Bara kana Arsenaal waancaa liigii ni injifata- Saakaa

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara duraa Arsenal Bukaayoo Saakaa gareensaa ''bara kan'' dheebuu waancaa Piriimiyeer Liigiitti xumura godha jechuun dubbate.
Gareen Mikeel Arteettaan leenji'u Arsenaal baroota dorgommii lamaan darban Siitii isa shamapiyoonaa ta'etti aanee xumure. Kilabni kun bara 2003-04 leenjisaa Arsen Wenger jalatti garee 'invincibles' jedhamee beekamaa tureen yeroo dhumaaf waancaa liigichaa injifate.
Ammaan tana gabatee qabxii liigichaan Liiverpuul, isa mataarra jirurraa qabxii tokkon gad bu'ee, Siitii waliin ammoo qabxii walqixaa garuu gooliin durfamee sadarkaa sadaffarra jiru.
''Ofii keenyarra dhiibbaa guddaa kaahuu hin fedhu garuummoo barrichi isa kana(kan Arsenala waancaa itti injifatu)'' jechuun Saakaan CBStti hime.
''Baroota darban lamaan baayyee itti dhiyaannee ture, itti dhiyaachaa jirra, Inni kun garuu bara sana, ta'a abdiin qaba'' jedhe.
Saakaan garee Arsenaal walitti aansee liigicha lammaffaa bahuun xumure qofa osoo hin taane, garee biyyaalessaa Ingilaand Waancaa Awurooppaa lama walitti aanu irrattis xumuraaf gahee injifannoo dhabeedha. Bara 2021fi bara 2024tti.
Dargaggoon ganna 23 kun aariin waancaa dhabuu baroota darbanii bara kana waancaa akka injifataniif kaka'uumsa horuu himeera. Keessumaa Arsenaal Kibxata galgala 2-0n PSG injifachuun gareelee ciccimoo morkachuuf gahuusaanii akka agarsiisu hime.
''Baroota darban yeroo baayyee waancaaf dorgomeen dhabe. Miira sana isa na keessa jirutu bara kana akkan injifachuu barbaadu godhe, dhugumattis jabeesseen ofitti amana'' jechuunis Amaazoon Piraayimitti dubbate.
Ofitti amanamummaafi kaka'umsi sun gahee hedduu akka bahu himee, ''garee jabaa ta'uu keenya amanna. Isammoo galgala kana agarsiifneerra. Ijoollee keenyaatti gareen jabaan wayita gara Emireets dhufu itti agarsiisuu qabna jedhee itti himeera'' jechuunis dubbate.















