Dhaddachi Tiraamp maallaqa taatoo saalqunnamtii callisiisuuf kaffale ilaalu bara 2024tti darbe

Maxxanfame

Duulli filannoo kaadhimamaa pirezedantummaa warra Rippabilikaanotaa wayita cimutti, Doonaald Tiraamp Bitootessa 2024 himannaa yakkaan akka qoratamuuf Abbaan murtii Niwuyork ajaje.

Pirezedantiin duraanii Ameerikaa oduu kana kan dhaga’an dhaddacha Kibxata darbe maallaqa taatoo fiilmii saalqunnamtiif kaffalame dhoksuun shakkamu ilaalurratti ture.

Tiraamp galmee daldalaa waliin dhahuu waliin himannaa walqabatu 34tu irratti dhiyaate.

Tiraamp himannaa himannaa irratti dhiyaate hunda ji’a darbe haalan.

Dhaddacha booda Tiraamp yeroo qorannoo yakkaa gaggeeffamu kanatti mufachuu miidiyaa hawaasaa isaanii‘Truth Social’ jedhamurratti ibsan.

''Yeroon qorannoo yakkaa kun Bitootessa 25,2024 tti nu dirqisisan, yeroo paartileen kadhiimamaa isaanii filatanii duuba hiriiran walakkaatti,'' jedhanii barrreessan Tiraamp.

Tiraamp itti dabaluun ''waanti kun sirrii miti, filannoo gidduu seenudha,’’ jedhan.

Tiraamp barreeffama kana miidyaa hawaasaa isaaniirratti kan maxxansan abbaan murtii Juhaan Merchan, himanni kun duula filannoo gaggeessuu akka hin dhorkine ibsuusaanii sa'aatiiwwaan muraasa booda ture.

Abbaan murtii Merchan akkas jedhan: ''Tiraamp himannicha haaluuf bilisummaa qaba, falmachuuf bilisummaa qaba,'' jedhan.

Tiraamp yeroo dheeraaf himannichi siyaasa kan bu’uureffate, kaadhimamaa pirezedantummaarraa na gufachiisuf jechuun himataa turan.

Bitootessi 24 Tiraampif yeroo muddamaati, dorgomtoonni biroo yeroo kaadhimamaa Rippaabilikaanota bakka bu’u ta’uuf waldorgomaniidha.

Dhaddachi tibbanaa kun yeroo lammaffaaf Tiraamp kan mana murtiitti deebi’aniidha.

Tiraamp jalqaba hidhamuun Ebla keessa mana murtii Niwuyorkitti dhiyaate.

Sana booda himannaan burjaajii uumuun walqabatu 34 irratti dhiyaate.

Himannawwan doolara 130,000 taatoo fiilmii saalqunnatii Istoomii Daani’elsiif kaffaluun walqabatu Daani’elsi akka saalqunnamtii Tiraamp waliin raawwachuu hin himneef ta’uutu himama.

Daani’elsi akka calliftuu maallaqa kaffaluufiin yakka miti, haa ta’u malee, himanni Tiraamp irratti dhiyaate kun ogeessa seeraa duraani Tiraamp irratti xiyyeeffata.

Tiraamp galmee daldalaa isaa kaffaltii seera qabeessa jechuun sobuun himatame.