Fakkiin dhalattuun Itoophiyaa kaaste UStti gatii rikkardii cabseen gurgurame

Juulii Mihireetuu

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Maxxanfame

Fakkiin dhalattuu Itoophiyaa Juulii Mihiireetuun kaaste, caalbaasiidhaan Ameerikaatti doolaara miiliyoona 10.7'n gurgrame rikardii cabse.

Fakkiin isheen kunis fakkii lammii Afrikaatiin kaafamee irra deebiidhaan rikardii gatii gurgurtaa cabse ta'eera.

Maqaan fakkii kanaa Walkers With the Dawn and Morning, kan jedhu yoo tahu yaada walaloo waloo, Laangistan Hiyuus irraa kan fudhachuun qalama fayyadamuun sharaa irratti kaafame.

Juuliin fakkii kana kan kaaste agarsiisa fakkii obonboleettii Haariikeen Kaatriinaa bara 2005tti Ameerikaa magaalaa Niiw Orliins dhahe ilaalchisuun qophaa'ee tureef.

Fakkiin kuni Niiw Yoorkitti Roobii darbe caalbaasii kan gurgurame yoo tahu, jalqabarra morkattoota lama qofatu bitachuuf dorgomaa turee boodarra gatiinsaa dabalaa adeeme.

Gatiinsaa callaa doolaara miiliyoona 9.5 yoo tahu kaffaltiin garagraa yoo dabalamu walumaagaltti doolaaraa miiliyoona 10.7 baaseera.

Suuraa Juulii rekardii cabse

Madda suuraa, SOTHEBY'S

Rekardii kana duraas kan qabatee jiru fakkiima Juulii yoo taatu, innis gatii caalbaasii baatii darbeen doolaara miiliyoona 9.3 kan baaseedha.

Fakkiin Walkers With the Dawn and Morning akkatti kaafame, ''akkaataa fakkii akkeessuuf rakkisaa taheeni, og-fakkii ijaarsaa akkasumas sararaoota halluu ifaa taheen kaafamaniifi ogummaa barreefamaas ofirraa qabu, '' jedhe dhaabbanni caal-baasii aartii Sootibaay,

Gurgurtaan hojii aartii Afrikaa ammayyaa irratti fedhii guddaa akka jiru agarsiisa jedhe dhaabbatichi.

''Amma sadarkaa hojii gaarii filachuu danda'urra geenyeerra,'' jette hoggantuun damee aartii Afrikaa dhaabbata Sootibaay

Juuliin kan amma umuriin wagaga 52, Itoophiyaa magaalaa Finfinneetti dhalachuun, bara 1977 keessa yeroo biyya keessa tasgabbiin siyaasaa hin turre Ameerikaatti godaante.

Yeroo ammaa Ameerikaatti aartii ammayyaa Afrikaatiin maqaa guddaa warreen horatan keessaa taateetti. Dhihoo kana konkolaataa BMW dhaaf aartii kalaqxeettiifi.

Hojiinshee konkolaataa BMW irratti kaafamuun dorgommi konkolaataa Le Mans irratti bara dhufu dhiyaata.

Gurgurtaan torbee darbe rekardii cabse kuni bara 2015tti doolaara miiliyoona 2.89'n gurguramee ture. Isa miilanaan gatiinsaa harka %227 dabale.

Hojiin Juulii yeroo jalqabaaf doolaara miiliyoonaan kan gurgurame bara 2010tti gurgurtaa aartii Leemaan Biraazars jedhamurrattidha.