Pirimyeer Liigii Ingiliiz: 'Goolii 4-1 injifatamuu keenya ibsuun akkaan ulfaata' - Kiloop

Maxxanfame

Taphni Piriimiyeer Liigii Ingiliz shaampiyoonaa bara darbee Liivarpuuliifi kan barana liigicha dursaa jiru Maanchistar Siitii gidduutti taphatame injifannoo Siitii 4-1 goolabame.

Siitiin dirree Liivarpuul Anfiilditti yeroo injifatu erga bara 2003 kun kan jalqabaati. Peep Gaardiyoolaan ammoo yeroo jalqabaaf leenjisaa Siitii ta'uun Anfiilditti argaman.

Walakkaa jalqabaa tapha kanaan gareen lachuu goolii osoo hin galchiin boqonnaa bahan. Ta'us garuu Siitiin rukuttaa peenaalitii argate Gundogaan galchuu osoo hin danda'aiin hafeera.

Boqonnaa booda taphni jalqabamee daqiiqaa afuritti Gundogaan goolii jalqabaa galche.

Liivarpuul rukuttaa peenaalitii argatee Moo Saalaan lakkoofsiseen qixxee ta'uu danda'us, dogoggoroota goolii eegaan Liivarpuul kan miidhamaa deebi'e Alisan Beeker hojjeteen Siitiin gooliiwwan biroo sadii galchuun injifannoo murteessaa ta'e argate.

Injifannnoo kanaan Siitiin qabxii shaniin kan lammaffaarra jiru Maanchistar Yunaayitid dursaa jira. Siitiin osoo tapha tokko harkaa qabuu, Liivarpuuliin ammoo qabxii 10'n dursuu danda'eera.

Leenjisaan Liivapuul Kiloop, BBC Sport'tti yoo himan ''tapha gaarii fi dogoggora guddaan daawwadhe. Tapha kamuurratti dogoggoroota akkasii yoo raawwattu, gooliin sirratti lakkaa'amuu hin oolu.''

Taphni walakkaa jalqabaa gaarii akka ture dubbatan Kiloop.

Boqonnaa booda tooftaa jijjiiratanii galan, nutimmoo sarara gidduutti sochii gahaa gochuu hin dandeenyee jedhan.

''Kubbaa miilaa taphannetti gammadeera. Goolii 4-1 injifatamuu keenya ibsuun akkaan ulfaata.''

Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa gama isaan boqonnaa booda ''gahumsaan taphni taphanne adda addummaa uumeera'' jedhan.

"Waggoota hedduuf asitti injifachuu hin dandeenye ture. Yeroo itti aanu bakka uummatni jirutti injifanna jedheen abdadha. Anfiild qormaataan kan guutame jedhan.

Injifannoo barbaachisaa ta'e ta'us dubbatanii taphoota walitti aanan 10 injifachuun addadhas jedhaniiru.