Chaappaan poostaa durii doolaara miil. 2’n gurgurame riikardii cabse

Chaarlas Haak

Madda suuraa, SIEGEL AUCTIONS

Maxxanfame

Ameerikaatti chaappaan poostaa irratti maxxanfamu Niiw Yoorkitti caal baasiidhaan doolaara miiliyoona lamaan gurgurame.

Chaappaan tokkittiin gatii qaalii hanga kanaan gurguramuu saatti riikardii cabse.

Chaappaan beekamaa abbaa halluu diimaa, adii fi cuquliisaa Inverted Jenny kan bara 1918tti maxxanfame yoo tahu, dur saantima 24 qofa gurgurama ture.

Chaappaan waraqaa kun kan beekamaa tahe yeroo sana gumaa 100 qofatu maxxanfame waan ta'ee fi suuraan xiyyaaraa irra jirus dogoggoraan gadi garagalee waan kaafameefidha.

Nama chaappaa garagaraa walitti qabu Chaarlas Haak jedhamantu bite.

Obbo Haak chaappaa kana torbe darbe gaafa Roobii ture caalbaasii Robert A Siegel Auction Galleries, irraa Niiw Yoorkitti kan bitan.

Namni ganna 74 kun chaappaan kun meeshaa gatii jabeessa poostaadha jechuun Waashingitan Poostitti kan himan yoo tahu, ijoollummaarraa qabee hawwaa akka turanis himaniiru.

Chaappaan Inverted Jenny Ameerikaatti yeroo tajaajilli poostaa qilleensarraa jalqabu kan walitti qabame ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wiirtuusaarratti fakkii xiyyaaraa Curtiss JN-4 airplane qaba tahus fakkiin irra jiru fuggisoo dha kaa'ameera. Yeroos chaappaa gumaa 100 qofaatu uummatatti gurgurame, erga yeroosii namoonni chaappaa gosa garagaraa walitti qabuu jaalataniin baayyeedhuma barbaadamu.

Chaappaan kuni bara 1993 diraamaa TV walitti fufaa Ameerikaa The Simpsons irratti mul'achuun booda akkaan beekame.

Kana booda gatiin akkaan qaala'ee maxxansi asiliisaa muraasa waan taheef kooppiinisaayyuu waggoota kudhan darbanitti caalbaasii garagaraa irratti baay'inaan gurguramaa ture.

Obbo Haakiyyuu jalqaba bara 2000 keessa kooppiisaa muraasa doolaara 300,000'n bitachuu gaazexaa Waashingitan Poostitti himaniiru.

Bara 2007tti ammoo chaappaa haala gaariin qabameefi kanneen 100 keessa isa 57ffaa irratti maxxanfame doolaara miiliyoona tokkoon bitaniiru.

Inni dhiyeenya gurgurame ammoo isa 49ffaa irratti maxxanfame yoo tahu jaalattoota chaappaa Inverted Jenny akka malee hawwateera. Bara 1918 yeroo jalqabaaf erga maxxanfameen booda jaarraa tokkoof ija namaatti hin baane ture.

Namoonni chaappicha dhuunfatan saanduuqa sibilaa kana baankii keessa kaa'uun erga tursaniin booda bara 2018tti gurgurame.

Gurguramuun booda, dhaabbanni caalbaasii, Siegel Auction Galleries chaappaa gatii jabeessa kana gadibaaseera.

''Chaappichi haalaa bareedaatiin jira, ifatti danuu waan hin baaneefis halluun isaa sirritti mul'ata, waraqaan isaas ifaadha,"jedhe ibsi chaappichaaf barreefame.

Obbo Haak gaazexaa Waashigitan Postiitti akka himanitti, aadaa chaappaa kana ifaarraa eeguufi tursuu jaarraa dheeraaf ture eeguu barbaada, kunis "seenaa Ameerikaadha," jedha.