Qabxiilee 14 waliigaltee waraana dgaabuu US fi Iraan keessatti hammataman

Madda suuraa, Getty/BBC
US fi Iraan dhukaasa dhaabuun akka itti fufu waliif mallatteessuu Waayit Haawus BBCf mirkaneesseera.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waliigaltee Ulaa Hormuuz bansiisuu danda'a jedhamee abadatamu kana wayita Faransaay, Evian-les-Bains keessatti kora G7 hirmaataa ture mallatteesseera.
Waliigaltee Walhubannoo jedhamuun kan beekamu dokumantiin qophaa'e kun qabxiilee 14 hammateera.
Iraan gonkumaa nukilara qabaachuu akka hin dandeenye, maallaqi ''biyyattii deebisanii ijaaruu fi diinagdee ishee dandamachiisuuf oolu,'' doolaara biiliyoona 300 gadhiisuu- kanneen jedhan qabxiilee ijoo waliigaltee kana keessatti hammatamaniidha.
Waliigalteen kun US-Israa'el fi Iraan waraana walirratti bananii ji'oota afur booda irra ga'ame.
Tiraamp waliigalteen kun ''kan hojiin mul'atu'' ta'uu qaba jedhe, Iraan yoo qabxiilee eeraman qabatamaan hojiirra oolchuurratti kutannoo agarsiiste qofa akka fayyadamtus ibse.
Bal'inni waliigaltee kanaa wantoota gaaffii ta'an fi dhimmoota hin furamin hedduu of keessaa qaba.







