Hezboollaan ajajaa waraanaasaanii haleellaa qilleensaa Beerutiin ajjeeffame awwaalan

Israa'el halkan darbe Beeruti keessatti bakka Hezboollaan irra rookkeettii dhukaasu haleeluu yoo himu, gareen milishootaa misaa'eloota 150 daangaa Israa'el keessatti dhukaase.

Guduunfaa

  • Rokkeetiin hedduun Libaanosirraa gara Israa’elitti dhukaafamaa bule
  • Tiraamp falmii filannoo marsaa lamaffaa Kaamalaa waliin hin gaggeessu jedhe
  • Israa'el ajajoota waraanaa Hezboollaa 12 ajjeesuu himteHaleellaa Israa'eliin ajajaan Hezboollaa ajjeefame
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Israa'el magaala Beerutitti haleellaa gaggeessuu beeksifte
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Jeettiiwwan waraanaa Israa'el Beerut irra balalii'uun 'doorsisaa jiru'

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gondariifi naannawaa sanatti walitti bu'iinsi adeemaa turuu jiraattonni himan

    Akka jiraattonni jedhanitti, haleellaa Dabaarq tureen 'namoonni nagaa baay'ee' ajjeefamaniiru
    Ibsa waa'ee suuraa, Akka jiraattonni jedhanitti, haleellaa Dabaarq tureen 'namoonni nagaa baay'ee' ajjeefamaniiru

    Tibbana magaalaa Gondariifi naannawaa magaalattiitti humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti lolli guddaa adeemsifamuu jiraattonni BBC’tti himan.

    Magaalaa Godina Kaaba Gondar kan taate Dabaarqitti akkasumas magaalota Daabaatiifi Ambaa Giyoorgisitti lolli adeemsifamaa turuu himameera.

    Har’a immoo bakkeewwan garagaraa magaalaa guddoo Giddugala Gondar kan taate Gondaritti dhukaasni dhagahamuu ibsame.

    Gaafa Wiixataa Dabaarqitti, walitti dhukaasuu tureen ‘’namoonni nagaa baay’ee ajjeefamaniiru’’ jedhan jiraataan tokko.

    Ogeessi fayyaa Hospitaala Dabaarq keessa dalagan guyyaa guutuu magaalaa keessa dhukaasni akka ture himan.

    Guyyaa Wiixataa qofa namoonni 20 ol miidhamanii hospitaala dhaquu himan.

    Haa ta’u malee, osoo hospitaala hin deemin kanneen du’an akka jiraniifi kunis baay’ee ta’uu himan.

    Kanneen gaafa Wiixataa ajjeefaman gaafa Kibxataa owwaalchi isaanii raawwatamuu jiraattonni BBC’tti himaniiru.

    Jiraataan maqaa naaf dhoksaa jedhan tokko Bataskaana Q/Mikaa’elii Dabaarq isaan argamanitti ‘’namoonni 15 ta’an owwaalamaniiru,’’ jedhani.

    Kibxata har’aas magaalaa Dabaarqitti akkasumas Ambaa Giyoorgisitti dhukaasni akka dhagahamaa ture jiraattonni dubbataniiru.

  2. Gareen TPLF, Dr Dabratsiyooniin durfamu Obbo Geetachoofi hoggantoota 16 paarticharraa dhorke

  3. Xalayaan dhalattoonni Godina Shawaa Kibba Lixaa Ministira Muummeef barreessan ergaa maali qabate?

  4. Looraa Luumar: Dubartiin ejjannoo farra Islaamaa qabduufi Tiraamp biraa hin dhabamne eenyuudha?

  5. Baqattoonni Itoophiyaa Masrii jiran 'gad baanee deebi'un sodaa nutti ta'e' jedhan

  6. Wallagga Bahaa, Kiiramuutti hidhattoonni 'finxaaleyyii Amaaraa' hojjettoota mootummaa ajjeesan

  7. Raadiyoon qunnamtii dhohe sadii ajjeesee, hedduu miidhe - Hezbollaa

    Taateen kuni erga takkaa bakka baay'eetti mudate

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Taateen kuni erga takkaa bakka baay'eetti mudate

    Gartuun Iraaniin deeggaramu akka ibsetti raadiyoon qunnamtii dhodhohee hidhattooti isaa lamaafi shamarreen tokko ajjeefamuu hime.

    Libaanositti ambaasaaddarri Iraan namoota dhibbaan lakkaa'aman miidhaman jedhaman keessaa tokko jedhameera.

    Hezbollaan taatee kana ‘’waan adda baasuun nama dhibu’’ jedheera.

    Taateen kuni erga takkaa kibba Beerutiifi bakkeewwan Libaanos birootti mudate.

    Hezbollaan sababa dhukaasa kanaa nan qoradha jedheera.

    Israa’elitu kana godhe jedhee jedhees kallattiin hin himanne.

  8. Gartuun meeshaa jajjaboo hidhate, Hezbollaan, eenyu?

    Loltoonni Hezboollaa Iraaniin deeggaramu

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Hezboollaa Iraaniin deeggaramu

    Gartuun hidhattoota Hezbollaa jalqaba bara 1980 keessa yeroo Israa’el Libaanos qabatte tumsa Iraaniin hundaa’e.

    Haata’u malee, hundeen ilaalcha Hezbollaa bara 1960 fi 1970 keessa Islaamummaan Shi'aa Libaanos keessatti dagaagu wajjin hidhata qaba.

    Bara 2000 Israa’el Libanos keessaa erga baatee booda Hezbollaan hidhannoo hiikkachuu diduun, damee waraanasaa Fincilaa Islaamaa(Islamic Resistance) cimsachuu ittifufe.

    Hezbollaan amma dandeettiin horate hidhannoo waraanni Libaanos bara 2006 duula Israa’el waliin gaggeessetti gargaarame ni caala.

    Garichi Libaanos keessatti humna guddaa horateera.

  9. Loltoonni Hezbollaa dhibbaan lakkaa'aman 'raadiyoon qunnamtii dhohee' miidhaman

    Loltooti Hezbollaa Iraaniin deeggaramu

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltooti Hezbollaa Iraaniin deeggaramu

    Raadiyooniin loltooti ittiin wal qunnaman dhohuun loltoonni Hezbollaa dhibbaan lakkaa'aman miidhamuun isaanii gabaafame.

    Miidiyaan mootummaa Libaanos, National News Agency, jedhamu akka gabaasetti taaten kuni kibba magaalaa Beerutitti mudate.

    Bakki suni bakka hidhattooti Hezbollaa Iraaniin deeggaraman maandheffatanidha.

    Miidiyaan Hezbollaah al-Manar TV jedhamu raadiyoon qunnamtii hedduu dhohuu dubbate. Garuu hamma loltoota miidhaman hin himne.

    Viidiyoofi suuraan miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaman namoonni miidhaman lafarra yoo ciisan, kaanimmoo hospitaala yeroo geeffaman mul’isan.

    Viidiyoon CCTV hin mirkanoofne suuqii keessallee dho’insi mudachuu agarsiisan.

    Gaazexeessaan Rooyitars miseensonni Hezbollaa 10 miidhamarraa kan ka'e yeroo dhiigi isaanii dhangala’u arguu ibse.

    Qondaalli Hezbollaa taateen kuni wantoota hanga ammaa mudatan keessaa nageenya qunnamtii garichaa hube akka ta’e Rooyitarsitti dubbataniiru.

    Dhimma kanarratti waraana Israa’elirraa ammatti wanti jedhame hin jiru.

    Haa ta’u malee, wanti kuni kaabineen nageenyaa Israa’el lammiilee biyyattii haleellaa Hezbollaan daangaarraa buqqa’an qe'eetti deebisuun galma isaanii ta'u erga ibsee booda dhagahame.

    Israa’el kana dura Hezbollaa daangaarraa fageessuuf oppireeshinii waraanaa akka gaggeessitu akeekkachiisuun ishee ni yaadatama.

  10. Shaampiyeens Liigii Awuroppaa har'a jalqabuun eenyuti eenyu waliin taphata?

    Waancaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa

    Madda suuraa, EPA

    Dorgommiiwwan kubbaa miilaa akkaan eegaman keessaa tokko kan ta’e Shaampiyoons Liigiin Awurooppaa har’a jalqaba.

    Taphni kun bara kana kan kanaan duraarraa fooyya’eera. Garee 36 biyyoota Awuroppaa irraa walitti fida.

    Har’a taphoonni ja’a halkan sa’aatii 4:00 irratti ni gaggeeffamu.

    Kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz keessaa Liiverpuul gara dirree Miilaan, Aston Viilaan ammoo gara dirree Yaang Booyis deemuun taphatu.

    Riyaal Maadiriid ammoo VfB Istuutgaart simatee, Baayer Muniik ammoo Dinaamoo Zaagirab simatee taphatu.

    Juuventuus PSV, Ispoorting immoo LOSC simata. Bolonyaan Shaktar Doontesk waliin Ispaartaa Piraahaa RBSalzibarg waliin, PSGN ammoo Jiroonaa simatee taphata.

  11. Ejjennoon IGAD ammallee tokkummaan daangaa fi birmadummaan Somaaliyaa akka kabajamuudha- Dr Warqinaa

  12. Poolisiin dambii hijaabaa kabachisaan kana booda dubartoota hin yaaddeessan- Pirezedantii Iraan

  13. Elon Maask barrefama waa'ee Haaris fi Baayidan irratti maxxanseen maaliif qeeqni guddaan isa muudate?

  14. Namni siyaasaa gameessi Itoophiyaa Pirofeesar Bayyanee Pheexiroos boqotan

  15. Facebook miidyaalee mootummaa Raashiyaa uggure

    Miidiyaa Raashiyaa Facebook uggure keessaa tokko RT

    Madda suuraa, Getty Images

    Kubbaaniyyaan Facebook of jalatti qabu Meta'n miidityaalee mootummaa Raashiyaa odeeffannoo dogoggoraa tamsaasuun daba hojjetu jedheen neetwoorkii isaarraa uggure.

    Meta'n ibsa baase keessatti miidiyaaleen ugguraman Rossia Segodnya, RT fi kanneen qabiyyee walfakkaataa dabarsan biroo akka uggure ibseera.

    Uggurri Metan kaa'e kun guyyoota muraasa dhufan keessatti hojiirra oola.

    Imbasiin Raashiyaa Washingtan jiruu fi miidiyaalee ugguraman keessaa tokko kan ta'e Rossia Segodnya tarkaanfii Meta kanarratti saffisaan deebii hin kennine.

    Miidiyaaleen Raashiyaa hedduun siyaasa warra lixaa gidduu seenuun burjaajessu jedhamuun to'annoo guddaa jala jiru.

    Metan waggaa lama duras miidiyaalee Raashiyaarra daangeffama murtaa'e kaa'ee ture.

    Fakkeenyaaf beeksisa akka hin dabarsine akkasumas qabiyyeensaanii hordoftoota hedduu bira akka hin geenye daangessaa ture.

    Erga waraanni Yukireen eegalee Metan akkuma miidiyaalee hawaasummaa kaanii gaaffii UK, Gamtaa Awurooppaa fi Yukreen irraa dhihaate fudhachuun naannolee kunneen keessatti miidiyaalee Raashiyaa uggureera.

    Jalqaba ji'a kanaa Ameerikaan, miidiyaan Raashiyaa RT jedhamu dhaabbata Tennessee jedhamuuf doolaara miiliyoona 10 kaffaluun ''ergaa dhokataa ajandaa Raashiyaa baatu hordoftoota isaa US keessa jiraniif dabarsaa ture,'' jechuun himateera.

  16. Namichi waggoota kudhanii oliif namoota hedduu qacaree haadha manaasaarratti guddeeddii raawwataa ture badiisaa amane

    Gisele Pelikoot

    Madda suuraa, EPA

    Namni umrii waggaa 71 Doominik Pelikoot haadha manaasaa dirqamsiisee waliin ciisuu fi namoota hedduu qacaree akka gudeedan gochuun himatame.

    Yakka waggoota kudhanii oliif raawwataa ture jedhamuun ittiin himatame kanas erga haalaa turee booda dhumarratti amaneera.

    Isa waliin dubartii kanarratti yakka gudeeddii raawwachuun kan himataman namoota 50. Gisele amma haadha manaasaa duraanii jedhamti.

    Aab Pelikoot ''an nama yakka gudeeddii raawwatedha, akkuma namoota as keessa jiran kaanii,'' jedhe.

    ''Hundi isaaniiyyuu beeku, waakkatanii dubbachuu hin danda'an,'' jedhe.

    Waa'ee haadha manaasaa duraanii wayita dubbatu ''kun isheef hin malu ture,'' jedhe.

    ''Ishee waliin yeroon ture gammachuun qaban ture,'' jechuun mana murtiitti dubbate.

    Gisele mana murtiitti akka yaada ishee ibsattuuf carraan wayita kennamuuf akkas jette:

    ''Kana taa'ee dhagahuun natti ulfaata. Namni an waggaa 50 guutuu jaalalaan waliin jiraachaa ture kana narratti raawwata jedhee yaadee hin beeku. Onnee guutuun isa amaneen ture.''

  17. Doonaald Tiraampiif eegdota hangamiitu ramadame?

    Tiraampii fi eegduu isaanii
    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraampii fi eegduu isaanii

    Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Kongireensiin bifa adda taheen baajata Tajaajila Eegdota Ykn Secret Service akka dabaluuf gaafatan.

    Humni kun baajata dabaataa malee hojii eegumsa isaa karaa guutuu taheen bahachuuf rakkata kan jedhan Baayiden ''dhiyeessii gahaa'' hin qaban jedhan.

    Baayiden gaaffii kana kan dhiyeessan yaalii ajjeechaa yeroo lammaffaaf Tiraampi irratti gaggeeffame hordofeeti.

    Eegdota hangam tahantu pirezidaantii duraanii kanaaf akka ramadamana lakkoofsa isaa sirrii beekuu hin dandeenye.

    Garuu akka nama waggaa dheeraa humna tikaa 'Secret Service' jedhu kana keessa turee fi waa'ee isaanii kitaaba barreesse Roonaaldi Keesileriitti Tiraampiif eegdotni hanga 80 tahan ramadamuuf.

    Pirezidaantii fi Itti Aantuu pirezidaantii Ameerikaa akka tiksaniif eegdota adda tahaniifi Secret Service' jedhaman 300 tahantu ramadama.

    Maatii isaaniis humnuma kanatu bakka deeman hundatti tiksa.

    Pirezidaantotii duraanii tokko tiksuuf ammoo 90 hanga 100 hin caalan. Kun hojjettoota kaanis dabalateeti.

    Kana jechuun Tiraampi yeroo bakkaa bakkatti socho'u eegdota hedduu hin qabu jechuudha.

    Garee Isnaayiperii, garee haleellaa qolatu fi garee basaasa qolatu fi kaanis jiru jedhe waggaa 12 humna kana keessa kan hojjete Mikaa'el Matranga.

    Guyyaa irraa guyyaatti pirezidaantonni duraanii humna akkasii kana dabalataan hin argatan. Tiraampiif garuu ramadameera jedhe.

    Dabalataan saroota foolii fuudhuun sakatta'anis qabaachuun akka barbaachisu hima.

  18. Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra

    Turtiin akkami? Odeessaalee biyya keessaa fi alaa tamsaasa kallattii kana irraa argattu.

    Nu hordofaa.

    Oolmaa gaarii!

  19. Tamsaasni kallattii xumurame!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Wiixata galgalaa xumurame.

    Kibxata ganama walitti deebina.

    Lafa nagaa bulaa!

  20. Namichi Tiraamp ajjeesuuf shakkame sa'aatii 12'f riphee ture jedhame

    Raayaan Wesilii Raawuz Tiraamp ajjeesuuf yaaluun shakkamee to'atame

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Raayaan Wesilii Raawuz Tiraamp ajjeesuuf yaaluun shakkamee to'atame

    Namichi Donaald Tiraamp ajjeesuuf yaaluun shakkamee hidhaa seene sa’aatii 12 ta’uf bosona keessa riphee eegaa ture jedhe ragaan mana murtii reefu gadhiifame.

    Akka ragaan bilbilarraa argame mul’isutti, nami kuni bosona dhihoo golfii taphatan bira jiru keessa sa’aatii hammanaaf riphee taa’ee ture.

    Shakkamaan kuni jalqaba qawwee AK -47 jedhamu qabate jedhamee ture.

    Boodarra garuu gosa qawwee SKS jedhamuufi rasaasa of keessaa qabu qabatuutu barame.

    Kunis, bulchiiinsa Filooridaa keessa akka hin oomishamne ragaan mana murtii keessaa argame ibseera.

    Lakkoofsi gabatee konkolaataa inni oofaa ture kana dura kan hatame akka ta’e gabaafamuun ni yaadatama.