Hezboollaan ajajaa waraanaasaanii haleellaa qilleensaa Beerutiin ajjeeffame awwaalan
Israa'el halkan darbe Beeruti keessatti bakka Hezboollaan irra rookkeettii dhukaasu haleeluu yoo himu, gareen milishootaa misaa'eloota 150 daangaa Israa'el keessatti dhukaase.
Guduunfaa
- Rokkeetiin hedduun Libaanosirraa gara Israa’elitti dhukaafamaa bule
- Tiraamp falmii filannoo marsaa lamaffaa Kaamalaa waliin hin gaggeessu jedhe
- Israa'el ajajoota waraanaa Hezboollaa 12 ajjeesuu himteHaleellaa Israa'eliin ajajaan Hezboollaa ajjeefame
- Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
- Israa'el magaala Beerutitti haleellaa gaggeessuu beeksifte
- Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
- Jeettiiwwan waraanaa Israa'el Beerut irra balalii'uun 'doorsisaa jiru'
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Ajajaan Israa'el kaabaa haleellaa 'itti fufna' jedhe
Kaabatti Qondaalli Ajajaa Raayyaa Ittisaa Israa'el (IDF) ajajaan Raayyaa Ittisa Israa’el (IDF) Meejar Jeneraal Orii Gordin, “Hezboollaa irraan miidhaa guddaa geessifneerra, ammas haleeluu keessa baayyee gallee itti fufna,” jedhan.
"Yeroo jijjiiramaarra jirra. Ergama ittisa cinatti karoora haleellaa dabalataa Hezboollaa irratti raawwachuuf qophii olaanaa irratti argamna," jechuun ture ibsa IDFn baafame keessatti hoggantoota bulchitoota naannoo Kaaba Israa'elitti kan dubbatan.
US dubbii akka hin hammeessine Israa'el akeekkachiifte

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Ameerikaa muddamni waraanaa daangaa Libaanosirratti hammaataa jiru faallaa dantaashee ta’uu Israa'elitti himuu beeksise.
Kan kana jedhan dubbi-himaan nageenya biyyaalessaa Waayit Haawus Joon Kirbiiti.
Kirbiin Dilbata ganama sagantaa ABC "This Week" jedhamurratti haasaa taasisaniin, tajaajilli lola dhiheenya kana dabaluu isaatiin ''furmaata dippilomaasii argachuuf yaaluun hangam barbaachisaa akka ta'e nuuf mirkaneessuuf'' jedhan.
"Sun hangam akka ulfaatu eenyullee hubachuu hin oolu," jedhan. "Haata'u malee, sana jechuun harka kennina jechuu miti," jedhan.
Kirbiin itti dabaluun, qondaaltota Israa'el "waldhabdee waraana kana hammeessuun faayidaa isaaniif akka qabuutti akka hin amane itti himuu kaasa. Akkasumas, kaayyoo waraana Israa'el (IDF) Israa'eloota kaaba biyyattii buqqa'an gara qe'eesaaniitti deebisuu keessattiskaayyoo IDF galmaamaan ga'uuf akka hin gargaarre dubbatan.
Kirbiin gaaffiifi deebii addatti Dilbata Fox waliin taasisaniin, dippilomaasiin ''maatiiwwan garasiitti akka deebi'an taasisuuf mala hundarra gaarii ta'edha'' jedhan.
Libaanos Gaazaa biraa ta'uu dandeessi - Gutareez

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Antoonii Gutareez Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, haalli Libaanos keessaa kan sadarkaa lola Israa’elii fi Hamaas gidduutti geggeeffamaa jiruutiin wal fakkaatu ta’uu akka danda’u yaaddoon qaba jedhan.
Gaaffii fi deebii guyyaa Kamisa darbe gaazexeessaa CNN Fareed Zakaria waliin waraabame keessatti, Gutarrez dhohinsi meeshaalee quunnamtii torban darbe mudate akka haleellaa dursee oppareshinii waraanaa guddaa keessatti ilaalamuu akka danda’u dubbatan.
"Wantoonni kun jiraachuun isaanii hammachuu baayyee cimaa ta'uu danda'a jechuudha, kanatu na yaaddessa. Libaanos gara Gaazaa biraatti jijjiiruun akka danda'u, kunis addunyaaf balaa hamaa ta'a jedheen yaada," jedhan.
Marii amma waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiru irrattis abdii kutannaa ibsaniiru.
''Mootummaan Israa'ees ta'e Hamaas dhuguma dhukaasa dhaabuu hin barbaadan,'' jedhan. "Sun anaaf ifaadha. Wanti mariirratti kaa'amee jirus baay'ee sababa qabatamaa waan ta'eef gama lachuunu fudhachuuf eddoo qabaachuu qabu."
Viidiyoo Rookeettii Hezboollaa naannoo mana jireenyaa Israa'el rukute agarsiise
Ibsa waa'ee viidiyoo, Hezbollah rockets hit residential areas in Israel Hezboollaa halkan darbe rookkeettiiwwan Libaanos irraa dhukaase, haleellaawwan kanaan dura caalaa Israa’el keessa baayyee seenee gadi fageenyaan bu’e.
Kiriyaat Biiyaalik keessatti gamoowwan mana jireenyaa ibiddaan gubachuun namoonni muraasnis madaa’anii ture.
Gareen lubbuu baraarsitootaas namoota madaa’an yaaluuf bakka sana kan gahan yoo ta’u, humnoonni nageenyaa Israa’el naannoo sana marsanii ture.
Suuraalee: Hezboollaan sirna awwaalcha dureewwan isaaniirratti

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonnii fi dureewwan Hezbollaa ajajaa olaanaa isaanii Ibraahim Aqiil, kan haleellaa qilleensaatiin torbana kana ajjeeffame irratti argaman 
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Sirni awwaalchaa orkeestirii olaanaa qabu kun kan raawwatame bakka gareen Hezboollaa deeggartoota hedduu qabu fi bakka haleellaa Israa'eliin lubbuun namoota galaafatame kibba Beerut itti dhihoo jirutti raawwatame 
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Hezbollaa waldhabdeen isaa fi Israa'el gidduu jiru bakka hammaataa dhufeetti, ajjeechaa Aqiil haaloo ba'uuf dhaadateera Hoggantoonniifi loltoonni Hezboollaa sirna awwaalcha Beerut irratti hirmaatan

Hoggantoonnii fi loltoonni Hezboollaa sirna awwaalcha dureewwan haleellaa qileensaa Israa'el tibbana Beerut irratti raawwateen ajjeeffaman irratti argaman.
Itti aanaan barreessaa olaanaa Hezboollaa, Sheek Naayim Qaasim argamuun tarree dursaa keessa taa'an.
Abbootiin amantii Shi'aa hedduun uffata adii uffachuun irratti argamu.
Loltoonni uffata lolaafi kuffiyyaa diimaa uffachuun alaabaa keelloo fi magariisa garee Hezboollaa qabatanii baandii fuuldura dhaabbachuu xiyyeeffannoo argachaa turan.
Yeeyyiin daa'imman aadamsan Hinditti rifaatuu uuman
Israa'el 'tarkaanfii barbaachisu kamiyyuu' Hezboollaarratti fudhachuuf qophiidha- Neetaaniyaahuu

Madda suuraa, Israeli government
Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu, Israa'el ''tarkaanfii barbaachisaa ta'e kamiinuu fudhachuudhaan nageenya deebisuun'' namoota daangaa Israa'eliifi Libaanos jiran nagaadhaan gara qe'eesaaniitti deebifti jedhan.
Waldhabdee Hezboollaa waliin hammaataa dhufe kanarratti ibsa viidiyoo karaa tora X irratti kenneen, Netaaniyaahuun gareen Iraan deeggaramu kun Onkoloolessa 8 irraa eegalee “guutumaan guutuutti osoo hin kakaasne” Israa’el irratti haleellaa raawwachuun, lammiileen Israa’el 60,000 ta’an manasaanii daangaa irratti akka gadhiisaniif dirqisiiseera jedhan.
"Ji'oota isaan boodaatiifis nu haleeluu guyyaa tokkollee hin dhaabbanne," jechuun itti fufe.
"Biyyi kamiyyuu magaalota ishee irratti rokkeettii akka malee darbatamu fudhachuu hin dandeessu. Nutis fudhachuu hin dandeenyu," jedhan.
'Yuutuberri' Addunyaa beekaman maaliif dubartoota shaniin himatame?
Iraan keessatti dhohinsa bakka albuuda baasuutti muudateen yoo xiqqaate namoonni 51 du'an

Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Iraan bakka albuudni cilee bahu. Dhohinsi gaazii Baha Iraan naannawa albuuda dhagaa cilee baasauutti muudateen yoo xiqqaate namootni 51 darbuu miidiyaaleen mootummaa biyyatti gabaasaniiru
Dhohinsa kanaan kanneen du’an malee namoonni 20 ol madaa’aniiru.
Dhohinsi kun magaalaa guddoo Tehran irraa gara kibba bahaatti km 540 fagaatee bakka argamu fi albuudni dhagaa cilee baafamu bakka lamatti dhoyiinsa Gaazii metaan uumameera.
Bulchaan Kibba Kihorasan Javad Genaatzadeh yeroo dhohinsi kun mudate hojjettoonni 69 bakkicha keessa akka turan himaniiru.
Namoonni meeqa akka lubbuun hafanii fi bakka albuuda kana keessatti Ugguramanii hafan ammallee ifa miti.
Hanga yoonatti reenfi namoota 51 ta’anii argamuu fi lakkoofsi kun ol guddachuu akka malu miidiyaan biyyattii kan gabaase.
Hogganaa Dhaabbata Qaxxaamura Diimaa Iraan wabeeffachuun TVn mootummaa akka beeksisetti namoonni 24 achi buuteen isaanii dhabamera.
Pireezdaantiin Iraan Masohud Pezeshekiyaan maatii namoota miidhamaniif gadda itti dhagahame ibsaniiru. Ammalle barbaachi namoota hanga yoonaa hin argamanii itti fufu fi deeggarsa barbaachisu kan taasisan ta’uu ibsan.
Bara darbe dhohinsi naannawa albuuda dhagaa cilee magaalaa kaaba Dameghan keessatti mudate lubbuu namoota 6 darbuun kan yaadatamuudha.
Turkiin amma hariiroo Somaaliyaa waliin cimsuu maaf barbaadde?
Ameerikaa-Alaabaamaatti dhukaasa banameen afur ajjeefamanii hedduun madaa'an

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaa-Alaabaamaa magaalaa Birmingihaam keessatti dhukaasa jumlaa raawwatameen yoo xiqqaate namoonni afur du’uufi baayyeen madaa’uu poolisiin beeksise.
Sambata galgala naannoo magaalattii bakka Five Points South keessatti jedha “Dhukaastoota hedduu ta'uudhaan garee namootaa irratti dhukaasa baayyee banuu” jedhe poolisiin Birmingihaam, Tirumaan Fitzgeraald.
Poolisiin reeffa dhiiroota lamaafi dubartii tokkoo bakka balaan kun itti raawwatameetti kan argate yoo ta’u, namni 4ffaan ammoo madaa rasaasaatiif hospitaala erga geeffameen booda achumatti du’uu himaniiru.
Qorattoonni hidhattoonni kunneen gara namoota miidhamoo kanneenii kan imalan miilaan haata'u ykn ammoo konkolaataan akka deeman adda baasuuf qorachaa jiru jedhan Fitzgeraald itti dabaluudhaan. Hanga ammaattis taate kanaan wal qabate shakkamaan to'annoo jala oole hin jiru.
Maanchister Siitii v Arsenaal, morkii waancaa baranaa fi haloo bara darbee akkamiin xumurama?
Namoonni haleellaa Beerut Jimaataatiin du'an 45 gahe

Madda suuraa, EPA
Baayyinni namoota haleellaa guyyaa Kamisaa Beerut bakka Hezboollaan deeggarsa cimaa qaburratti raawwatameen du'an gara 45 gahuu ministeerri fayyaa Libaanos beeksiise.
Waraanni Israa'el (IDF) ammoo haleellaa qilleensaa gamoo magaalaa guddoo Beerut keessa gara kibbaatti argamurratti raawwateen, qondaaltoota olaanoo garee hidhatee hedduu ajjeessuu beksiisee ture.
Waldhabdeen Israa'eliifi Hezboollaa naannicha keessatti babal'achaa jira
Waldhabdeen Israa'eliifi Hezboollaa gidduutti dhalate daran hammachuun qaxanicha keessatti babal'achaa jiraachuun himame.
Haleellaan guyyaa Dilbataa Israa’eliifi Hezboollaa gidduu ture kanaan rokkeetonni gadi fagaatanii gara Israa’el keessa balali’uufi haleellaan cimaan waraanni Israa’el gara Libaanos keessatti raawwtti dhukaafamaniiru.
Kun ammoo waldhabdee isaan jidduu gara waggaa tokkotti dhiyaatuufi irra jiraa kan naannoodhuma daangaatti daangeefamuun hammaateen booda kan dhufedha.
Libaanos keessatti amma waraanni guutuu biyyattiitti kan dhaga’ame yoo ta’u, namoonni nagaa deeggartoota Hezboollaa ta'anis hin taanees rakkoo nageenyaa kana jidduutti qabamaniiru.
Tokkoffaa, haleellaa dhoohiinsa meeshaalee quunamtii bal'aa Israa'eliin akka raawwatame amaname irratti Israa'e yaada omaatu hin kenniine.
Sana booda Jimaata darbe, gamoo mana jireenyaa Beerut, kutaa Daahi'eh, kan uummata hedduun keessa jiraatuufi naannoo Hezbollaan buufate, osoo miseensonni waraana olaanoo garee Hezboollaa lafa jala walitti qabamanii bakka jiraniitti haleellaa qilleensaa Israa’eliin barbadaa’e.
Haleellaa kanaanis daa'imaaniifi dubartoota dabalatee namoonni nagaa ajjeffamun gabaafameera.
Haata'u malee Hezboollaan ammallee miira haaloo bahumsaa keessa jira.
Kaleessa deeggaraan gariichaa tokko gabaasaa Baha Jidduugalaa BBCtti akka himeetti, haleellaan Israa’el dhiheenya kana raawwatte qaama tooftaa garee kana kakaasuun deebii cimaa kennuu fi waraana kakaasuuf qophaa’edha jechuun, yaada kanas namoonni naannichaa hedduu kan qooddattan ta'u kaasu.
Israa'el qondaala waraanaa olaanaa Hezboollaa Beerut keessatti ajjeeste
'Waraana US ganuun barbaada, lamuu itti deebi'uu hin fedhu'- Loltuu US Kooriyaa Kaabaa seene
Milishaan Iraaq haleellaa Hezboollaatti makamuu mirkaneesse

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Diddaa Islaamaa Iraaq (IRI) haleellaa halkan eddaa Hezboollaan raawwate waliin ta’uudhaan Iraaq irraa dirooniifi misaa’ela Israa’el irratti furguggisuu ibseera.
Garichi ibsa walitti fufiinsaan kenneen, milishoonni Iraaq keessa buufate kun Israa'el keessatti bakkeewwan hin ibsamne irratti haleellaa adda addaa lama raawwachuu isaanii kan himan yoo ta'u, kunis ''Kiruuz Misaa'eli kan Al-Arqab'n hojjetee gara barii jala kaaba Israa'el keessatti eddoowwan irratti xiyyeeffataman irratti dhukaaseera'' jedhe.
Ibsa dabalataa Dilbata ganama baaseen, gareen kun diroonii fayyadamuun Israa'el keessatti ''galma murteessaa ta'e'' rukkute jedhe akka ogeeyyiin afaan Arabaa BBC Monitoring jedhanitti.
Kanaan dura dubbi-himaan Waraana Israa'el (IDF) gaazexeessitootaan, halkan tokkotti Iraaq irraa Israa’el rukutuuf yaaliin lama taasifamaa ture jedhanii ture.
Waraanni Israa'el ibsa baaseen dhukaasawwan gara bahaatti dhukaafaman fashalaa'uun miidhaafi ajjeechaa omaa hin raawwannee jechuun ibsee ture.
Akka itti hantuunni kallattii balaliinsa xiyyaaraa jijjiirsifte
