Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsanaal 4-2 Leeds: Pierre-Emerick Aubameyang erga hatriikii dalage booda Arsenaal galateeffate
Piyeer Emerik Obaamaayaang erga goolii sadii galchuun Liids injifatan booda, Arsenaal ''yeroo cimaa'' dabarse keessa deeggarsa isaaf godheef galateeffateera.
Taphataan ganna 31 kun erga harmeen isaa dhukkubsatanii booda, Amajjii keessa taphootni lama jala taraniiru.
''Namni hunduu jaalala anaaf, haadhakoof akkasumas maatii koof agarsiisaa turan,'' jechuun jifataan kun Sky Sports'tti hime.
''Kilabichaafi deeggartoota hundaaf galatoomaa jechuun fedha.''
Obaamayaang galchiisaa qaraa daqiiqaa 14ffaa irratti kan galche oggaa tahu, ka lammeessoo ammoo rukuttaa peenaalitiin galche.
Taphataan sarara duubaa Hektor Belariin ammoo goolii sadaffaa boqonnaa bahuun dura galche.
Boqonnaa booda deebi'anii hedduu osoo hin turiin, Obaamayaang gooliisaa sadaffaa mataan dhawee galchuun 'hat-trick' dalage. Kunis Pirimeer Liigiirratti isa jalqabaati.
Gareen morkataa Liids 4fi 0n durafamuurraa ka'anii goolii lama Struijk fi Koostaa galchaniin, Arsanaaliin sossodaachisuu eegalanii turan.
Tahus garuu taphichi 4 - 2 taheen akkasumatti goolabame.
Kanaanis Arsenaal sadarkaa Pirimeer Liigiirratti Liids caaluun 10ffaa galeera.
'Haatirikiin kun waan guddaadha'
Erga ji'aati as yeroo jalqabaaf jalqaba kan hiriire jifataan Arsenaal - Obaamayaang, kilaba Landan kanaaf hagam qaalii akka tahe mirkaneesseera.
''Hatirikiin kun anaaf hiikaa guddaa qaba,'' jedhe taphataan sarara fuulduraa kun.
''Ani nama yeroo hunda cimee hojjetudha. Yeroon dabarse hedduu rakkisaa ture.''
Erguma taphichi tokko jedhee eegalee kaasee, taphataan lammii Gaaboon kun si'oomina guddaan taphachaa ture.
Kunis taphataa Arsenaal erga tahee booda yeroo lammataaf hatirikii hojjete - yeroo duraaf tapha tokkorratti goolii sadi kan galche Caamsaa 2019 Liigii Awurooppaarratti, tapha Vaaleensiyaa wajjin taasisan irra ture.
Leenjisaan kilabichaa Mikeel Arteettaas taphataa kana jajuuf yeroon dheeraa itti hin fudhanne ture. Taphataan kun milkaa'ina Arsenaaliif taphataa ''furtuudha'' jedhe.
''Goolii Piyeer Emerik Obaamaayaang dhabnee turre. Isas gahumsasaa guutuun arguuf yaadaa turre,'' jedhe Arteettaan.