Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jarman namoota 25 mootummaa fonqochuuf yaalan jechuun shakkite to'atte
Mootummaa fonqolchuuf karoorfataniiru shakkii jedhuun Jarman keessatti namooti 25 to’annoo jala oolfamaniiru.
Gartuun kanneen ilaalcha jibbummaa finxaalesaniifi miseensota humna waraanaa turanii of keessa qabu, gamoo mana maree, Reechistaag seenuun aangoo qabachuuf qophaa’aa akka turan himameera.
Finxaalessi maqaa Piriins Heenik XIII, ganna 71 ta’e, nama murteessaa karoora kanaa ture jedhamee shakkama.
Akka abbootiin alangaa federaalaa jedhanitti namoota bulchiinsota Jarman 11 keessatti to’ataman keessa Heenik fi namni bira tokko hoggantootadha jedhamee yaadama.
Kanneen fonqolcha kana karoorsa keessa miseensotni sochii Reekisbargar, kan haleellaa gaggeesuu fi yaadota jibbummaa sanyii raabuun xiyyeeffannoo poolisii jala turan ni argamu.
Gartuun kun bulchiinsa ammayyaa Jaramnii hin simatani.
Shakkamtoonni biroon kanneen sochii QAnon irraa kan dhufan yoo ta’u gartuun kun biyyattiin bulchiinsa “deep state” jala jirti jedhanii amanu.
Dhiirotii fi dubartoonni 50’tti tilmaamaman gartuu kana keessatti hirmaataniiru kan shakkaman yoo ta’u, mootummaa sivilii jiru fonqolchuun bulchiinsa Jarmanii bara 1871 fakkaatu uumuuf karoorsanii turani.
“Gartuu kanaaf ammatti maqaa hin qabnu,” jechund dubbii himtuun waajjira abbaa alangaa federaalaa ibsiteetti.
Tarkaanfii 130 biyyatti guututti taasifame kana irratti qondaaltonni nageenya kuma sadii kan hirmaatan yoo ta’u, namootni lama Xaaliyaan fi Oostiriyaa keessatti to’annoo jala oolfamani.
Kanneen to’annoo jala oolfaman, qoorrannoof dhiyaachuuf jiru.
Ministeerri Haqaa Maarkoo Buuschimaan fuula Tiwiitaraa irratti, tarkaanfiin farra-shororkeessummaa guddaan akka gaggeefamaa tureefi, “karoorri haleellaa qaama mootummaa irratti taasisuu,” akka jiru shakkamee ture jedhaniiru.
Waajjirri abbaa alangaa federaalaa, karoorri fonqolcha mootummaa Sadaasa 2021 irraa eegalee taasifamaa akka tureefi miseensotni koree gartuu kana erga sanaatti mariiwwan hedduu gaggeessanii turani jedheera.
Qorattoonni wa’ee gartuu kanaa jalqaba kan baran yeroo Ebla darbe gartuun yakkamtootaa ‘United Patriots’ jedhaman shira nama ukkamsanii butuu tasiisa akka jiran bira ga’anidha.
Gartuun kunis karoora fonqolchaa kana keessatti hirmaatootta akka turanii fi dimokraasii Jarmanii balleessuuf yeroo karoorsanitti Ministeera Fayyaa Kaarl Looterbaak ukkamsanii butuuf karoorfatanii ture jedhameera.
Gartuun kun bulchiinsa haaraa uumuurra darbee dame humna waraanaa Rudigar von P’n hogganamuu hundeessuuf karoorfatanii turani jedhameera.
Ruudiger dabalataanis Kaaba Jarmanii keessatti qondaaltota poolisii karoora isaanitti dabaluuf yaala ture jedhamuun shakkameera.
Shakkamtuun biraa Vitaaliyaa B, jedhamtu dubartii Raashiyaa hogganaa gartuu kanaa Heenrik bakka bu’uun bulchiinsa Moskoo akka qunnamtuuf gaafatamtee akka turte ibseera.
Imbaasiin Raashiyaa magaalaa Barliin jiru ibsa kenneen, “bakka buutota gartuu shororkeessitootaa fi yakkaa kami waliin hariiroo hin uumne,” jedheera.
Waggootii darban keessatti haleellaawwan hamoo hedduun finxaalessitoota kunneen waliin hidhata akka qaban ibsameera. Bara 2020’tti, namichi ganna 43 tokko magaalaa Hanuu keessatti namooti dhalattoota biyya biro ta’an sagal ajjeeseera.
Sochiin Reekisbargar hordoftoota 21,000 qaba jedhamee kan shakkamu yoo ta’u, isaan keessaa %5 kan ya’an finxaaleeyyidha jedhamee yaadama.