Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hongeen hammaateef Keeniyaan roobaaf kadhannaa biyyaalessaa geggeessite
Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon hongee fi beela dabalatee rakkoo mudachaa jiruuf guyyaa kadhataa biyyaalessaa taasisuun gargaasa Waaqaa gaafachaa jiru.
Sagantaan kadhataa dhaabbilee amantii isteediyamii magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii keessatti adeemsifamaa jira.
Itoophiyaa dabalatee biyyoota Baha Afrikaa fi Gaanfa Afrikaa hongee waggaa 40 keessatti mul’atee hin beeknetu isaan mudate.
Akka qondaaloti Keeniyaa jedhanitti, namoonni miiliyoona 4.3 tahan deeggarsa nyaataa barbaadu.
Dilbata darbe Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo ‘’Lammiileen Keeniyaan hundi Waaqni biyya keenya akka mararfatuufi eebbisu kadhachuu qabu,’’ jechuu miidilyaaleen biyya keessaa gabasaniiru.
Haa tahu malee sagantaan kadhataa kuni mootummaan kadhannaarra tarkaanfii furmaataa fudhachuu qaba kanneen jedhaniin qeeqameera.