'Ameerikaan gara si'oolitti qajeelaa jirti' - Donaald Tiraamp

Maxxanfame

Pirezidantin duraanii Ameerikaa Doonald Tiraamp himata isaanirratti banameen wal qabatee "US gara si'oolitti qajeelaa jirti" jechuun dubbatan.

Mana murtii Niwuyoorkitti gaafa Kibxataa Ebla 04, 2023 himata 34 irratti dhiyaateera.

Himanni kunis dubartii taatoo fiilmii saal-qunnamtii beekamtuu waliin hidhata qabaachufi akka isheen waa'ee walitti dhufeenyasaanii hin dubbanneef Tiraamp maallaqa guddaa kennaniiru kan jedhuudha.

"Yakkin ani hojjadhe yoo jiraate biyya keenya sodaa tokko malee warra ishee balleessuu barbaadan irraa ittisuu kooti," jechuun erga mana murtiitti dhiyaataniin booda dubbatan.

Buleessa ganna 76 kan ta'an Tiraamp filannoo pirezidantummaa Ameerikaa dhufurratti akka hin hirmaanne gochuuf "himannaa shiraa" irratti dhiyaate ta'uu dubbatan.

Tiraamp gaafa Kibxataa sa'aatii tokkoof kan ta'u mana murtii keessa turanii turan. Yeroo mana murtii keessaa bahanis gaazexeessitootaf deebii homaa hin laanne.

Filannoo pirezidantummaa bara 2016 dura Tiraamp taatoo fiilmii saal-qunnamtii wajjin walitti dhufeenya jaalalaa qabaachuurraa kan ka'e akka isheen homaa hin dubbanneef dolaara 130,000 kennaniiru kan jedhu himata irratti dhiyaatedha.

Filannoo pirezidaantummaaf duula na filadhaa gaggeessuf maallaqa akkasii baasun yakka ta'uu baatus, ifa gochuu dhiisuun garuu seera faayinaansii US'tiin nama gaafachiisa.

Tiraampiif abbaa seeraa ta'uun tajaajila kan ture, Mikaa'el Koohen, amma Tiraampitti kan dugda gate ajaja Tiraampin maallaqa jedhame dubartii taatoo fiilmii saal-qunnamtii beekamtuu Istoormi Daani'eelsif kaffaluu hime.

Himanni Tiraamp irratti dhiyaate tokkoon tokkoo isaa waggaa afur kan itti murteessisuudha.

Dubartiin modeelistiin biraaa Kaaran Maakdogol jedhamtu hidhata saal-qunnamtii Tiraamp wajjiin qabaachuu dubbachuusheetiin akka isheen hin dubbanneef Tiraamp dolaara 150,000 kaffaluufiitu himame.

Doonald Tiraamp himanni irratti dhiyaate kun filannoo pirezidaantummaa ittaanurraa kan isaan hin ittisne ta'uu baatus, paartii Rippaabilikaanotaa laaffisa jedhameera.

Bu'aa filannoo bara 2020, hokkara Waayit Haawusitti ka'ee tureefi galmeewwwan icciitii biyyattii yeroo pirezidaantii turan manatti fudhatanii galan jedhamaniin wal-qabatee ammayyuu qorannoon Tiraamp irratti gaggeeffamaa jira.