Ani Peep'n baay'ee jaaladha, namatu walitti nu buusuuf yaalaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Arsenaal Mikel Arteettaa dubbii Peep Gaardiyoolaa waliin walitti bu'aniiru jedhu dhugaa miti jedhe. Ani Peeppiin ''nan jaaladha,'' jedhe.
Isa namoonni kaan hariiroo keenya balleesuuf yaalan to'achuuf harka koo irra hin jiru jedhe.
Tapha niwkaastil wlaiin qixa 1-1 xumuran dura yaada miiidyaaf kenneen Peep Gaardiyoolaan erga gareen isaanii Arsenaal wlaiin qixa 2-2 xumuree gara ''waraanaatti'' na dhiibaa jiru jedhe.
Taphattoonni Man Siitii erga Arsenaal waliin taphatanii qixa xumuranii tooftaa ittisaa Arsenaal qabatee taphicha irratti dhiyaate akka malee qeeqaniiru.
'Dark art' jechuun kan ibsan Bernaandoo Silva fa'aa Arsenaal erga Tiroosaadiin kaardii diimaan dhabee humna guutuun ittisuun taphicha xumure.
Kana hordofee Arteettaan yeroon itti aanaa gaardiyoolaa tahee waggaa sadii fi walakkaa kilebicha [Maan Siitii] keessa ture waan tahaa tureef ''odeeffannoo hundaa nan beeka,'' jedhe. Dubbiin kun Peep baayyee mufachiiseera.
''Dhuguma Artettaatu akkas jedhee dubbatee? Dhugumadha gara waggaa afuriis tureera. Waa'ee kilebichaa icciitii beeku qaba jechuudhaa.
''Ifa haa godhu. Mikeel yaada isaa maal jechuu akka barbaade yeroo itti aanutti ifa godhee haa dubbatu. Tarii waa'ee himata nurra jiru 115 waan beeku qaba taananis,'' jechuun gaardiyoolaan gaaffii gaazexessitoota irraa isaaf dhiyaateef deebii kenne.
Artettaan ergasii yaada dubbicha qabbeneessu kenne.
Erga umuriikoo waggaa 10 kaasee baay'ee isa dinqisiifadha. Baay'een isa kabaja. Waan naaf godhe hundaafi sichis itti fufee deeggars anaaf kennuuf isa galateeffachuun barbaada'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Namni tahe hariiroo anaa fi isa gidduu jiru balleesuuf yaadeeti yoo tahe malee ani jaalala guddaan isaaf qaba.
Gaardiyoolaaniyyuu beeka. Hojjettoonni kilebichaa hundi, beeku. Ammayyuu isaan waliin wal qunnamna.
Bordii kilebichaa fi abbootii qabeenyaa wlaiin ammayyuu wlaii bilbilla. Hunda isaanii waliin. Kanaaf jaalala akkamii akkan isaaniif qabu beeku.''
Arteettaan yaada kana kan kenne daqiiqaa dhumaa irratti erga gareen isaa Lester Siitii irratti galchii lama lakkoofsisee 4-2 mo'atee boodadha.
Yeroo ammaa Arsenaal haamilee jabaa qaba. Ilaalchi taphattootaa adda. Injifannichi humna guddaa isaaniif kenneera.
Tiyoo Waalkot, taphataan duraanii Arsenaal inumaayyuu Arsenaalqabxii guddaa sadii argate. Sababni isaa Maan Siitii qabxii waan Niwkaastil waliin qixa bahuun qabxii waan gateef jedhe.
Yeroon ani Arsenaal keessa ture ilaalchi, ''waan kana gochuu dandeenyaa?'' jedhu ture.
Waan Mikeel jijjiire tokko ilaalcha kanadha. Artettaan erga leenjisaa Arsenaal tahee Arsenaal waggaadhaa waggaatti jabaachaa dhufuun morkataa Maan Siitii jabaa taheera.
Bara kana Maan Siitii miidhamaan Roodirii, Oskaar Boob dhabeera. Keevin de Biruun akkasuma miidhamni rakkisa.
Arsenaaliif Liiverpuul jabaachaa dhufaniiiru. Chelsiin gargaaraa duraanii Gaardiyoolaa Enzoo Maareshkaan leenji'aa jiru gahumsa gaarii irra jira.
Liiverpuul Arne Isloot jalatti gahumsa gaarii agarsiisuun gabatee Piriimer Liigii dursaa jira.
Maanchister Yuunaayitid tapha tokko qofaa mo'atee ammayyuu rakkoo keessa jira. Leenjisaa Erik Ten Haag haala kanaan itti fufnaan hojii isaanii yeroo dhiyootti dhabuu malu.












