Dhaabbatni Donaald Tiraamp gibira waliin dhahuun balleessaa dha jedhame

Maxxanfame

Dhaabbatni maatii pireezidantii duraanii Ameerikaa ijaarsa gamoowwanii irratti bobba'ee jiru yakka gibiraan wal-qabatuun balleessaa dha jedhameera.

Oolmaa dhaddachaa guyyaa lama booda dhaabbatichi himannaa irratti baname hundaan Kibxata kaleessaa balleessaa jedhamuun irratti murameera.

Haa tahu malee Obbo Tiraampis tahe, maatiin isaanii dhaddacha kana irratti hin argamne.

Tahus pireezidantiin Ameerikaa duraanii kuni ol akka iyyatan himuun, murtoo kennameen ''kan nama gaddisiisuufi duula siyaasaa narratti baname dha,'' jedhaniiru.

Dhaabbatichi hoggantootasaa sadarkaa olaanaarra jiran faayidaa isaaniif hin malle waggaa kudhanii oliif kennee duroomsuun balleessaa irratti argameera.

Konkolaataawwan qananii, kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa, kanneen gibirri irraa hin fudhatamneefi hamma dhaabbatichi kaffaluu malurraa hir'isamanii kan dhiyeessamaa turani dha.

Dhaabbatni kuni adabbiin doolaara miiliyoona 1.6 isa eeggachuu mala, kana malees liqiifi tajaajiloota faayinaansii waliin wal-qabatan argachuu irratti rakkachuu mala.

Obbo Tiraamp himannaa isaan irratti baname kana shira siyaasaa of keessaa qaba jechaa turan. Hogganaa faayinaansii dhaabbatasaa duraanii Aleen Weesbarg jedhamu kan amma faallaa dhaabbatichaa tahuun ragaa baheefi balleessaa mana murtiitti amanes komataniiru.

Ibsaa dhiyeenya baasaniin hogganaan Riippaabliikaanaa duraanii rakkoo naamuusaa hoggansa faayinaansii nama tureen dhaabbatni Tiraamp guutuun maaliif arii'atamaa jira jechuun Aleen Weesbarg ofiisaa akka gibira waliin dhahu himan.

''Seenaa biyyattii keessattis duula siyaasaa isa guddaa dha kuni, Nuuw Yoork keessatti Tiraamp tahanii jiraachuun rakkoo dha,'' jedhan..

Dhaddachi torbee ja'a fudhate dhaabbatni Tiraamp hoteelota, tapha goolfii fi qabeenya kan biraa bulchuu aadaa waliidhahuufi gowwomsaa keessa jira jedheera.

Sagantaa hogganootni olaanoo dhaabbatichaa,''beenyaa isaaniif kennamu gad-xiqqeessanii,'' itti himatan qaba, haala kanaan gibirri kaffalan isa sirrii irraan baayyee gad bu'aa tahee dhiyaataa jedhan aabbootiin alangaa.

Sagantaan waliin dhahuu dhaabbatichaa kuni hogganooti,''gammadoofi amanammoo akka tahaniifi,'' jedhan Aabbaa alangaa olaanaa Jooshuwaa Isteengilaas dhuma dhaddacha kanaarratti. Dhaabbotni Tiraamp lama biroos himanna 17 gibira waliin dhahuufi galmee daldalaa sobaa qopheessuun balleessaa jedhamaniiru.

Abbaan alangee bulchiinsa Maanhaatan Alviin Biraag murtoo kenname dinqisiifataniiru.

''Waggoota 13f dhaabbati Tiraamp hogganoota olaanoo fayyadaa gibira waliin dhahaa ture,'' jedhaniiru.

Hogganaan faayinaansii duraanii dhaabbata Tiraamp Weesbarg nama ganna 75 yoo tahu ragaa bahumsa mana murtiif kenneeniifi balleessaa amaneef mana hidhaatti baatii shan caalaa hin dabarsu. Tahus gara doolaara miiliyoona 1.7 kaffaluun irra jiraata.

Ijoolleen hangafaa sadii Tiraamp qofa qofaattti himannaan irratti banamuu mala.