'Nageenya jechuun Yukireen harka keennachuu ta'uu hin qabu'- Maakiroon

Madda suuraa, Getty Images
Maaakiroon Yukireenii fi Raashiyaa giddutti torbanoota ittaanaan keessatti dhukaasni dhaabbachuu qaba jedhan.
Pirezedantiin Faraansaay Imaanu'el Maakiroon waliigalteen nageenyaa kamiyyuu wabii nageenyaa qabaachuu qaba jedhan.
Maakiroon Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin dhimma waraana Yukireenirratti mariyachuuf Waayit Haawus wayita dhaqan kana dubbatan.
''Nageenyi kun Yuukireen harka kennachiisuu ta'uu hin qabu, wabii nageenyaa malee dhukaasa dhaabuu ta'uu hin qabu,'' jedhan Maakiroon Wixata Tiraamp wajjiin erga wal arganii booda ibsa laatan.
Tiraamp wabii nageenyaa Yukireen argachuu qabdu otoo hin ibsiin, gatii kaffalamuu qabuu fi ba'aa nagaa eegumsaa biyyoonni Awurooppaa kaffaluu qabu, Ameerikaa miti jedhan.
Maakiroon deebii wayita kennan Awurooppaan ba'aa gama nagenyaatiin jiru karaa haqa- qabeessaan qooddachuu akka qabdu biyyoonni Awurooppaa ni hubatu jedhan.
Hoggantoonni lamaan afaan jala wal darbuun akkaataa waraana Yukireen goolabuun danda'amurratti gargaagarummaa jiru wayita masaraa Waayit Haawusitti gaazixeessitootatti dubbatan mul'isan.
Waliigaltee nageenyaa keessatti wabiin nageenyaa dhimmoota garaa garummaa gidduusaanitti uuman keessaa tokkodha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp waraanni Yukireen ''torban muraasa keessatti goolabamuu qaba'' jechuun dhukaasni yeroo gabaabaa keessatti akka dhaabatu akka barbaadan ibsuun, akkuma waliigalteerra gahameen Raashiyaa akka daawwatanii fi Puutin wajjin akka wal argan ibsan.
Tiraamp marroo lammataaf masaraa Waayit Haawusiitti deebi'uun 'jijjirama guddaa uumera' jedhan Maakiroon.
Pirezedantiin Faransaay waraaana keessatti waa'ee dhukaasa addaan kutuu haasa'uun ni danda'ama.
Sana booda torban muraasa keessatti dhukaasa ittifufinsaan dhaaburratti mariyachuun ni danda'ama jedhan.
Maakiroon hoggantoota biyyoota Awurooppaa 30 waliin dhimma Yuukireenirratti haaasa'uu kaasuun, biyyoonni kunneen baayyeen isaanii qaama wabii nageenya ta'uu barbaadu jedhan.
Wixinee loltoota gara naannichaa erguuf dhiyaate irratti Ministira Muummee Biriteen Sir Kiir Istaamar waliin hojjechaa akka jiran himan.
"Dirree waraana duratti hiriiranii lolarratti hirmaachuuf otoo hin taane, akkaataa waliigalterratti eerametti, bakka tokko tokkotti nagaa eeguuf" jedhan Maakroon.
Mariin waraana dhaabuu kun ''wabii nageenyaa kan hammatu ta'uu ibsaniiru.
Wixinee UN waraana Yuukireen ilaalchisee dhiyeesse irratti Ameerikaan gara Raashiyaa goruun sagalee ishee kennite.
Kun hammam bulchiinsi Tiraampi ejjennoo waraana Yuukireen irratti qabu akka jijjiire agarsiisa.












