalee waraanaa, balaastik misaa'elootaafi wantota dhodho'an man-kuusa tooraan walqabatee jiru ture.

    Meeshaaleen kunneen hundi kan Raashiyaan weerara Yukireen irratti gaggeessitu keessatti guutummaan itti gargaaramtudha.

  20. Dho'insi Libaanosiifi Sooriyaa keessa bakka kam dhaqqabe?

    Hanga ammaa akka mirkanaa'etti Libaanos fi Sooriyaa keessatti dhodhoheera
    Ibsa waa'ee suuraa, Hanga ammaa akka mirkanaa'etti Libaanos fi Sooriyaa keessatti dhodhoheera

    Akka gabaasaa turretti, guyyaa kibxataa haleellaa meeshaa qunnamtii Hezbollaarratti raawwateen namoonni 3,000 ta’an Libaanos keessatti miidhamaniiru.

    Ministeerri fayyaa Libaanos magaalaa guddoo biyyattii Beerut keessa meeshaan kuni dhodhohuu mirkaneesse.

    Dhaabbati buufata isaa UK godhateefi dhimma mirga namoomaa Sooriyaa keessaa hordofummoo meeshaan qunnamtii kuni magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo keessattis dhodhohuu mirkaneesse.

    Maddi AFP’tti akka himetti, ilmi Miseensa Paarlaamaa Hezbollaa Ali Amaar fi intalli miseensa Hezbollaa biroo baha Libaanos keessatti kanneen ajjeefaman keessaati.

    Walumaa gala akka ministirri fayyaa Libaanos ibsetti kibba Libaanositti 750 miidhamaniiru.

    Naannawa magaalaa guddoo biyyattii Beerutitti kan miidhamanimmoo 1,1750 dha.