Atakaaroon Tiraamp fi Neetaaniyaahuu egeree US fi Israa'el akkamiin miidha? Anga'oota lameen gidduutti maaltu deemaa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Hariiroon US fi Israa'el seenaa yeroo dheeraa fi walta'iinsa tarsimoo hundeensaa duudhaa dimokiraasii ijaaruu fi dantaa naannawaa (qaxanaa) waliin qooddachuurratti ijaarameedha.
Akkaataa michummaan biyyoota lameenii hundeeffama Israa'el irraa eegalee itti deemaa dhufe dhiheenya kana jijjiiramaa jira.
Keessattuu kaayyoo fi galma waraanaa irratti wal dura dhaabbannaa fi muddamni uumamaa jiru hariiroo seena qabeessa jedhamu kana akkaan qoraa jira.
Erga waraanni Gaazaa eegalee ammoo aanga'oonni biyyoota lameenii gochaan ammallee walbira jiraatanis, yaadaan garuu yeroo kamuu caalaa walirraa fagaataniiru.
Waraana Gaazaa, Libaanos fi Iraan ilaalchisee dhiibbaa Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp uumaa jiru, hariiroo Israa'el waliin qaban muddama keessa galcheera.
Seenaa hariiroo US fi Israa'el keessatti aanga'oonni biyyoota lameenii waldura dhaabbachuun kanaan duras mudataa ture.
Garuu sababa aanga'oonni wal dhabaniif imaammati alaa US Israa'el irratti qabdu jijjiiramee hin beeku.
Ameerikaan muddamni dhalate jettee deeggarsa maallaqaa Israa'eliif taasistu adda kuttee hin beektu.
Bara bulchiinsa Tiraamp marsaa lammaffaa kana keessa garuu wal dura dhaabbannaan daran hammaateera.
Keessattuu muddamni Tiraamp fi Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu furamuu caalaa ittuma hammaataa deemaa jira.
Bu'aa bayii hariiroo US fi Israa'el bara Tiraamp fi Neetaaniyaahuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Seenaa Israa'el keessattih hoogganaa yeroo dheeraaf aangoorra ture kan ta'e Ministirri Muummee biyyattii Beenjaamiin Neetaaniyaahuu, US waliin bara aangoo pirezidantummaa ja'a ta'u hariiroo uummatee hojjeteera.
Bulchiinsi Neetaaniyaahuu siyaasa marii fi araaraa caalaa ''tarsimoo waraanaan biyya jabduu fi sodaa malee jiraattu uumuu'' yoo ta'u, hariiroon US fi Israa'elis yeroo kamuu caalaa bu'aa bayiin kan itti heddummaate ta'eera.
Baroota bulchiinsa Neetaaniyaahuu keessa hariioon Israa'el US waliin qabdu, hariiroo qondaalli Israa'el kun pirezidantota US waliin qabu fakkaata.
Pirezidantota US kanneen akka Biil Kilintan, Baraak Obaamaa, Joo Baayidan fi Doonaald Tiraamp waliin kan hojjete Neetaaniyaahuun, hunda caalaa hiriyummaa Tiraamp waliin qabu faarsuun beekama.
Neetaaniyaahuun bara kamuu caalaa bara bulchiinsa Obaamaa fi Tiraamp Waayit Haawus daawwateera.
Daawwannaa isaa keessatti dhimmi Gaazaa fi Iraan osoo hin ka'in hafee hin beeku.
Dhimmoonni kunneen yeroo garii dhimma hariiroo biyyoota lameenii qoranis ta'u.
Bara bulchiinsa Doonaald Tiraamp keessas dhimmoonni kunneen daran yaaddessoo ta'aniiru.
Tiraamp dhimma waraana Gaazaa fi waliigalatti dhimma Filisxeem fi Israa'el irratti deeggarsa cimaa Israa'eliif kan taasise yoo ta'u, Neetaaniyaahuunis yeroo rakkootti deeggarsa barbaachisaa argaterraa ka'uun Tiraampiin akka 'obboleessa gaafa rakkootti' ibsuu eegale.
Osoo akkanaan jiranii dhiheenya kana muddami gidduuttisaanii uumamuun addunyaa ajaayibe, waanuma waraana Iraan booda eegale miti.
Michummaan Tiraamp fi Neetaaniyaahuu baruma waraana Gaazaa sanayyuu daddaaqamuu eegaleera.
Tiraamp namoota Israa'el hidhattoota Hamaasiin jalaa butamuu fi booji'amuun ugguramuu ibsite gadhiisisuuf baayyee Neetaaniyaahuu tumse.
Dhimma waraana Gaazaa kanarratti xiyyeeffachuun karoora nagaa baasee kan dhiheesse Tiraamp, karoora kanaan nagaan wayita bu'us akka milkaa'inasaatti ibsateera.
Haata'u malee Israa'el qabiyyee karoora qabxii 20 of keessaa qabuurratti waliigaltullee, tarkaanfiin itti fuftee fudhataa turte Tiraampiin hin gammachiisne.
Israa'el haleellaa Gaazaa fi West Baank keessatti gaggeessitu ammallee hin dhaabne.
Irra jireessi karoorichaa waa'ee Gaazaa deebisanii ijaaruu fi diinagdeen misoomsuu yoo ta'u, Israa'el Gaazaa akka hin bulchine ykn hin fudhannes ni ibsa.
Akkasumas loltootashee Gaazaa keessaa akka baastu karooricha keessatti ibsameera.
Gaazaa keessatti dhukaasi dhaabbatee nagaan akka bu'uuf jaarsummaa keessa kan turte US, osoo mariin nagaa gaggeeffamuu tarkaanfii waraanni Israa'el fudhachaa tureen dippiloomaasiin gufachuutti mufii akka qabdu karaa qondaalota ishee ibsaa turte.
Fakeenyaaf Doonaald Tiraamp Israa'el qondaalota Hamaas biyya michuu US taate Kaataar keessatti bakkasaan mariirra jiranitti haleeluushee akka hin jaalanne ibsee ture.
Yaadama siyaasaa Ameerikaaf dursa kennuu fi dhimmoota biyyoota kaanii keessa seenuu hin tumsine qabatee kan as ba'e Tiraamp, Israa'eliin gama hundaan tumsuurraa garuu duubatti hin jenne.
Deeggarsa kennuu qofa osoo hin taane kallattiin waraana bobbaasee Israa'el waliin ta'uun haleellaa raawwateera.
Haleellaawwan qindoomina US fi Israa'eliin biyyoota Galoo Galaanaa kanneen akka Yaman fi Iraan irratti dhiheenya raawwataman deeggarsa Tiraamp Israa'eliif taasisu daran calaqqisiisu.
Waraana Iraan fi Israa'el Waxabajjii 2025 keessa guyyaa 12 gaggeeffame keessatti humni waraanaa US kallattiin hirmaachuun wiirtuuwwan nukilaraa Iraan haleeleera.
Kunis tumsa guddaa Doonaald Tiraamp michuusaa Neetaaniyaahuuf taasisedha.
Michummaa biyyoota lameenii daran cime kanarraa ka'uun biyyoonni Baha Giddugaleessaa badii Israa'el raawwattu kamuu akka Ameerikaanis keessaa qabduutti himatu.
Sababa kanatti Tiraamp dhimma Israa'el fi biyyoota Baha Giddugaleessaa irratti guddoo qorameera.
Nagaa buusee maqaa horachuu barbaada, ammoo seenaa gadi fagoo US fi Israa'el xureessee darbuu hin barbaadu.
Kana gidduutti waan madaala eegu hojjechuuf wayita yaalu, bulchiinsi Israa'el kan Neetaaniyaahuun taliigamu ammoo mataa itti jabaata.
Rakkoon Tiraampitti kan cime erga waraanni US-Israa'el fi Iraan Guraandhala 28, 2026 eegalameeti.
Biyyoonni lameen [US fi Israa'el] qindoomuun wayita Iraan haleeluu eegalan yaadi isaaniis galmi isaaniis tokko ture- Sirna mootummaa Iraan jijjiiruu fi sagantaa nukilaraa biyyattii guutummaatti dhaabsisuu.
Garuu Iraan akkasaan eegan ta'uun hafee, dura dhaabbachuun haalota danuu jijjiire.
Yaadaa fi galma ganamaa US fi Israa'elis kallattii jijjiirsise. Bulchiinsi Tiraamp waan hin eegamnee fi waan Israa'el hin feene- Iraan waliin mariif taa'uun dhimma Neetaaniyaahuu gammachiisu ta'ee hin argamne.
Haata'u malee wayita US fi Iraan Ebla 8,2026 jaarsummaa Paakistaaniin dhukaasa dhaabuurratti waliigalan, Israa'elis waan Ameerikaan itti amante kana fudhatteetti.
US fi Israa'el gidduutti qaawwi uumamuu kan eegale yogguma sana. Israa'el waliigaltee fudhachuu ibsitus waan waliigalteen kun hammatu, kan US irratti waliigalte- Libaanos haleeluu hin dhaabne.
Ergasii biyyoonni lameen [US fi Israa'el] waan komii fakkaatu waliratti dhiheessuu eegalan. Fakkeenyaaf Tiraamp waraana sana ''kan eegale nu miti'' yoo jedhu, Neetaaniyaahuun ''warri dirree waraanaa kana nuuf banan,'' jechuun waa'ee waraana Iraan ibseera.
Neetaaniyaahuun yaada Tiraamp kenne booda ''nuti akka maatiiti, ganama wal lollee galgala araaramna. Garuu dhimmoota ijoorratti galmi keenya tokko,'' jechuun michummaan biyyoota lameenii ammallee cimaa ta'uu ibse.
Walitti bu'iinsi Tiraamp fi Neetaaniyaahuu jalqaba ji'a Waxabajjii, 2026 irraa eegalee mul'ataa jiru garuu kan egeree michummaa biyyoota lameenii qoruudha.
Pirezidant Tiraamp Iraan waliin waliigalteerra ga'uu erga murteessee booda waan karoorasaa gufachiisu kamuu ittiin mormaa ture.
Yeroo inni waliigaltee kana barbaadutti dhimmi ijoon qormaata ture haleellaa Israa'el Libaanos keessatti raawwattuudha.
Jalqaba Waxabajjiitti sababa haleellaa Libaanos irratti raawwatameen Iraan ji'oota lama booda irra deebiin Israa'el haleeltee turte.
Israa'elis haleellaa Iraaniif deebii wayita kennitu dhukaasi dhaabbatee ture bakkatti deebi'a jedhamee sodaatamaa ture.
Wayita kana Ameerikaan akka duraanii Israa'el tumsitee waraanatti seente osoo hin taane, akka Israa'el haleellaa raawwachuun haaloo hin baane itti himte.
Booda Iraan haleellaa torbee tokkoof karoorsite, Israa'el haleellaa Libaanos irraa dhaabnaan isheenis dhaabde, garuu Israa'el Libaanos haleeluu ittuma fufte.
Iraan ammas haleellaan Libaanos hin dhaabbatu taanaan akka tarkaanfii fudhachuutti deebitu dhaadatti.
Tiraamp tarkaanfiin Israa'el waliigaltee Iraan gufachiisa jechuun tarkaanfii waraanaa Israa'el dura dhaabbataa ture.
Tibba waliigalteen irra ga'amuuf jedhu sana Tiraamp michuusaa Neetaaniyaahuutti bilbilee Libaanos keessatti haleellaa itti fufuun waliigaltee kana gufachiisuurraa akka of qusatu akeekkachiisaa ture.
Miidiyaan US Axios News jedhamu akka gabaasetti Tiraamp ''Neetaaniyaahuun nama galata hin bekekne, nama maraataadha,'' jechuun arrabsuun ibsameera. Tiraampis akkas jechuu amaneera.
''Haleellaa raawwachuurraa of haa qusannu. An waan furmaata ta'u hunda dhiheesseera, inni waan furmaataa hin dhiheessine,'' jechuun Neetaaniyaahuu himate Tiraamp.
''Utuu an hin jiraannee yoona mana hidhaa jirta, silaa yoona Israa'eliyyuu hin jirtu,'' jechuunis hiriyaasaatti dhaadate.
Wayita US fi Iraan Waxabajjii 14, 2026 waraana dhaabuuf Waliigaltee Wal Hubannoo (MOU) irra ga'an, Israa'el haleellaa Libaanos akka dhaabdu qabxii ijoo ta'ee dhihaateera.
Haata'u malee Ministira Muummee Israa'el Neetaaniyaahuu dabalatee aanga'oonni olaanoo Israa'el waliigaltee kanarraa shakkii guddaa akka qabanii fi akka hin fudhanne ibsaniiru.
Israa'el erga yeroo dhihoo as waan Ameerikaan irratti waliigalte haala kanaan wayita diddu kun jalqabaa ta'a.
US Israa'liin ganuu dandeessii?
US Baha Giddugaleessaa keessatti hunda caalaa kan Israa'eliin caalchifatteef dantaa ishee tikfachuuf.
Dhimmi Israa'el, dhimmi gabaa boba'aa, dhimmi Raashiyaa fi dhimmi nukilaraa- dhimmoota ijoo Ameerikaan naannawa kana keessaa qabduudha.
Kanneen galmaan ga'achuuf Israa'eliin fayyadamti. Inumaa xiinxaltoonni Israa'el ''Baha Giddugaleessaa keessatti doonii xiyyaarota waraanaa fi meeshaalee waraanaa kaan Ameerikaaf baattuudha,'' jedhanii ibsu.
Israa'el hundooftee har'a ga'uusheef tumsi maallaqaa fi dippiloomaasii US taasisftuuf lafee dugdaa ta'ee ishee fayyadeera.
Mootummaan Ameerikaa tumsa maallaqaa fi meeshaalee waraanaa taasisuuf malee, waltajjii addunyaarrattis yeroo hunda Israa'eliif gaachana ta'uun beekama.
Kun irraa dhaabbachuun ykn rakkoon mudachuun Israa'eliif akka biyyaatti balaa guddaadha.
Tiraamp wayita Neetaaniyaahuu waliin bilbilaan dubbatu ''utuu an hin jirree yoona Israa'el hin jirtu,'' jedhee kan itti dhaadateefis kanumaafi.
Kora G-7 Faransaayitti gaggeeffamerratti ibsa kenneen, waa'ee waraana Iraan, hariroo US-Israa'elifi waa'ee Netaaniyaahuus dubbateera.
Kanaan dura qondaalonni US waltajjiiwwan akkanaarratti Israa'eliif gaachana ta'anii kutannoon bira dhaabbatu.
Tiraamp garuu miirri sun amma jijjiiramaa jiraachuu xumura kora kanaarratti, wayita waa'ee Israa'el fi Neetaaniyaahuu dubbatu, mul'iseera.
Netaaniyaahuun "nama gaaridha, ammoo yeroo tokko tokko salphaadhumatti mirqaana" jedheen.
Tiraamp ibsa kenne keessatti Israa'el miseensa Hizbollaa tokko ajjeesuuf jecha gamoo tokko guutuusaa balleessuu akka hin qabne akeekkachiise.
Neetaaniyaahuun qeeqa Tiraamp kana salphisee ilaaluun, dhimmoota murteessoo irratti ammallee akka waliin jiran ibse.
Garuu hariiroo US fi Israa'el keessatti dhimma murteessaa ta'e- waa'ee deeggarsa humna waraanaa irratti karoora haraa akka qabu ibseera.
Qondaalli Israa'l kun erga US fi Iraan waliigalte wal hubannoorra ga'uu ibsanii guyyoota booda ibsa kenne keessatti, ''biyyoota Baha Giddugaleessaa fi naannawa sanaa ala jiran waliin hariiroo uummachuu'' akka barbaadu eere.
''Meeshaalee waraanaa biyya keessatti hojjechuun of danda'uu ni mirkaneessina. Kun qajeeltoo fi karoora an boce. Kana milkeessuuf bajata humna waraanaa irratti maallaqa Israa'el NIS biiliyoona 350 dabalataan ramadeera,'' jedhe.
Miseensotni paartii Netaaniyaahuu- Likuud paartii akkasumas ministiroonni ilaalcha ganamaatti cichaniifi walooma paartii biyya bulchu keessa jiran, waliigaltee US fi Iraan kana mormuun Neetaaniyaahuun akka hin fudhanne dhiibbaa uumaa jiru.
''Waliigaltee Tiraampiin hin bitamnu, waliigaltee nageenya keenya hin eegsisne kana keessaa qooda hin qabnu,'' jedhe ministirri nageenya biyyaalessaa Israa'el Itaamaar Been Gaviir.
Miseensi paartii Likuud Eriyaal Koolnar ''Israa'el ofirraa ittisuu itti fufti. Waan goonu hunda ni goona. Michooti keenya akka nu hubatan eegna,'' jedhe.
Qondaalli Moosaad duraaniifi dhimma Iraan addatti hordoftu Simaa Shaayiin ''warri Ameerikaa waliigaltee kana maaliif akka fudhatan hubachuun nama rakkisa,'' jette.
''Ameerikaan Iraan Hezboollaa deeggaruu akka itti fuftu carraa kennaa jirti. Israa'el kanatti gammadduu miti-dhaaboti nageenyaafi siyaasaas akkasuma,'' jette.
Neetaaniyaahuun biyyisaa deeggarsa humna waraanaa Ameerikaan waggaa waggaan taasiftuuf jalaa suuta suuta ba'uu akka qabdu kanaan duras ibsee ture.
Waggoota kurnan dhufan keessatti Israa'eliin hirkattummaa deeggarsa waraanaa US jalaa baasuun karoorasaa ta'uu hime.
''Deeggarsa maallaqaa, kan humna waraanaa Ameerikaan Israa'eliif taasiftu gara zeerootti fiduun barbaada,'' jechuun CBS sagantaa ''60 Minutes'' jedhamutti hime.
Ameerikaan waggaa waggaan doolaara biiliyoona 3.8 deeggarsa humna waraanaa Israa'eliif akka kennitu ibse Neetaaniyaahuun.
US bara 2018 fi 2028 gidduutti deeggarsa humna waraanaa Israa'eliif taasiftu doolaara biiliyoona 38 ramaddeetti.
Amma garuu yeroon hariiroo deeggarsa maallaqaa US fi Israa'el keessa deebiin ilaaluun fooyyessinu ga'eera jedhe Neetaaniyaahuun.
Deeggarsa Israa'el irratti yaada uummataa fi qaamolee siyaasaa
Deeggarsi maallaqaa Ameerikaan Israa'eliif taasiftu kongiresii US irraa deeggarsa argachuu qaba.
Erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa 2023 eegalee as garuu tumsa Israa'eliif taasifamurratti deeggarsi seera baastotaa fi uummata Ameerikaa akkaan hir'ateera.
Dhaabbati qorannoo Pew jedhamu Bitootessa 2026 qorannoo gaggeesseen, dargaggoota Ameerikaa keessaa dhibbeentaa 60 kan ta'an deeggarsa Israa'eliif qaban dhaabaniiru, dhibeentaa 59 kan ta'an ammoo hojii Neetaaniyaahuu sirriidha jedhanii hin amanan ykn shakkii irraa qabu.
Akkaataa qorannoo kanaan dargaggoonni Ameerikaa deeggarsa Israa'el hir'isuu fi shakkiin bulchiinsa Neetaaniyaahuu irraa qaban kan waggaa darbeerra harka torbaan dabaleera.
Neetaaniyaahuun Ameerikaa keessatti deeggarsi Israa'el akka hir'ate quba qabaachuu ibseera.
Michuu cimaa Neetaaniyaahuu kan ta'e Pirezidant Doonaald Tiraampis erga Guraandhala 28, 2026 Iraan irratti waraana labsee deeggarsi inni qabu akkaan gadi bu'eera.
Israa'el fi Ameerikaan akka Iraan Ulaa Hormuuz, kan boba'aan addunyaa dhibbeentaa 20 ta'e keessa qaxxaamuru, cufuu dandeessu erga waraana kana eegalanii waan hubatan fakkaatu.
Daafoo waraanni kun fiderraa ka'uun michuuwwan lameen [Tiraamp fi Neetaaniyaahuun] al-kallattiin wal himataniiru.
Neetaaniyaahuun, osoo maqaa hin eerin, namoonni Israa'eliif waraana kana karoorsan erga waraanni eegalee booda akka Iraan ulaa kana cufuu dandeessu hubatan jedhe.
''Balaan sababa kanaan mudatu hangam guddaa fi hamaa akka ta'e hubachuuf yeroo itti fudhateera, amma garuu hubataniiru,'' jedhe Neetaaniyaahuun.
Yeroo ammaa tumsa Israa'el ilaalchisee yaadi lammiileen Ameerikaa qaban qoqqodamus imammata alaa biyyattiirratti garuu jijjiirama fide hin qabu.
Lammiileen biyyattii hedduun Israa'el deeggaruu irraa garagalanis, aanga'oonni Rippaablikaanotaa fi Dimokiraatotaa ammallee hariiroo Israa'el waliin qabu.
Gariin yaadi uummataa kun deeggarsi Israa'eliif taasifamu akka hir'atu ykn dhaabbatu taasisa jedhanii yaadu.
Hariiroo dippiloomasii akka laaffisuu fi deeggarsa humna waraanaa irratti akka dhiibbaa uumuttis kan yaada dhiheessan jiru.
Dhimmi kun jiraachuun keessoo Israa'elittillee hubatameera.
Haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 raawwachuu torbanoota dura qondaalli duraanii tikaa humna waraanaa Israa'el Tamir Hayman hariiroon US fi Israa'el daddaaqamaa jiraachuu akeekkachiisee ture.
Bitootessa Jaarmiyaan qorannoo nageenya biyyaalessaa Teel Aviiv keessatti argamu National Security Studies jedhamu deeggarsa Israa'eliif taasifamu ilaalchisee yaadi lammiillee Ameerikaa akkaan qoqqoodamuun sadarkaa yaaddessaarra ga'uu maxxansa isaa keessatti ibseera.
Israa'el ammallee egereesheef deeggarsa alaatu [US] ishee barbaachisa.
Garuu qoqqoodiinsi lammiilee fi qondaalota siyaasaa US kun imaammata biyyattiin Israa'el irratti qabdu hangam jijjiira kan jedhu gaaffii ijoodha.












