Harca'uu rifeensaafi argannoo haaraa namoota miliyoonaan lakka'amaniif abdii ta'e

Rifeensa harca'u
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Saayintistonni Jaappaan harca'uu rifeensaa namoota miliyoonaan lakka'aman mudatuuf furmaata argachuuf fiixeerra gahuusaanii himaa jiru.

Biyyattiitti gareen qorattootaa Pirofeesar Takashi Tsujiin durfamu yaalii hantuutarratti taasisaniin marsaa guddina rifeensaa guutuummaatti hojjechuu danda'uusaanii himaniiru.

Kana jechuunis rifeensi uumamaan ni marga, ni harca'a, deebi'eemmoo ni marga. Argannoon haaraan kunis 'argannoo guddaa' jedhamuun qorattootaan leelliffamaa jira.

Rifeensa kutaa qaamaa tokkorraa buqqisanii iddoo biraatti dhaabuun akka margu taasisuun baramaa ta'us hiddawwan rifeensaa (follicles) mala namaan hojjechuun rifeensi irra deddeebiin akka margu gochuun garuu ulfaataa ta'ee tureera.

Kunimmoo dubartoota rifeensisaanii sababoota garagaraa kan akka yaalii dhibee kaansarii, dulluma fi kunneen birootiin harca'uuf argannoon kun argannoo guddaadha.

Harca'uun rifeensaa akka addunyaatti namoota miliyoonaan lakka'aman kan mudatu yemmuu ta'u, dubartoota sadi keessaa tokkos jireenyashee keessatti taateen kun akka ishee mudatu qorannooleen agarsiisu.

Garuu dhiibbaan miiraa harca'uu rifeensaan walqabatee dhufu maaliif yeroo baay'ee haalaan hin hubatamu? Deebiin wayita taateen kun numudatu laannuhoo waa'ee keenya maal hima?

Rifeensa seenaa keessatti

Seenaa keessatti yeroon rifeensi jiruuf jireenya ummattootaa keessatti iddoo guddaa itti qabaate heddudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Masrii durii keessatti Fara'oononnifi dubartoonni maatii moototaa ta'an rifeensa wiigii akkaan faayame godhachaa turan. Bara Giddugaleessaa keessattimmoo rifeensi dheeraan dubartootaaf akka mallattoo dubartummaafi gaarummaatti ilaalama ture.

Jaarraa 17ffaa keessattimmo dhiiroliin qabeenyafi sadarkaa hawaasummaa olaanaa qabaachuusaanii agarsiisuuf rifeensa namtolchee dheeraafi micciiramaa ta'e godhachaa turan.

Bara 1920'n keessammoo dubartoonni rifeensasaanii gurra jalatti gabaabsanii murachuun akka mallattoo of danda'uufi seerotafi barmaatilee durii falmuutti ilaalama ture.

"Rifeensi eenyummaa keenya boca" kan jedhan ogeettiin saayikaatirii Siilviyaa Karasu, "rifeensi mallattoo baayolojikaalaa, xinsammuufi hawaasummaa gullantaalee jireenyaa keenya agarsiisudha" jedhu.

Kana malees rifeensi wantoota waa'ee nama tokkoo jalqabarratti qalbeeffannu keessaa tookko akka ta'es himu. "Yeroo baay'ee rifeensa ilaaluun koorniyaa nama tokkoo adda baafatta, sanyii fi amantaas akkasuma. Eenyummaa walin hidhata cimaa qaba, akkaataa namoota itti qoodnu yookiin ramadnu keessatti rifeensi gahee guddaa qaba" jedhan.

Kana malees rifeensi kabaja keenya waliinis walqabata. Yeroo baay'ee rifeensa humnaan muruun yookiin haaduun eenyummaafi namummaa namootaa mulquuf faayidaarra oola.

Jeewishonni wayita Jarmaniitti kaampiiwwan tursiisaa keessa turanitti rifeensisaanii haadamee uffata mana hidhaa akka uffatan taasifamaa turan. Kana malees Faransaay bara 1944 erga bilisoomtee booda dubartoonni warra Jarmanootaa gargaaruun himataman akka adabbiitti rifeensisaanii ummata gidduutti haadamaa ture.

Suuraalee waqti sanatti kaafamanfi akkaan beekamoo ta'an keessaa tokkos kan Roobart Kaappaan ka'efi haati tokko fakkiin iswaastikaa addasheerratti kaafamee ummata itti iyyuu gidduu yeroo deemtu agarsiisu ni argama.

Kanaafuu rifeensi hiikaa hawaasummaafi miraa haganaa waan qabuuf saayintistonni waa'ee rifeensa dhabuufi rifeensa akkamiin irra deebiin akka biqilu gochuun akka danda'amu qorachaa turuunsaanii dhimma nama ajaa'ibu miti.

Saayintistoonni waa'ee rifeensi harca'uu irra caalaa isaa kan hbatan dhiirota irratti qorannoo gaggeessan irraati.

'Dhimma bareedinaa miti'

Gaazexeessituun BBC sababa wal'aansa kaansariin rifeensishee harki caalamaan harca'e Viktooriyaa Darbishaayer, hariiroo dubartoonni rifeensasaanii waliin qaban ilaalchisee dubartoota garagaraa waliin gaafif deebii taasifteerti.

Isheenis 'dubartoonni irra deddeebiin waan walfakkaataa natti himan, innis bareedina ofiif dhiphachuu walin wal hinqabatu kan jedhudha' jetti.

Dubartiin mana bareedinaa dubartootaa keessa hojjettufi Niikii Elkingitan jedhamtu yaalii dhibee kaansarii keemoteeraappiin walqabatee rifeensashee dhabde. Isheenis "dhimma bareedinaa miti, namoonni akkasitti yaadu, garuu eenyummaa keeti" jetti.

Yaadni "rifeensa qofa silaa, waa'eesaa hincinqamin" jedhus miirashee kantuqu ta'uusaatiin namoonni akkas akka jedhaniin akka hinbarbaannes dubbatti.

Mana barumsaa keessatti narsii ta'uun kan hojjettufi haadha ijoollee lamaa kan taate Nataashaa Andarsan immoo, rifeensi 'rifeensa qofa miti, aadaa kiyya ture' jetti.

Isheenis sababa keemoteeraappiin rifeensashee kan haaddatte yemmuu ta'u, 'rifeensikoo haadamee lafatti yeroo kufu arguun nama dhukkubsa ture' jechuun miira keessa turte himteerti.

Adeemsa yaalii kaansarii keessatti namoonni yaaliisaas ta'e miidhaawwan cinaa yaalichi fidu to'achuu akka hindandeenye Viktooriyaan himti. Dubartoota tokko tokkoof garuu rifeensisaanii ofumaan osoo hin harca'in dura haaddachuun miira to'annoo akka kennuuf himti.

Rifeensa wiigii

Wayita yaalii keemoteeraappiirra turtetti rifeensishee dhibbeentaa 50-75 ta'u ofumaan harca'uu Viktooriyaan himti. Kunis mudannoo miirashee akkaan miidhefi yeroo tokko mana rifeensaa keessatti hanga boo'utti ishee qaqqabsiise ta'uu himteerti.

Yunivarsiitii Nootinghaamitti qorattuu dhimma fayyaa kan ta'an Diyaan Trusson, dhukkuba kaansarii dhukkubsachuun dabalataan harca'uun rifeensaa akkaataa namoonni itti nu ilaalan kan jijjiiru ta'uu himu.

"Yaalii baqaqsanii yaaluufi wal'aansawwan ciccimoo biroo dabalataan innis rakkoo dabalataa keessa dabartudha" jedhu.

Wayita yaalii keemoteeraappii fudhachaa turtetti Viktooriyaan koobii qorraa godhachaa turtus rifeensashee dhibbeentaa 50-75 ta'u dhabdeerti.

Sababa saayinsiin hanga ammaatti rakkinicha baruu dadhabe

Saayintistoonni sababootafi akkamiin rifeensi akka luqqa'u yookiin harca'ee badu hanga ammaattuu guutummaatti hin barre.

Impeeriyaal Kollejjii Landanitti pirofeesara injinaringii tishuu kan ta'an Kileer Higgins, qorannoon harca'uu rifeensaa keessattuu kan dubartootaarratti taasifamu xiyyeeffannoofi fandii dhabuusaatiin waggootaaf harkifataa ture jedhu.

"Kan dubartootaa hanga barbaadamu hinqoratamne" jedhan.

Qorannoowwan kanaan dura taasifaman harka caalmaan harca'uu rifeensaa yookiin moola'uu dhiirotaarratti akka xiyyeeffatan kan himan pirofeesarittiin, dhiiroliin irra caalmaan yaalii rifeensa dhaabsisuu kan adeemsisan ta'uunsaa saayintistoonni samuuda gogaa mataa akka argatan taasisuus himan.

Haaluma kanaanis qorannoowwan jiinii baay'een haphachuufi harca'uu rifeensa dhiiroliirratti xiyyeeffachuun adeemsifamuu himan.

Wantoonni saayintistoonnii waa'ee harca'uu rifeensaa beekan harki caalmaanis qorannoolee dhiirotarratti taasifamaniin kan argamedha jedhan.

Yeroo dhiyootti garuu saayintistoonni Jarmanii harca'uu rifeensa dubartootaarratti qorannoo taasisaniiru. Jiiniiwwan harca'uu rifeensa dubartootaa fidan kan dhiirotaa waliin walfakkaachuu akka malanis eeganii turan.

Haa ta'u malee 'jiiniiwwan walhifakkaatan" jedhu Higgins. Argannoowwan qorannichaas harca'uun rifeensa dhiirotaafi dubartootaa sababoota garagaraa qabaachuu akka danda'an akeekan. Saayintistoonnis hanga har'aatti maalummaa sababoota kunneenii mirkana guutuun hinbeekan.

"Foolikiliiwwan rifeensaa seelotasaanii akka dhaban ni beekna, garuu seelonni kun du'aniitimoo gara iddoo biraa deemaniiti kan jedhu hinbeeknu. Harca'uun rifeensaa maalif akka uumamus waan muraasa qofa beekna" jedhan.

Abdii haaraa

Hantuuta irratti qoranno gaggeeffame bu'aa gaarii agarsiise

Amma qorannoon Pirofeesar Tsujiifaadhaan Jaappaan keessatti adeemsifamaa jiru dhimma harca'uu rifeensaa dubartootaan walqabatee abdii haaraa uumee jira.

Waggoota dheeraaf saayintistoonni guddina rifeensaaf seelonni lama kan 'epithelial fi dermal papilla' jedhaman sababa akka ta'an amanu ture. Haa ta'u malee qorannoo laaboratoorii keessatti adeemsifameen seelonni lamaan rifeensa biqilchuu hindandeenye.

Seelonni lamaan rifeensa biqilchuu kan danda'an yeroo gogaa keessatti dhaabamanfi tiishuu jala jiru waliin yemmuu walqabsiifaman qofadha.

Amma garuu pirofeesar Tsujiin gosa seelii sadaffaa kan guddinafi haaromsa foolikiliiwwan rifeensaa deeggaru argachuusaanii himaniiru.

Argannoon kunis saayintistootaaf carraa rifeensa laaboraatoorii keessatti biqilchuu akka kennu abdatameera.

Pirofeesar Tsujiinis, "jecha salphaan yemmuu ibsamu qorannoon keenya seelii misooma, guddina fi irra deebiin marguu rifeensaa deeggaru adda baasera" jedhan.

Qorannoon kun hantuutarratti kan adeemsifame yemmuu ta'u, bu'aawwan abdi qabeessa argamsiisera.

Gama biraatiin qorannoo Pirifeesar Tsujiifaarratti kan hinhirmaanne Kileer Higgins, qorannichi barbaachisummaa olaanaa qabaachuu himan.

Qorannoowwan kanaan dura adeemsifamaniin laaboraatoorii keessatti foolikilii rifeensaa gartokko qofa hojjechuun akka danda'ame kan himan Kileer, "kanaan dura foolikilii rifeensaa marsaa marsaan irra deddeebi'ee margu hojjechuun hindanda'amne ture. Kanaaf argannoon kun tarkaanfii guddaadha" jedhan.

Garuummoo qorannichi hantuutarratti kan adeemsifame ta'uunsaafi adeemsi guddina rifeensa namaammoo walxaxaa ta'uusaatiin argannicha namootarratti hojiirra oolchuun ulfaataa akka ta'e himaniiru.

Argannoon isaanii abdi qabeessa ta'uu kan himan Piroofeesar Tsujii gama isaaniitiin, "yeroo kamiyyuu caalaa amma itti dhiyaannerra jennee amanna" jedhaniiru.