Totanihaam 2-0 Arsenaal: Aubameyang tibbana maaliif goolii galchuu rakkate?

Maxxanfame

Xiinxalaan kubbaa miilaa Jermaine Jenas jifataan Arsenaal Pierre-Emerick Aubameyang galchii galchuuf rakkachuu isaa ilaalchisee ''akka galchu waan ofitti amane hin fakkaatu,'' jedha.

Tapha darbii guyyaa Dilbataa Totanihaam waliin taasisan irratti, Totanihaam 2 fi 0n Arsenaaliin injifataniiru.

Akka Jenaas jedhutti, warri Gunners (maqaa Arsenaal ittin beekamu biraa) kubbaa qabatanii taphachuun gaarii turanis, warra Spurs'f (maqaa Totanihaam ittin beekamu biraa) garuu tasumaa yaaddoo waan itti tahan hin fakkaatan ture.

Gabatee liigichaa wayita ilaaltan tarii Arsenaal haalaan gadi bu'ee argama taha, kun garuu haala qabatamaan gahumsi isaanii akka sadarkaa amma irra jiranii waan hagas gadi bu'e natti hin faakkatu.

Garuu wanti tokko ifadha - ofitti amanamummaa qabaachuun daran rakkachaa jiru.

Kanarratti dabalee ammoo taphataan waqtii taphaa dabre keessa, haalaan taphachuun qabxiiwwan gaggaarii isaanii argamsiisaa ture, gahumsi isaa daran laafe.

Waa'ee Piyer-Emerik Obaameyaang dubbachaan jira. Bara dabre keessa taphoota 35 irratti gooliiwwan 22 galchee ture, barana garuu taphoota 11 irratti lama callaa galche.

Taphataan sarara fuulduraa ykn jifataan kamuu yeroosaa keessatti, gahumsi gadi bu'uun mudachuun waanuma baramedha. Obaameyaangis kanumatu mudachaa jira.

Erga waqtiin taphaa baranaa eegalamee as yeroo dhumaatif Sadaasa 1 Maanchistar Yunaayitid irratti rukuttaa peenaaliitii galche.

Aubameyang akka galchu waan amane hin fakkaatu

Tapha Dilbataa irratti carraa goolii galchuu argatee ture - wayita Kiyeraan Tiyernii kubbaa bareedaa tahe dabarseefi ture tahus, inni garuu baay'ee osoo itti hin dhimmamin mataan rukute.

Kunis taphataa nan galcha jedhee amanurraa waan dhufe miti.

Kana malees si'a tokkos kubbaa rukutee Toby Alderweireld'n kan deebifames haaluma walfakkaataa qaba. Aubameyang ittisaa kana bira kutee waan darbuuf yaade hin fakkaatu, yaaliis hin goone.

Hanqinni jifachuu Arsenaal eessa jira?

Obaameyaang akka bara dabreetti taphachaa hinjiru jennus, kun hundi garuu rakkoo isaa qofa miti. Kubbaan isa qaqqabuus akka durii miti.

Tapha Totanihaam waliin godhaniin karoorri Arsenaal, kubbaa gara dhaattuu baasanii, naannoo galchiitti olkaasaanii dabarsuu ture. Hedduu akkas godhan.

Kana jechuunis Obaameyaang, Aleksaandar Laakaazet, akkasumas Edii Nikeetiyaah, ittistoota Totanihaam waliin kubbaa argachuuf ol utaaluun isaanirra ture.

Kunimmoo yeroo hedduu waan milkaa'u miti. Achis leenjisaan warra Spurs Moorinoon inumaa ittisaa tokko boodarra itti daran.

Amma dura gareen Arsenaal haala taphaa kanaan olitti akkaataa taphaa qabu turan - dandeettii fi waa haaraa uumuu kana caalu qabu turan. Leenjisaan isaanii Arteettaan kana caalaa hojjechuun, kana deebisuutu isarra jira.

Wayita gahumsa gaariirraa jira Obaameyaang kubbaa gama oliin dhufan to'atee to'achuun maqaa gaarii qaba - kun garuu haala taphaa Arsenaal barame miti.

Qaawwa garee morkataa isaanii barbaaduu, akkasumas sarara biraa fayyadamuun, kubbicha ittisaa bira dabarsuun jifattoota isaanii biraan gahuu qabu. Haala taphaa amma jenne garuu, tapha Totanihaam waliin hin agarre.