Kirkira lafaa Venezuweelaatti mudateen haadha mucaashee oolfachuuf lubbuushee dhabde

Haati mucaashee lobbuu oolchuuf ofiin akka lubbuu dhabde gabaafame

Madda suuraa, Instagram

Ibsa waa'ee suuraa, Haati mucaashee lobbuu oolchuuf ofiin akka lubbuu dhabde gabaafame
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Venezuweelaatti yeroo kirkirri lafaa mudatetti haati tokko mucaashee oolfachuuf jecha ofiin lubbuushee dhabde.

Abbaa warraa dubartii kanaa taphataa kubbaa miilaa ta'e Hekteer Beeloo fi sabaa himaaleen biyyattii taatee gaddisiisaa kana ibsaniiru.

Akka gabaasni maddeen oduu Venezuweelaa agarsiisutti, haati lubbuushee dhabde kun Andiriyaa jedhamti. Abbaan warraashee Beeloon barreeffama fuula Instagram isaarratti baaseen, "jaalalleen onnee isaa" kun wayita kirkirri lafaa hamaan lama biyyattii keessatti mudatetti mucaasaanii xiqqoo oolchitee garuu ofiin kubbuu dhabdeetti jedhe.

"Jaalallee koo, akkamitti akka ishee oolchite, mucaa keenya oolchuudhaaf lubbuu kee akka kennite, hafuura kee ishee dhumaa yeroo baafattellee kan ishee hin dhiisiin dubartii goota akkamii akka turte seenaa isaa nan isheetti hima," jechuun barreesse.

Kirkira lafaa hamaa lama magaalaa guddoo Venezuweelaatti dhiyootti mudateen namoonni 920 yoo du'an, kanneen 3,000 ta'an ammoo miidhamaniiru.

Hojjetoonni lubbuu baraaran namoota caccabaa gamoo jalatti awwaalamanii lubbuun jiran baraaruuf barbaachi gochaa jiru itti fufeera.

Beeloon barreeffama walitti aansuun Instagram irratti qoodeen mucaasaa hospitaala keessa jirtu ilaaluuf gara Karakaas deemuu ibseera.

Mucaan koofi adaadaan ishee haala gaariirra jiru. Har'a hin ba'an, hospitaala keessa turu. Dhukkubbii cimaa kana keessatti waan na gargaartaniif baayyeen isin galateeffadha," jedheera.

Barreeffama maxxanse biraan ammoo, "ati lubbuushee oolchuuf jettee akka kan dhabde, akkasumas waan tokkollee gochuudhaaf animmoo achi akkan hin turre muca keetti akkam godhee itti himu? Akkamiinan ibsaa? [Uumaan] jabina isaa anaaf kenni" jechuun ibseera.

Dhaabbanni Pireesiifi Beeksisaa garee Kubbaa Miilaa Kumaanaa Dee Kaampeehons jedhamu Venezuweelaa keessa jirus waa'ee dua' haadha warraa taphataa kubbaa miilaa kanaa barreesseera.

"Taphataan kubbaa miilaa Hekter Beeloo 'Kiikee' kirkira lafaa biyyattii rukkute hordofee michuun gaa'elaa isaa gamoo caccabe keessatti lubbuun ishee darbee argamuu yeroo ibsinu gadda guddaatiinidha," jedheera.

"Mucaan isaanii garuu gamoo maatiin guutuu keessa jiranirra diigamuu gahe keessaa oolteetti," jechuun mucattiin lubbuun ooluushee beeksiseera.


Hekter Beeloo mucaa isaa waliin "qofaasaa" hafuu isaa himuun gaddasaa ibsateera

Madda suuraa, Instagram

Ibsa waa'ee suuraa, Hekter Beeloo mucaa isaa waliin "qofaasaa" hafuu isaa himuun gaddasaa ibsateera
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lakkoofsi namoota sababa kirkira kanaatiin du'anii dabaluu isaa, akkasumas eenyummaa namoota du'anii hojiin adda baasuu itti fufeera.

Namoonni baayyeenis kirkira lafaa Roobii mudate kanaan bakki jiran hin baramiin jira.

Warra du'an keessa taphattoonni lama akka jiran kilaboonni isaaniifi Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Venezuweelaa ibseera.

Kilabiin Kubbaa Miilaa Karakas akka ibsetti, garee isaa umurii waggaa 18 gadii keessa kan taphatu Reezaan Siijaa, mana jireenyaasaa bakka Laa Guwaahiiraa jedhamutti argamutti maatiisaa waliin lubbuun isaa darfbeera.

'Kilab Ispoort Saan Agustiin' gareen jedhamu ammoo taphataan isaa Viktor Palaasiyoos akaadaamii kilabichaa keessatti "ashaaraa hin badne" kaa'ee darbuusaa fuula Instagram isaarratti beeksiseera. Dhukkubbii du'aatii isaa kanaan nutti dhaga'ame ibsuu jecha gahaa hin qabnu," jechuun gaddasaa ibsateera kilabichi.

Mis Venezuweelaa kanaan dura kan mo'attee kan turte Jiiseel Reeyes ammoo sababa kirkira lafaa kanaan haadhashee akka dhabde Instagram isheerratti beeksifteetti. Du'aatiin haadhashee kun kan dhaga'ame narsii ishee kunuunsaa turteefi lubbuun oolterraati.