Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ganda' qaama Jarman taate garuu Jarmaniif beekamtii hin kennine beektuu?
Tibba kana waa’ee biyya Jarman oduu biyya sanarraa kana dura hin dhaga'amnetu dhaga'ame. Innis mootummaa fonqolchuuf gareen tokko shira xaxaa osoo jiruu itti barame kan jedhudha.
Namoota shira kana xaxan jedhaman keessaa 25 to’atamuun isaaniis gabaafameera.
Garuu kutaan biyyaa Jarman Bahaatti argamtu ‘Dachlaand’ jedhamtu amala biyoota Afrikaa fakkaatu qabaachuu ishee waan hin beekneef namootaaf raajii ta'e.
'Gandi' kuni guddistee of ilaalti. 'Gandi’ xiqqoo kun akka ‘daayinaastii’ [mootummaa dhalootaan darbu] Jarman taateetti of ilaalti.
Namoonni tibba kana mootummaa fonqolchuudhaaf shira xaxan jedhaman ammoo amantoota ‘gandattii’ kanaa ta’uu hin oolu jedhamee shakkama.
Yeroo gara ‘mandara’ ganda kanaatti dhiyaatamu daangaan hin sararamneefi hin mul’anne jira.
Daangaan ‘ganda’ kanaa lafarra osoo hin taane laphee namaa keessa jira.
Beeksisni karra ‘ganda’ kanaarratti mul’atu ‘baga nagaan gara bulchiinsa Jarman dhuftan’ jedha. Ergaan baga nagaan dhuftanii kun afaan biyya sanaatiinidha.
Königreich Deutschland- Biyya warra Daach; dachee warra Daach akka jechuuti.
Bakki kunis bulchiinsa mootiin bultu "Königreich Deutschland ykn ‘Kingdom of Germany’ jettee of waamtu.
Kutaan bulchiinsa Jarman kun Jarmaniirraa walaba ta’uu labsatteetti. Naannoon kun mootii ofiif muuddatte qabdi.
Mootiin isaanii ''Piitar tokkoffaa'' jechuun of waamu. Namtichi kun erga mootii ta’ee muudamee waggoota kudhanitti dhiyaachaa jira.
Sirna muudama Piitar tokkoffaa irratti gonfoofi ulee mootiin qabatuu otoo hin hambisiin sirna guutee muudame, achumaan bulchiinsi mootii Jarman ofiin jettuu kun hundeeffamte.
Kutaan biyya "Königreich Deutschland’ ofiin jettu kun saantima mataa ishee qabdi, maallaqa ofii maxxanfattee, waraqaa eenyummaa fi alaabaa ofii addatti qabdi.
Dhalattoonni kutaa biyya kanaa lammiilee Rayish ykn "Reichsbürger" jedhanii waamu.
Namoonni 21,000tti guutu jedhamee tilmaamu lammilee Rayish jedhanii akka of waaman jiraachuu dhaabbileen basaasaa Jarman eeruun, warreen biyya Jarmanii waraanaa booda hundoofteef beekamtii hin kennine akka ta’aniitti jara kana fudhatu.
Warri lammilee Rayish jedhanii of waaman kunneen torban kana keessa beekamtiin isaanii caalaatti dabaleera.
Beekamtiin isaanii kan dabale namoonnii 25 gamoo paarlaamaa Jarman haleeluuf shira xaxaa turan jedhamanii shakkamuun ‘Reichsbürger’ bakka jedhamutti to’atamuu hordofeeti.
Namoonni kunneen humnaan aangoo mootummaa fonqolchuuf yaaluun himataman.
Mootiin Piitar tokkoffaan garuu jeequmsa uumuuf karoora hin qabu jedhu.
Taatullee biyya Jarman’’biyya badii geessiftu fi nama miitu akka taatu arguu hin fedhu,’’ jechuun himu.
‘’Sirna faashistii fi seexanaa keessatti hammatamuu hin barbaadu,’’ jedhu Piitar.
Mootii Piitar istuudiyoo TV kan ofiisaa qaba - fuulduratti tamsaasa TV nan banadha jedhee abdata.
Piitar bulchiinsa mootii kana hundeessuurra kan darbe filannoo biroon dhabe, kantiibaa magaalaa fi miseensa paarlaamaa ta’uuf dorgomeen milkaa’uu dhabe jechuun dubbatu.
‘’Malaammaltonni, yakkamtoonni sirna Jarmanii keessatti guddachaa jiru, namoonni qajeelummaa qaban fi bu’aa waloorratti bu’uureffachuun addunyaan gara gaariitti akka geeddaramtu barbaadan carraa hin arganne,’’’ jedhuPiitar.
Piitar maqaan isaanii inni sirriin Piitir Fitzeek jedhama.
Piitar gochi dalagu irra deddeebiin seera Jarmaniii wajjiin walitti isaan buusa.
Biyyi Jarman kutaa bulchiinsa mootiin bultu ykn ragaalee isaan qopheessaniif beekamtii hin kennine.
Piitir Fitzeek, nama eeyyama konkolaachisummaa otoo hin qabaatiin konkolaachisuu fi wabii sagantaa insuraansii fayyaa dhuunfaa banuu isaaniif himannaan hedduun irratti dhiyaatedha.
Piitar maallaqa lammilee biyya isaanii qisaasessu jedhamuun waggoota dheeraaf mana hidhaan kan turan yoo ta’u, himannaan isarratti dhiyaate gara boodaa haqameera.
Tajaajilli tika biyya Jarmanii naannichatti argamu waggoota lamaaf Piitarii fi mootummaa inni hundeesse hordofaa ture.
Tajaajilli tika biyya Jarmanii naannichatti argamus Piitar nuuf yaaddoo akka uumeetti ilaalla jedheera.
Tajaajilli tika biyyatti gartuu namoota iccitiin gurmaa’anii fi ilaalcha fiinxalessuummaa qaban ifatti baasutti hidhata qabu jedhe.
Yaad-rimeen akkasii waggoota dhiyoon asitti Jarman keessatti saffisaan dabalaa jira, caalatti ammoo weerara koronaavaayirasiitu hammeesse.
Weerarri Covid-19 deeggarsi gartuu kanaa akka dabaluu fi miseensota akka baayyifatan taaasisu hin oolle jedhama.
Piitir Fitzeek lammilee 5,000 ta’an qabna jedhu. Caalatti kutaa bulchiinsa mootiin bultu bal’isuu barbaadu. Lafa Jarman keessaa bituun iddoo hawaaasni isaan deeggaran keessa jiraataan mijeessuuf yaadaa jiru.
Namoonni bakka sana jiraatan garuu kutaa bulchiiinsa mootiin bultu kana keessa jiraachuutti ni boonu.
Namoonni kutaa mootiin bultu kana keessa jiraatan gibira Jarmaniif hin kaffalan, ijoollee isaaniis mana barnootaas hin galchan. Kunis ammoo seera Jarmaniitiin ala.
Warri mootiin bulan kun caasaa seeraa kan ofii isaaniitiin bulu jedhan Piitar.
Akkasumallee inshuraansii fayyaa kan ofiisaanii addatti qabaachuu barbaadu.
‘’Biyyi keenya waan ati guyyaa guyyaatti jireenya keessatti argachuu barbaaddu hunda siif kenniti. Soorata, tajaajila fayyaa fi madda galii itti fufinsaan irraa argattu, sirni akkasi hundi jiru,’’’ jedhe Beenjamiin, namtichi maatii isaa wajjiin garasitti godaane.
Namoonni bakka kana jiraatan dawaa ammayyaatti heddu hin amanan, namni tokkiitti talaallii koronaa hin fudhanne jedhe Beenjaamiin.
Waa’ee warra ollaa isaa kan gaafatame Beenjaamiin, kanneen leecalloo Jarmanitti gargaaraman taaksii Jarmaniif kaffaluu akka qaban eere.
Taatullee Beenjaamiin ’’waantii kun egeree daa’immaan kootiirratti dhiibbaan inni uumuu danda’u hin beeku, na yaaddessa,’’ jedhe.
Ganna dheeraaf warri ‘Reichsbürger’ qoosaa turan. Jarman garuu akkatti isaan sirnaan qabdu barutti jirti.