Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaarsi mooraa ajjeechaa jumlaa Naazii eegaa ture umurii 101'tti hidhaan itti murame
Mooraa Naazin ajjeechaa jumlaa itti gaggeessaa ture eegaa kan ture jarsi Yoosef S jedhamu umrii waggaa 101 tti hidhaan itti murtaa'e.
Jaarsi kun biyya Jarman magaalaa Barlinitti dhiyoo kan ta’e mooraa ajjeechaa Jumlaa ‘Sachsenhausen’ jedhamu eegaa fi duguuggaa sanyii hidhamtoota irratti raawwate deeggaraa ture jedhamuun yakki itti murtaa’e.
Yakkamtoota Naazii mana murtiitti dhiyaataa turan keessaa yakkamaan kun umuriidhan buleessa yoo ta’u, inni ammoo mooraa ‘Sachsenhausen’ jedhamutti eegduu ta’ee hojjatee akka hin beekne waakkata.
Jaarsi kun ajjeechaa namoota 3,519 tif haala mijeessuu fi keessatti hirmaachudhaan himatame.
Booji’amtoota waraana Sooviyeetii dhukaasee ajjeesu fi namoota biroo gaazii Zaaykiloon B jedhamuun dhuman keessaayis harka akka qabutu himame.
Abbaan seeraa isaaf falmu ammoo himanni akka irraa adda citu gaafatee, amma immoo oliyyannoo gaafachuuf akka jiru ibseera.
Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa namoonni kumaatamaan lakkaa’aman mooraa ‘Sachsenhausen’ keessatti beelaan, hojii humnaa cimaa, yaalii laaboratoorii namarratti gaggeeffamuu fi loltoota Naazii SS jedhamaniin itti dhukaafamee dhumanii turan.
Mooraa ajjeechaa jumlaa Naazii kana keessatti hidhamtoota siyaasaa, warra Yihudootaa, Sinti fi kkf dabalatee namoota 200,000 oltu hidhamee ture.
"Maalif akkan cubbuu kana keessa taa’u hin beeku. Himata narratti dhiyaate kana wajjin waan wal qabatu homaa hin hojjanne,” jechuun Yosef S dubbate.
Yoosef haa waakkatu malee, abbaan murtii Udo Lechtarman akka inni mooraa ajjeechaa jumlaa sana keessa bara 1942 kaasee waggoota sadiif hojjataa ture ragaa dhiyeessun yakkamaa ta’uu isaa itti murteessan.
"Aangoo kee fayyadamuun duguuggaa sanyii namoota lakkoofsan heddu ta’an irratti gaggeeffame deeggarteetta,” jedhaniin abbaan murtii.
Namoota mooraa duguuggan sanyii Naazidhaan itti raawwataa ture eegaa turan akka yakkamaatti dhiyeessun bara 2011 tti eegale. Innis loltoota SS duraanii keessaa namichi Demjanjuk jedhamu yakkamaa ta’ee erga argameen booda.