Lammiilee Ertiraa sarbama mirgaa 'tarsimowaatu' irratti raawwatama - Ogeessa UN

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Waggoota 30'f aangoorra kan turan pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqiin lammiilee Ertiraa irraan sarbama mirgaa olaanaa akka geessisan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti gabaasni hordoffii mirga namoomaa addaa beeksise.

Gaanfa Afriikaa keessatti biyyi ummata gara miiliyoona 3.5 ta'u qabdu Ertiraan qaamoolee garaa garaatiin maqaa masoo ''Kooriyaa Kaabaa'' jedhuun waamamti.

Haala qabiinsa mirga namoomaatiin biyyoota addunyaa kaan bira qabamuun yoo ilaalamtu waggoota walitti aanaaf sadarkaa gadaanaa irratti akka argamtu ibsameera.

Akka ragaa 'Riiportarsi Wiiz Owuuti Boordarsi'tti Ertiraan gamaa bilisummaa pireesitiin addunyaarratti tarree dhumaarratti argamti.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii sadarkaa mirga namoomaa bara 2022tti baaseen, Ertiraan biyyoota 183 keessaa sadarkaa 175ffaa irratti argamti.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Gabaasaan mirga namoomaa addaa Ertiraa, Mohaammad Abdalsalaam Baabiikar, yaa'ii dureewwanii Wiixata kaleessaa Jeeneeviitti taa'amerratti, sarbamni mirga namoomaa Ertiraa keessatti gaggeeffamu, ''tarsimoowaadha, barbaachisummaan itti gaafatamummaa baayyee hariitiin ta'u kan qabaatuudha'' jedhan.

Paartii tokkicha jalatti kan bultu Ertiraan erga walabummaashee labsiitee kaasee biyyattiin kan durfamtu Pirezidant Isaayaas Afawarqiitiin.

Pirezidantichis mormii humnaan dhukaamsuun, mormiitoota murtee malee hidhuudhaa fi haala sukkanneessaa ta'een waggoota heeraaf dararuudhaan himatamu.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii sirna tajaajila biyyaaleessaa Ertiraa kan lammiileen biyyattii umurii guutuu waraanaaf ykn hojii dirqiitiif saaxilu ta'u kaasuudhaan garbummaa waliin wal fakkeessa.

Gara Ertiraa akka hin galleef kan dhorkaman Baabiikar ''namoota himannaa ykn murtee mana murtii tokko malee hidhamuun haalli isaan keessatti argamu dhagahamee hin beeknee kaasuudhaa maqaan keessan himamuu itti fufa'' jedhan.

Dhaabbatichatti bakka bu'aa Ertiraa kan ta'an Haabtoom Zaraay gabaasichi ''kan iftoomiinaa fi madaalliin hanqatuudha'' jechuun qeeqan.

Raappooratti addaa kun gabaasni mana marichaa irratti dhiyeessan akkuma kan kanaan duraatti ''odeeffannoowwan hin mirkannoof'' fi ''kan maddeen eenyummaansaanii hin beekamneerratti bu'uurreeffatee, kan iftoomiinaa fi maddaallin hanqatuudha'' jechuun qeeqan.

Ertiraan gabaasni raappoortara addaa kunis gabaasaalee dhaabbileen UN Ertiraa ilaalchisee baasuun kan faallaa ta'u ibsiteetti.

Ertiraan waggootaaf haala qabiinsa mirga namoomaatiin Awurooppaa fi biyyoota lixaa kaaniin himatamaa turte.

Akkasumas dhaabbilee mirga namoomaaf idil-addunyaatiin sarbama mirga namoommaafi sababii tajaajila waraana biyyaaleessaatiin irra deddeebiin himannaan irratti ka'aa ture.