Manni maree Tigraay labsiin dirqama loltummaa fi adabbii du'aa akka hojiirra oolu ajaje

Humnoota Tigraay

Madda suuraa, Woyen

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

TPLF gara hojiitti kan deebise Manni Maree Tigraay seerota tajaajila loltummaa fi du'aan nama adabsiisan ilaalchisuun labsii baasee ture akka hojiirra oolu ajaja dabarse.

Filannoo TPLF waggaa ja'a dura gaggeessee, kan mootummaan federaalaa seeraan ala ta'uu labseen kan hundaa'e manni maree kun ''nageenyaa fi jiruu fi jireenya uummata Tigraay akka eegamu mirkaneessuuf,'' jechuun labsii kana Caamsaa darbe labse.

Aanga'oonni kaabinee dura taa'aa TPLF Doktar Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin hoogganaman waa'ee labsii kanaarratti qaamolee haqaa fi nageenyaa leenjisaa turan.

Labsiin kun ammallee gaazexaa Nagaariit irratti maxxanfamuu baatus, Afa-yaa'iin mana marechaa (dhiheenya hojiitti deebi'e) Mihret Barihee Roobii Waxabajii 24, 2026 xalayaa Biiroo Haqaa naannochaaf barreessan keessatti seeronni labsan hojiirra ooluu akka eegalan ajaja dabarsaniiru.

Garagalcha xalayichaa irratti Manni Murtii Olaanaa fi Komishiniin Poolisii Tigraay eeramaniiru.

Afa-Yaa'iin kun xalayaasaanii keessatti ''labsiin jiruu fi jireenyaa fi nageenya uummata Tigraay mirkaneessuuf kora keenya darbe irratti labsame kan fuula 46 qabu Gaazexaa Nagaariit irratti hanga maxxanfamutti akka itti hojjetaa turtan isin yaadachiisna,'' jedhan.

Qondaalonni siyaasaa Tigraay fi jaarmiyaan mirga namoomaa idiladdunyaa- Human Rights Watch (HRW) labsii manni maree naannoo Tigraay akka hojiirra oolu ajaje kana mormaniiru.

HRW ibsa Kibxata, Waxabajjii 23, 2026 baase keessatti seera labsame kanaan ''hacuucaa'' jechuun ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aanga'oonni naannoo Tigraay wixinee seeraa akka dirqama loltummaaf nama fo'ataniifi 'aangoo isaaniifi kennuu' akkasumas akka mormitoota adabaniif 'karaa isaaniif banu' akka haqaniif akeekkachiiseera jaarmiyaan mirga namoomaa kun.

Labsiin kun ''ifa kan hin taanee fi jechoota kallattii garaagaraan hiikamuu danda'aniin kan guutameedha,'' kan jedhe HRW, ''yakkoota adda addaaf adabbiin du'aa fi hidhaa cimaan akka murtaa'u seerota deeggaran qabateera,'' jedhe.

Labsii kana keessatti akka eerametti waqtii waraanatti bu'uuraalee misoomaa, dhaabbilee uummataafi mootummaarra miidhaa geessisuun, diina waliin hiriiruufi icciitii dabarsanii kennuun hidhaafi maallaqaan nama adabsiisa.

Yakkichi itti yaadamee kan raawwatame yoo ta'e hidhaa umurii guutuu ykn du'aan akka adabsiisus eera.

Akkasumas mootummaa biyya alaa waliin ta'uun "gochaa walabummaa Tigraay balaarra buusu raawwachuun" akkaataa gochichaa irratti hundaa'uun hanga du'aatti akka adabsiisu ibsameera.

Kan biraa ammoo keeyyata 44 jalatti kan ibsameefi yakka hanga du'aatti adabsiisa jedhame diina waliin wal-ta'iinsa diinagdee tolfachuu ykn diina waliin mariyachuudha.

Uummata Tigraay irratti 'duguuggaan sanyii' itti yaadamee akka gaggeeffamu kan kakaasu, ajaja kan kennes ta'e yakkicha raawwachuu keessatti kallattiin kan hirmaate hidhaa umurii guutuu ykn du'aan akka adabsiisu ibsameera.

Nama beelessuu ykn qoricha dhorkachuu akka meeshaa waraanatti fayyadamuu, bakkeewwan hambaalee seenaa ta'an ykn manneen amantii itti yaadanii mancaasuun yakkoota du'aan adabasiisu jedhamanii labsii kana keessatti ibsamaniiru.

Waraana Tigraayitti makamuu ykn waraanuuf namni hayyamamaa hin taane kamiyyuu ykn adda waraanaarratti bahee gahee isaa akka ba'atuuf waamicha dhiyaateef kan hin fudhanne birrii 10,000 hanga 50,000 adabamee dirqama isaa akka ba'atu taasifama jedha wixineen kun.