Masjiidi Al-Aqsaa Yerusaalemitti argamu leellistoota Israa'eliin yaaddoo keessa galuu malaa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

"Guutummaan lafa Israa'el ijoollee Waaqayyootiif kakuu galameefira... dhalli namaa hundi dhufee waloon kan itti sagadu Mana Qulqullummaa haaraa bakka kanatti [iddoo masjiidi al-Aqsaa jirutti] ijaaruuf deeman," jedha nama siyaasaafi leellistoota Israa'el keessaa tokko kan ta'e Mooshee Feeyigliin.

Moosheen dargaggoota 20 ta'an mooraa masjiida al-Aqsaa seenuun kadhannaafi faaruu amantii taasisaa osoo achii bahaa jiruu BBCtti dubbate. Dubbiinsaa kun falmisiisafi dheekkamsa akka kaasu tokkollee sammuudhaa waan qabu hin fakkaatu.

Moosheefi namoota akka isaatiif kun waanuma salphaadha. Mana Qulqullummaa Yihudootaa bakka Musliimonni waggaa 1,400o akka iddoo qulqulluutti ilaalan, masjiida al-Aqsa, irratti ijaarudha.

Mooraan masjiida al-Aqsaa addunyaarratti iddoo akkaan falmisiisaa ta'eedha. Hordotoota amantaa Islaamaa biratti al-Haraam al-Shariif (Noble Sanctuary) jedhamuun beekama. Yidoonni ammoo bakka kana Tempil Maawunt jedhanii waamu- iddoo Manni Qulqullummoo Solomoon tureedha jedhanii waan amananiif.

Masjiidi al-Aqsaa mooraa al-Haraam al-Shariif ykn Tempil Maawunt keessatti argamu kun magaalaa Yerusaaleem keessaa bakka hawwataafi fageenyarraa mul'atuudha.

Nabiyyuu Mohaammad bakka masjiidi al-Aqsaa itti argamurraa gara Jannataatti ol fudhatame jedhamee amanama. Bakki kun iddoowwan hambaalee seenaa jedhamuun UNESCOtti galmaa'an keessaa tokkoodha. Hordoftoota amantaa Islaamaa biratti, Makkaafi Madiinatti aanuun iddoo qulqulluu isa sadaffaadha- garuu haalli kun jijjiiramuuf deemaa?

Bakki amantaa Yihudii keessattis iddoo guddaa kan qabuudha. Mooradhuma masjiida al-Aqsaatti aanee iddoon Yuhudoonni itti wal-gahuun kadhata gaggeessan Western Wall jedhamu jira.

Impaayerri Roomaa Mana Qulqullummaa Yihudootaa waggaa 2,000 dura mooraa Tempil Maawunt keessa ture mancaasuu isaa kan itti yaadataniidha.

Akkaataa wal-hubannoo waggoota hedduuf tureetti, mooraa al-Aqsaa ykn Tempil Maawunt bulchuuf itti gaafatamummaa kan qabu Isra'el osoo hin taane, dhaabbata Yordaanos Waqf jedhamuudha.

Namoonni hordoftoota amantaa Islaamaa hin taane, mooraa kana seenanii daawwachuu ni danda'u, garuu bakkichatti sagaduu ykn sirna amantaa kan Islaamaa irraa addaa ta'e gaggeessuu hin danda'an.

Barsiisonni Seeraa amantaa Yuhudii fi barsiisonni altiraa Ortodoksii warri jedhaman mooraa masjiida al-Aqsaa seenanii kadhannaa gaggeessuu hin jajjabeessan.

Namoonni akka Mooshee, nama siyaasaa amanatii leellisu, barsiifata tureefi waliigaltee Israa'elifi Yordaanos gidduu jiru cabsuun bakkicha seenuun haala ture jijjiiruu barbaadu.

'Giddugala amantaa garaa garaa

Dhiyeenya ammoo qondaalonni Israa'elifi Ameerikaa dhimma mooraa masjiida al-Aqsaa ilaalchisee waliigalteen ture akka hafu irratti hojjachaa jiru gabaasi jedhu bahuu hordofee yaaddoo cimaa uumera.

Miidiyaan Middle East Eye maddeen heddu irraa odeeffachuu ibsuun akka gabaasetti, mootummaan Israa'el qaama dhimmicha hordofu hundeessufi qaamni hundaa'e kuni ammoo mooraa al-Aqsaa "giddugala amantaa garaa garaa" jedhee labsuu mala.

Waa'ee gabaasa dhimma haala mooraa al-Aqsaa jijjiiramuuf deema jedhuu ministiirri dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoo gaafatamanii, homaa odeeffannoo akka hin qabne dubbatan.

Israa'elitti ambasaaddara US kan ta'an, Maayik Hakaabee Yihudoonni iddoowwan qulqulluu Yerusaalemifi Weest Baank keessatti argaman waliin hidhata cimaa akka qaban irra deddeebiin dubbataa turan.

Gabaasaalen biroo yihudoonni bal'inaan mooraa al-Aqsaa keessatti akka sagadan ni ni hayyamamaaf. Sana booda adeemsa keessa bulchiinsi isaa adeemsa keessa harka Israa'el galfama.

Israa'el waraana Israa'el-Arabootaa bara 1967 gaggeeffameen, Baha Yerusaalem dabalatee iddoowwan seena qabeeyyii Yerusaalem keessatti argaman to'atte.

Wajjirri Ministeera Muummee Israa'el irra deddeebiin gaafatamee, bulchiinsa masjiida al-Aqsaa ilaalchisee haala duraan ture irraa waanti jijjiirame akka hin jirre deebise.

Itaanaa Gaggeessaa dhaabbata kan ta'an Dr Musxafaa Abu Siwaay, haalli bulchiinsa iddoo qulqulluu kun tasumaa jijjiiruu yaaduun rakkoo cimaa akka qabu hima.

Al-Aqsaan dhimma belbeltuu ta'uu kaasuun, seenaa dahoo godhatanii bakkichi naaf malaadhaan haala ture (Status Quo) jijjiiruun Musliimotaafi Yihudoota gidduutti rakkoo cimaan akka dhalatu gochuu ta'uu ibsu.

Bulchiinsa al-Aqsaa haala amma jiruun yoo itti hin fufne ta'e, "naannichatti nagaan akka hin buune balbala banaafu namni hunduu [amantaan] akka walirratti ka'u gochuudha", jedhu qorataa dhimma naannichaa kan ta'an Dr. Musxafaan.

Yeroo dhiyoo as dhimma al-Aqsaa ilaalchisee to'annoon dhaabbata Waqf xiqqaataa deemuu irratti Yordaanos dabalatee biyyoonni Galoo Galaanaafi Masiriin yaaddoo qaban ibsaniiru.

Ministiire nageenyaa Israa'el Itaamaar Been Giviir dabalatee namoonni Israa'el keessatti leellistoota ta'an "yeroonsaa amma" jedhanii yaadu.

Ji'a darbe keessa Itaamaar Been Giviir "Teempil Maawunt kan keenya. Harka keenya keessa jira!" jedhee yeroo dhaadatu viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasarratti qoodamuu hordofee yaaddoo uumera.

Itaamar Been Giviir viidiyacharratti namoota heddu waliin bakka hordoftoonni amantaa Islaamaa itti heddummatan Baha Yerusaalem dabalatee hanga mooraa al-Aqsaatti yeroo deemu ni agarsiisa.

Been Giviir irra deddeebiin mooraa al-Aqsaa seenuun faaruu amantaa Yihudii faarfataa alaabaa Israa'el mirmirsuun beekama. Gochaansaa kuni faallaa waliigalyee Israa'elifi Yordaanosiidha.

Aangoo mootummaa fayyadamuun namoonni isa waliin mooricha seenaanii sirna kadhannaa gaggeessuun isaa Yihudoonni kaanis isa hordofuun seenanii akka sirna kadhannaa raawwatan jajjabeesudha.

Waggaa 25 dura bara 2000 namni siyaasaa leellistummaan beekamuufi ministiira muummee duraanii Israa'el Ariyaal Shaaroon waanuma amma Itaamaar Beengiviir gochaa jiru raawwatee ture.

Yeroo sana poolisoota Israa'el hedduun marfamee mooraa masjiida al-Aqsaa seene. Dawwannaa Ariyaal Shaaroon hordofee Filisxeemonni Warraaqsa Intifaadaa jedhamu eegalanii ture. Waggaa shan ittaanu keessatti Gaazaafi Weest Baank keessatti namoonni 4,000 ta'an ajjeefaman.

Ariyaal Shaaroon Fulbaana 2000 yeroo mooraa masjiida al-Aqsaatti daawwannaa taasisu, mormiin akka ka'uuf itti yaadee akka godhe jedhamee amanama.

Sochiin namoonni siyaasaafi amantii Israa'el leellistoota ta'an abbummaaf mooraa masjiida al-Aqsaa seenuun irra deddeebiin taasisan kun bu'aansaa akkuma bara 2000 Warraaqsa Intifaadaa dhale gara mormii cimaatti ykn sanaa ol haala cimaa ta'etti jijiiramuu mala.