Ooh, obboleekoo! Obbolaawwan Waancaa Addunyaarratti gareewwan garaagaraatiif taphatan

Guela Doue kan Strasbourg (cuquliisa uffate) tapha Caamsaa 2025  erga xumuranii booda obboleessa isaa Desire Doue kan Paris St-Germain yoo hammatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Obbolaa lamaan tapha booda wal hammatan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Kun warra (maatii) kamiifuu qormaata jabaadha. Obbolaa lama tapha tokko keessatti garee garaagaraa ta'anii wal dorgomu. Ati eenyuun deeggerta?

Kun tapha qe'ee keessaa ykn dorgommii manneen barnootaa miti. Kun tapha Waancaa Addunyaa ti.

Iddoo dorgommii guddaa kanarratti obbolaawwan cimdii afur biyyoota adda addaaf kan taphatan yoo ta'u, isaan keessaa Desire fi Guela Doue tapha miilanaatiin walitti dhufuu danda'u.

Haadha Faransaayi fi abbaa Kooti Divuwaar (Ivory Coast) irraa magaalaa Faransaay Angers keessatti kan dhalatan obboloonni kun, dhuunfaan wal duraa duubaan kilaboota Paris St-Germain fi Strasbourg keessa taphatu.

Kubbaa miilaa addunyaa keessatti toora adda addaa kan jiran yoo ta'u, Desire inni waggaa 21, kan Waancaa Shaampiyonsi Liigii yeroo lama mo'ate Faransaayif yoo taphatu, Guela inni ganna 23, sarara ittisaa irra naanna'ee taphatu immoo Koote Divuwaariif taphata.

Desire waa'ee walitti dhufeenya obboleessa isaa hangafaa waliin qabu sagantaa kubbaa miilaa Faransaay Telefoot jedhamurratti yeroo dubbatu, "Waan hundumaa walitti himna, iccitii tokkollee hin qabnu," jedheera.

"Inni jireenya koo guyyaa guyyaa keessatti deeggarsa guddaa dha" jedhe. Haa ta'u malee, hariiroon isaanii kun tapha Waancaa Addunyaa Ameerikaa kanaan qoraminnaa?

Faransaay ramaddii 'I' keessatti lammaffaa yoo baate, Koot Divuwaar immoo ramaddii 'E' keessatti lammaffaa yoo baate, taphattoonni kun lamaan Waxabajjii 30 magaalaa Arlington, Texas keessatti marsaa-32 dhumaatti wal arguu danda'u.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wayita Kooti Divuwaar tapha michummaa duraa Waancaa Addunyaa Waxabajjii 04 Faransaay 2-'n mo'atetti, Guelan tapha dura faaruu alaabaa biyyoota lamaanii faarfateera.

Desire, yeroositti kan guyyoota shan dura PSG waliin Shaampiyonsi Liigii mo'atee ture, teessoo jijjiirraa ture, osoo hin taphatin hafe.

Guela erga taphni xumuramee booda, "Osoon obboleessa koo waliin wal dorgomee, kan nama gaddisiisu dha, kun tapha Faransaay fi KootiDivuwaar isa jalqabaa waan ta'eef, garuu ani gammadeera, innis baay'ee hin aarre," jedheera.

Kanaan dura Waancaa Addunyaa irratti kan obboloonni walitti dhufan si'a tokko qofa ture.

Jerome Boateng kan Jarmanii obboleessa isaa hangafaa Kevin Prince kan Gaanaa waliin bara 2010 Johannesburg keessatti wal dorgoman.

Jarman 1-0n mo'atte. Waggaa afur booda, cimdiin kun ammas Biraazil keessatti garee faallaa waliirra turan, yeroo sanas taphni 2-2n xumurame.

Desire fi Guela warra itti aanan ta'uu danda'u. Akkas taanaan, obbolaawwan biraa Waancaa Addunyaa kana irratti mul'atan eenyu fa'i?

Obboloota biyyoota garaagaraatiif taphatan

Obbolaa Wiiliyaams: Inaakii fi Nikoon obbolaa lamaan baddaa Baasqi keessatti kan dhalatan yoo ta'u, kilaba Atleetikoo Bilbaa'oo keessa waliin taphatu.

Haa ta'u malee, dhimmi kubbaa miilaa addunyaa dhimma adda isaan baasu dha. Nikoon dargaggeesaa ganna 23 yoo ta'u, waggaa lama dura tapha xumuraa Waancaa Awurooppaa irratti yeroo Ispeen Inglaandi mo'atetti taphataa cimaa taphichaa ture.

Angafni isaa ganna 32 Inaakiin garuu biyya Gaanaaf taphata.

Awustiraaliyaan ittisaa sarara gidduu magaalaa Abardiin keessatti dhalate dargaggoo ganna 27 Haarii Suutar kan filatte yoo ta'u, obboleessi isaa Joon ganna 29 immoo Iskootilaand waliin Waancaa Addunyaa hirmaata.

Haati isaanii, Heather, lammii Awustiraaliyaa yoo taatu, Haariin osoo bara 2019 keessa lammummaa isaa gara Awustiraaliyaatti hin jijjiirin dura sadarkaa dargaggootaatti Iskootilaandif taphata ture.

Joon kilaba Dundee United keessatti ganna 16'tti, garee biyyaalessaa Iskootilaandiif immoo ganna 21tti hiriire.

Haariin tapha bananiinsaa ramaddiitiin wayita Awustiraaliyaan Tarkii 2-0n mo'attetti garee isaatiif dursaa (kaapiteenii) ture.

Gama biraatiin, namni ganna 30 ittisaan biyya Gaanaa kan Nezerlaandsi keessatti dhalate Derrick Luckassen, dorgommii kana irratti obboleessa isaa kan ganna 24 Brian Brobbey waliin wal argatanii jiru.

Taphataan sarara fuulduraa kilaba Sanderlaandi Brobbey, tapha bananiisaa ramaddii Nezerlaandsi kan Jaappaan waliin 2-2n gadi bahan irratti dhuma irratti jijjiiramee jidduu seenee taphate.

Isaan lameen ilmaan haadha takkaati. Garuu abbaa adda addaa irraa dhalatan.

'Warri (maatiin) keenya yoo boo'an agarre'

Kanneen biroo obbolaawwan garee biyyoolessaa garaagaraaf taphatanis jiru.

Laros Duarte, Waxabajjii 17 tapha Kaappoo Vardee fi Ispeen waliin taphatanirratti sarara jalqabaarra taphate yoo ta'u, daqiiqaa 61ffaa irratti obboleessa isaa quxisuu Deerooy, Atilaantaa keessatti bakka bu'e.

Obboloonni magaalaa Rooterdaamitti dhalatan kunneen, gareen isaanii Blue Sharks qabxii baay'ee dinqisiisaa akka galmeessisu kan gargaaran yoo ta'u, gareen yeroo jalqabaaf dorgommiitti makame kun shaampiyoonii addunyaa bara 2010 kan taate Ispeen goolii malee qabxii qixxeen adda galuuf dhiibbaa guddaa uumeera.

Laaros taphichaan booda, "Yeroo warri keenya wayita boohan argineerra," jedhe. "Miira akkasii ibsuun baay'ee ulfaataadha, kun waan ati abjuudhaan qofa argitudha."

Kuraasa'oon bal'ina lafaa fi baay'ina ummataatiin biyyoota dorgommii Waancaa Addunyaa irratti hirmaatan keessaa ishee xiqqoodha.

Waxabajjii 14 tapha Jarmanii waliin taphatan irratti goolii wal qixaan galmeessuun daqiiqota muraasaaf hawwii isaanii dhugoomsuuf eeganii turanis, booda garuu 7-1n mo'amaniiru.

Kan biroo ilmaan Baakunaati. Taphataa sarara gidduu kilaba Astoon Viilaa duraanii Liiyaandiroo, ganna 34 fi Juuniinshiyoo, ganna 28, kan kanaan dura Biirmiingaham Siitii fi Reenjarsii keessa taphataa ture dabalata.

Juuniinshiyoon, "Kun waan nuti yeroo hundumaa hawwinu ture – yeroo ijoollee turre dirree tokko keessa, garee tokko keessa waliin taphachuuf abjoonna turre," jedhe.

Dorgommii kana irratti biyyoota ciccimoo keessaa takka kan taate Faransaay fi Luuqaasii fi Teeyoo Heernaandez taphattoota garee isheeti.

Isaanis kilaba isaaniitiif PSG fi Al Hilal keessa taphatu.

Leenjisaan Faransaay Diidiyeer Deeshaamp, obbolaan kun lameen bara 2021 keessa yeroo jalqabaaf waliin garee biyyaalessaa Faransaay keessa sarara jalqabaarra taphatan, "Isaan hariiroo maatii kana qabu," jedhanii turan.

"Kun waan hunda ni jijjiira jechuu miti, garuu ani taphattoota hariiroo akkasii qaban lamaan waliin hojjedha."

Obbolaan lamaan Luqaas (mirgarraa) fi  Tiyoo Hernaandez tapha Faransaayi fi Denmaark bara 2022 wal dorgoman irratti faaruu alaabaa yoo faarfatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lukaas fi Tiyoo Hernaandez