'Hojii Faawundeeshinii Haceekoo ummata angafarraa eegaluu kootti baay'een gammada'- Haadha Wabii

Maxxanfame

Faawundeeshiniin Artist Hacaaluu Hundeessuu Godina Booranaatti uummata rakkoon hongeen miidhameef gargaarsa midhaan nyaataa taasiseera.

Haati warraa Artist Hacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damisoo Dilbata kaleessaa midhaan namoota 1,200f ta'u uummata Godina Booranaa Aanaa Areeroo magaalaa Halloonaaf dhiyeessuu BBCtti himteetti.

Kantiibaan magaalaa Halloonaa Obbo Huseen Kottoolaa gargaarsa maqaa Faawundeeshinii Hacaaluu Hundeessaan taasifame kana galateeffataniiru.

Aadde Faantuun akka jettutti rakkoon Godina Booranaa furmaata waaraa kan barbaadu waan ta'eef mootummaan xiyyeeffannaasaa garas deebisuu qaba.

''Uummata kana baraaruuf gargaarsi hatattamaa murteessaadha. Garuu irra caalaa gara fuulduraatti rakkoon kun waaraan akka furamuuf mootummaan xiyyeeffannoo kennuu qaba. Wanti dhaabbiidhaan, itti fufiinsaan uummata gargaaru jiraachuu qaba,'' jette.

Uummati beela'ee harka namaa eeggatuu fi gargaarsi taasifamaa jiru waan wal gitneef namni hunduu namummaan itti dhagahamee waan danda'uun tumsuu qaba jechuunis dhaamte.

''Keessattuu uummanni fageenyarra jiru rakkoo hamaa keessa jira. Kan duraan loon 500 qabu amma shanitti jalaa galan, sunuu lubbuu keessatti eegu. Isaan akkasiif birmachuun dirqama.''

''Uummanni har'a harka duwwaatti hafe kun hundi kaleessa qananiin jiraataa ture,'' kan jettu Aadde Faantuun, ''nutis bor waan taanu hin beeknu, har'a yeroo waa harkaa qabnutti walbira dhaabbachuun dirqama. Kanammoo Haceen na barsiisee deeme,'' jechuun karaa Faawundeeshinii Hacaaluu Hundeessaa gargaarsa kennuu akka itti fuftu himte.

Uummata Booranaaf rakkoo hammaataa kan ta'e rakkoo bishaaniiti, faawundeeshiniin kun hojii isaa kan jalqabaa pirojektii bishaan Booranaan eegaleera.

Pirojektii bishaanii faawundeeshiniin Hacaaluu eegale maalirra jira?

Faawundeeshiniin Artist Hacaaluu Hundeessaa erga hundaa'ee hojiisaa jalqabaa kan ta'e Pirojektiin bishaan dhugaatii Godina Booranaa ji'a afur dura aanaalee Miyoo fi Dubluq jedhamanitti eegale.

''Dhugaa qabannee waan hojjennuuf nuuf milkaa'eera. Yoo waaqi jedhe ji'a lama booda ni eebbisna jennee yaadna,'' jechuun haala pirojektiin kun irratti argamu ibsite.

Pirojektiin bishaan dhugaatii aanaalee Mi'oo fi Dubluq kunneen bajata birrii miiliyoona 29n hojjetamaa jiru.

Gatiin meeshaa gabaarratti dabalaa waan deemuuf baasiin pirojektii kanaas kanaa ol ta'uu danda'a.

''Kan jalqabaa aanaa Mi'oo bakka Bokkuu Luugamaa jedhamutti hojjetamaa jira. Isa kana birrii miiliyoona 16 ramadneef, yoo xumuramu uummata kuma 15 dheebuu baasa,'' jette Aadde Faantuun.

''Hacaaluun kanaan dura maqaadhaan uummataan wal na barsiise,'' kan jettu Aadde Faantuun, ''amma ammoo qaamaan deemee hojii faawundeeshinii kanaa angafarraa eegaluun kiyya guddoo na gammachiisa,'' jette.

''Uummanni sun bishaan dhugee dheebuu bahee wayitan argu ammoo gammachuun koo daangaa hin qabu.''

Aadde Faantuun Faawundeeshinii kana dursuun Boorana keessaa aanaalee fageenyarratti argaman akka Mi'oo fi Dubluq deemanii uummata dagatameef gargaarsa akkanaa gochuutti gammaduus ibsite.

''Yeroo jalqabaafan gara sana deeme. Biyya hin beekun ture. Garuu akki uummati itti nan simate miira gammachuu na keessatti uume. Maqaa Hacee koon deemee haala kanaan simatamuuttis nan boone. Pirojektiin kun wayita xumuramu ammoo gammachuu inni uumuu danda'us nan yaade,'' jette.

Aadde Faantuun akka jettutti kaayyoonshee jalqabaa uummata buqqa'eef osoo hin taane uummatuma qe'eesaarra jiruuf bishaan dhugaatii baasuudha.

''Wayitan Mi'oo ga'un uummata buqqa'e hedduu arge. Osoo Hacee koo ta'ee maal gochuu danda'a? jedheen of gaafadhe. Isa boodan pirojektii lammataa Dubluq irratti eegale.''

Pirojektiin amma walumaagalatti harka dhibba keessaa 80 kan caalu xumuramuu ibsite.

Pirojektoota kunneen akka waan Hacaaluu waliin mucaa argataniitti akka ilaaltuu fi akka itti gammaddus ibsite.

''Inni Bokkuu Luugamaa erganni du'ee Haceef mucaa hangafaati. Inni Dubluq ammoo mucaa quxisuuti. Maqaa Faawundeeshinii Haceetiin hanga ammaatti mucaa lama arganneerrra jechuudha,'' jechuun akka guddoo mararfattu ibsite.