Taphattonni Maan Siitii Arsenaal himatan, Arteettaan 'waan raajiidha' jedhe

Madda suuraa, Getty Images
''Maanchister Siitii dirree keenya irratti isaan eeganna. Haalaandi maal akka jedhe hin yaadadhu. Waanuma jirudha.
''Garuu baga gammaddan jechuun barbaada. Falmii, dubbii wal aarsuu waanuma tapha keessatti jirudha.
''Ammaaf fixneerra. Garuu dirree keenya irratti isin eegganna,'' jedhe taphataan sarara ittisaa Arsenaal Maglesh.
Magaalesh tapha Arsenaaliifi Maan Siitii Itihaad irratti qixa 2-2 xumurame booda dubbate.
Haalaandi akka hin sochoone gochuu qofa osoo hin taane ofiis galchii lakkoofsiseera. Maan Siitiin yeroo galchii wal qixxeesituu daqiiqaa dhumaatti lakkoofsisu Haalaandi kubba fuudhee duubaan mataa Magaaleshitti rukutee ture.
Koree naamusaan ilaalamee garuu balleessaa isa adasiisu miti jedhe. Erga taphni xumuramee taphattoonni kileboota lameenii qarqara dirreetti bahuunis atakaaroo keessa galanii ture.
Mikeel Arteettaa fi taphattoonni isaanii [Arsenaal] rooba dirree Maanchister Siitiitti itti roobe dandamachuun qabxii sadii fudhatanii bahuuf fiixeerra gahanii ture.
Arsenaal Itihaad irratti Maan Siitii injifachuun erga yeroo dhiyoon as eenaa haaraa galmeessuuf daqiiqaa tokko hafee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arsenaal qabxii sadii argachuuf daqiiqaan 97 fi sekondii 14 yeroo tahu Joon Istoonsi galchii wal qixxeesituu Maan Siitiif lakkoofsise.
Peep Gaardiyoolaan haala adda taheen gammachuu isaa ibsate. Waan taphicha injifatan malee waan qabxii qooddatanii bahan hin fakkaatu ture.
Kun ammoo Arsenaal hangam akka isaanitti cime agarsiisa. Arsenaal gaddaan onneen isaanii cabeera. Garuu akkamitti tokkummaan dhaabatanii akka falmatan, gootummaa dirree keessatti agarsiisan yoo ilaalan tapha addaa ture.
Maanchister Siitii taphattota 11 wal qixa qabaatanii injifachuun hedduu ulfaata. ARsenaal garuu boqonnaa osoo hin bahiin taphataa isaa Tiroosaadiin kaardii diimaan dhabe. Boqonnaa booda guutummaan daqiiqaa 50 ol kan tahu taphattoota kudhaniin taphatan.
Garuu Maanchister Siitiin akkuma barame caamaa kubba to'achuu fudhatus galchii lakkoofsisuun garuu hedduu itti ulfaate.
Arsenaal boqonnaa booda kubba %12.5 qofa qabachuun taphatan. Garuu dhugumatti koleba haala gaariin qindaa'ee fi waancaaf falmatu tahuu isaanii agarsiisaniiru.
Torban darbe Tootenhaam dirree isaaniin ala mo'achuun Itihaad irratti ammoo qabxii qooddachuun Arsenaaliif injifannoo guddaadha.
Maan Siitiin boqonnaa booda kubba 28 gara galchiitti yaale. Erga bara 2012 tapha xumuraa irratti QPR irratti yaalanii dhumarratti Aguweeroon galchii lakkoofsisee waancaa mo'atanii as kun rikardii haaraadha.
''Garee tokko qofatu kubba taphachuu dhufe. Garee inni kaan [Arsenaal] hanqina isa kaanii irratti taphachuuf qofa dhufe. Murteessanis ni eeyyameef.''
Silvaan garaagarummaa Liiverpuul fi Arsenaal waliin morkachuu yoo gaafatamu ''hin beeku garuu Liiverpuul Shaampiyoonsi Liigii mo'ataniiru. Arsenaal mo'atee hin beeku. Liiverpuul Piriimer Liigii mo'ateera. Arsenaal dhiyooti hin mo'anne.
''Liiverpuul nu mo'achuuf fuulaa fuulattidha kan nu falmatu. Garuu taphni Arsenaal waliin taasifnu akkas miti. Fuula duratti bahuun mo'achuuf qofa osoo hin taane tapha balleessuun mo'achuu barbaadu,'' jedhe.
Erga Bireentifoordi Itihaad irratti Maan Siitii mo'atee as Arsenaal kileba jalqabaa Itihaad irratti injifate tahuuf xiqqumatu hafe eture.
Taphni jalqabee daqiiqaa kudhan osoo hin guutiin Haalaandi galchii lakkoofsise. Haalaandi taphoota 105 irratti galchii 100 lakkoofsise.
Rikardii Kiristaanoo Roonaaldoo kileba tokkoof taphoota 105 irratti galchii 100 lakkoofsise qooddate.
Roonaaldoon Riyaal Maadiridiif ture taphoota 105 irratti galchii 100 kan lakkoofsise.
Waggoota sadii keessatti Haalaandi Arsenaal irratti galchii sadii qofa lakkoofsise.
Kaliyaafoorii galchii bareedduu Arsenaaliif lakkoofsisuun wal qixxeese. Tootenhaam irratti akkuma lakkoofsise Magalesh galchii lammaffaa lakkoofsisuun Arsenaal dursa aturan.
Waan raajiidha. Itihaad irratti daqiiqaa 56 tahuuf taphattoota 10niin taphanne,'' jedhe Arteettaan.
''Waan hin amanamne hojjenne, waanuma raajiidha,'' jedhe.
Osoo Tiroosaad kaardii diimaan hin baane tahe tapha kana mo'attuu jedhamee Arteettaan yoo gaafatamu, ''hin beeku, garuu 100 keessaa %99 itti amanee kanan sitti himu taphattoota 10 qabattee dirree kana irratti daqiiqaa 56 osoo taphatte galchii hedduu sirratti lakkaa'amuun mo'amuu dandeessa,'' jedhe.
Tiroosaad duraan kaardii keelloo [akeekkachiisaa] arge eture. Balleessaa Silvaa irratti hojjeteef rukuttaan Maan Siitiif yoo kennamu mufachuun kubba dhiite. Piriimer Liigiin ibsa baaseen Tiroosaad kaardii keelloo lammaffaa kan argisiifameef waan kubba dhiitee fageesseef jedhe.
Tiroosaad komii qabaachuu baatus Arteettaan garuu cimina sarara ittisa isaan hedduu booneera.
Dhumarratti walitti bu'insii fi atakaaroo salphaan taphattoota gidduu tureera.
Haalaandii fi taphataa Arsenaal Lewis Iskeelii wal falmaa turan. Haalaandi ''kun ammoo eenyudha? Eessaa baate'' jechuun dubbii gadi xiqqeessuu fakkaatuun itti dubbateera.
Taphataan kun Arsenaaliif tapha jalqabaa isaa taasise.












