Holotaatti namichi dhaddacharratti haadha warraasaa duraaniifi daanyaa ajjeese hospitaalatti ofis ajjeese

Mallattoo haqaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Naannoo Oromiyaa, godina Shawaa Lixaa, aanaa Walmaraatti dubartii daanyaa (haadha murtii) taate tokkoofi haadha warraa isaa duraanii dhaddacharratti ajjeesuun namichi himatame of ajjeesuun ibsame.

Manni-murtii Waliigalaa Oromiyaa fuula Facebook isaarratti ibsa baaseen, namni kun mana murtii keessatti yeroo yakka kana raawwatetti ofirrattis miidhaa geessisuun Finfinnee Hospitaala Qiddus Phaawuloostitti wallaansi taasifamaafiif akka tureefi Jimaata Waxabajji 19, 2026 akka of ajjeese beeksiseera.

Namni maqaan isaa Aqinaw Baqqalaa jedhamu Hospitaala Phaawuloositti wallaanamaa otoo jiruu gamoo hospitaalichaa darbii 3ffaa irraa kutaa itti yaalamaa jiruu foddaa irraan of darbachuun akka of ajjeese mirkaneeffachuu Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa ibseera.

Itti gaafatamaan waajira abbaa alangaa magaalaa Holotaa Obbo Caalasaa Baqqalaa namni kun kutaa hospitaalaa keessa ture darbi sadaffaarraa of darbatee akka du'e BBCf mirkaneesseera.

Namni kun erga haadha warraa isaa hiikeen booda dhimma qabeenya qooddachuutiin walqabatee murteen yeroo kennametti dhaddacharratti haadha warraasaa fi daanyaa murtii kennaa turterratti rasaasa dhukaasuun erga miliqee booda ofiisaarrattis miidhaa geessiseera.

Yakka raawwate kanaan booda poolisiin hordoffii taasiseen nama kana to'annoo jala yeroo oolchetti miidhaa ofirraan geessisee waan tureef jalqaba hospitaala Holotaatti, isaan booda ammoo wallaansa caalaa fooyyaa'aa akka argatuuf gara Hospitaala Qiddus Phaawuloositti ergamee wallaanamaa tureera.

Turtii isaa hospitaalaa magaalaa Finfinneetti taasiseen eegumsa poolisii jalatti wallaansa isa barbaachisu hordofaa erga tureen booda Waxabajji 18 guyyaa naannoo sa'aatii torbaa irratti gamoo keessa ture keessaa karaa foddaa of darbachuun lubbuun isaa darbuu Obbo Caalasaan BBCf ibseera.

Namni kun erga gamoorraa kufeen booda lubbuun isaa battalumatti kan darbe yoo ta'u, poolisiin finfinnee, kan naannoo Oromiyaa akkasumas abbaan alangaa bakka sanatti argamanii odeeffannoo walitti qabachuu ibsaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taatee lubbuun shakkamaan kun itti bahe kan mudate ammoo namni kun hospitaala ciisee wallaansa taasifamuuf xumuramee deddeebiyee akka wallaanamu murtaa'uufi adeemsa kana gidduutti akka ta'e himeera.

Namni kun mana murtii, dhadacharratti haadha warraasaa duraaniifi daanyaa erga ajjeesee booda yeroo miliqetti garaasaarra rasaasaan of rukkutee miidhaa irra ga'een ture wallaansi taasifamaafiif kan ture.

Namni kun garuu A L I Caamsaa 27, 2018 ture falmii mana murtii gaggeeffamuuf ture himannaa irratti dhiyaate mormuun haadha warraasaa Aadde almaaz` Mokonnon fi daanyaa Aadde Warqee Fakansaa shugguxxii qabatee tureen itti dhukaasee kan ajjeese.

Yeroo sanatti Daarektarri Komunikeeshinii Biiroo Abbaa Langaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Geetaachoo Xaasoo BBCtti akka himetti, namni kun gocha kana erga raawwateen booda of ajjeesuuf yaalii taasisuun miidhaa irra gahee to'annoo poolisii jala oolfamee ture.

Himattuufi daanyaa dhimmicha ilaalaa turterratti yakka raawwatame, akkasumas namni kun akkamiin shuguxii qabatee mana murtii akka seenuu danda'e poolisiin qorannoo gaggeessaa tureera.

Shakkamaan kun ajjeechaa kana erga raawwateen booda sababa miidhaa ofii isaarra geessiseenhospitaala geeffamee wallaansa yeroo xumuretti mana murtiitti dhiyaata jedhamee eegamaa ture.

Haaluma kanaan namni kun Jimaata 19,. 2026 wallaansa fayyaa isaa xumuree hospitaalicha keessaa ba'uuf qophiin taasifamaa osoo jiruu gamoo irraa of darbachuun du'aaf akka gahe Qajeelchi Poolisii magaalaa Holotaa mana murtii naannichaa eeruun mirkaneesseera.

Himatamaan amma of ajjeesuun himame kun haadhotii warraa kan qabu ture yoo ta'u, lamaan isaanii waliin gaa'ela hiikaniiru. Gaa'elli diigamee booda qabeenya qooddachuurratti falmiin mana murtiirratti gaggeeffamaa turee murtii ture mormuunidha haadha warraasaa duraanii fi daanyaa mana murtichaa dadhacharratti itti dhukaasee kan ajjeese.

NBmni kun haadha warraasa biraa wal hiikaniifi ishee mana murtiirratti osoo dhimma qabeenya qooddachuurratti dhimma mana murtii hordofaa osoo jirtuu ajjeeserraas ijoollee akka qabu ibsameera.