Qabiinsi mirga namoomaa Eertiraa keessaa fooyyee agarsiise hin qabu- UN

Maxxanfame

Komishiniin mirga Namaoomaa UN, erga bara darbeen as haalli qabinsa mirga namoomaa Eertiraa keessaa fooyyee agarsiise hin qabu jedhe.

Komishinichi ibsa miidiyaaleef ergeen sarbamni mirga namoomaa hamaan ammayyuu Eertiraa keessatti raawwataa jira jedhe.

Hidhaa seeraan alaa, darara suukaneessaa, hidhaa namummaan ala tahe, humnaan namoota dhabamsiisuu, yaada ofii bilisaan ibsachuu dhorkamuu fa’a biyyicha keessatti hammaatee akka itti fufe maddeen amanamoo irraa gabaasni nu gaheera jedhe.

Hidhamtootni siyaasaa kumaatamni waggoota kurnaniif ugguramanii akka jiran hime.

Kana malees namootni mirga amantaa barbaadan hordofuu dhorkamuun hordoftootnii fi gaggeesitootni amantaa dhibbaan tilmamaman seeraan ala mana hidhaa galaniiru jedhe.

Ertiraa keessatti kan eeyyamamu amantaa Ortodoksii, Islaamaa , Kaatolikii fi warra Luuteraaniiti.

Namootni amantaa Pirotestaantii hordofan hidhaa fi ari’atama adda addaaf akka saaxilaman himama.

Akkasumas lamiileen Eertiraa yeroo hin beekamneef tajaajila waraanaa biyyaalessaa akka kennan dirqisiifamu.

Erga waraanni Tigiraay eegaleen as namoota taajijila biyyaaleessaaf bobbaasuun akka dabale gabaasni kun eeeera.

Ertiraan humna eeggataa ishee yeroo waraana Tigiraay keessaa bobbaasuu maatiin BBCtti himanii ture.

Dhiyeenya kana muraasni isaanii gara qe’ee isaaniitti deebi’aa jiraachuu dhagahamus namootni umuriin isaanii 18 ol tahe hundi bobbii kanaaf dirqisiifamaa turan. Dhimmi tajaajila biyyaaleessaa garuu biyyicha keessatti diqramadha.

Namootni dirqama kana baqachuuf bosona galuun dhokatan akka jiran kan eere gabaasni UNHCR kun lakkoofsi baqattoota Eertiraaf haalaan dabaluu ibseera,

Dirqamni biyyaalessa akun ji’ota 18 ol jedhee seeraan kan tumame yoo tahu, hanga yoomiitti kan jedhu garuu hin daangeessu.

Kana malees miidhaa saalaa, darara adda addaa fi hidhaaf akka saaxilaman hime.

Namootni dirqama kana jalaa baqatan hidhamuun adabbii adda addaaf saaxilamu.

Yoo namootni dirree waraanaatii miliqan maatii fi firootni bakka isaanii akaka hidhaman ibse gabaasinu kun.

‘’Dhugaatti dirqamni biyyaalessaa kun sababa guddaa lammiileen Eeriraa biiyyaa baqatanidha.’’

Akka gabaasa UNHCRtti, hanga xumura bara 2022tti lammiileen Eertiraa 160,000 tahan Itoophiyaatti baqachuun koolu galtummaa gaafataniiru. Lammiileen 130,000 tahan ammoo Sudaan galuun koolugaltummaa gaafataniiru.

Lammiileen biyyattii biyyaa baqatan irra caalaan isaanii kan umuriin isaanii wagga 18-49 gidduu jiran akka tahes himeera.