Artiistiin Obaamaa fakkii kaasu Pireezidant Saahilawarqiifi fakkii hogganoota Afrikaa kaan agarsiisaaf dhiyeesse

Madda suuraa, TANGUY BEURDELEY
Fakkii Pireezidantii duraanii Ameerikaa kaasuun beekamtii kan argate Keehindee Waayilii Pireezidantii Itoophiyaa Sahaalawarq Zawudee dabalatee fakkii hogganoota Afrikaa biroo Faransaayitti agarsiisaaf dhiyeesse.
Keehindeen fakkii Baaraak Obaamaa kaasuun nama sanyii Afrikaa jalqabaa suuraa pireezidantii Ameerikaa kaase tahuun beekame.
Yeroo ammaatti Fakkii hogganoota Afrikaa 11 agarsiisaaf dhiyeesseera.
Pireezidantii Itoophiyaa daabalataan pireezidantii Gaanaa Naanaa Akufoo, pireezidantii Naayijeeriyaa duraanii Oliiseeguun Obaasaanjoo fakkii agarsiisaaf dhiyeesse keessaati.
‘A Maze of Power’ mataduree jedhuun agarsiisni dhiyaate kuni magaalaa guddoo Faransaayi Paarisitti godaambaa ‘Muzee duu Ke Biraanlii-Jaan Zhiraak’ tti’ dhiyaate.
Agarsiisni kuni hamma bara haaraa warra Awuooppaa 2024tti banaa tahee tura.
Keehiindee fakkiiwwan hogganoota kunneen kaasee xumuruuf walumaagalatti gara waggaa 10 akka isa fudhate dubbata.

Madda suuraa, TANGUY BEURDELEY
Bara 2012 irraa qabee biyyoota Afrikaa garaagaraa adeemuun hogganoota biyyaa argachuu dubbata.
Waa’ee moototaafi hogganoota waraanaa Afrikaa jaarraa 17ffaa fi 19ffaa irraa qabee jiraatan qo’achuufi marii geggeessuu dubbata.
Fakkiiwwan agarsiisaaf dhiyaatan kunneen bara kana hogganaa Afrikaa tahuun maal jechuu dha kan jedhu agarsiisu jedhan.
''Fakkiiwwan koo teessoo hoggantummaa agarsiisu. Daawwattoonni fugugii ilaalcha isaanii bal’isanii Afrikaa keessatti oguma jiruufi dhimma aangoo Afrikaa gidduugala godhate akka hubatan affeereera.''

Madda suuraa, TANGUY BEURDELEY












