Maan Yuunaayitid waan qophaa'e hin fakkaatu- Kaarik garuu tasgabbii qaba

Madda suuraa, Getty Images
Deeggartoota Maanchister Yuunaayitidiif jalqabbii gaarii hin turre. Hawwiin kan eegaa turan akka isaan barana yaadanitti hin eegalle.
Haal siitiin dirree isaa irratti galchii 2-0 Maan Yuunaayitid injifate. Deeggarrtoonni Maan Yuunaayitid garee isaattii akka malee mufataniiru. Seenaa kilebichaa keessatti kilebni haaraan Piriimer Liigiitti guddate tapha jalqabaan Maan Yuunaayitid mo'atee hin beeku.
Haal Siitiin yeroo jalqabaaf Maan Yuunaayitidiin injifate.
Wayinii Ruunii yeroo kileba haaraa Piriimer Liigiitti guddate waliin tapha jalqabaa taphattu haalaan ulfaataadha. Isayyuu dirree keen ala deemtee. Yuunaayitid kanaaf hin qophoofne jedhe.
Taphataan sarara duraa duraanii Niwkaasil Alan Shiirer gahumsa qaamaa gahaa irra hin jiran jechuun taphattoota Maan Yuunaayitid ibse.
''Ani Maanchister Yuunaayitid yeroo tapha michummaa taphataa ture hin argine. Akkan tapha kana irraa argetti garuu gahumsa qaamaa gahaa waan qaban hin fakkaatan. Tapha saffisa guddaa qabu daqiiqaa 90 taphachuuf qophii miti'' jedhe.
Wayinii Ruunii ammoo akkas jedhe. ''Tapha michummaa jaha taphatan argeera. Gahumsa qaamaati jedhee hin yaadu. Hanga AC Miilaaniin Poolaanditti mo'amanitti namni waa'ee gahumsa qaamaa kaase hin jiru. Taphattoonni tapha Haal Siitii irratti taphatan gara shaakalaatti kan deebi'an Adoolessa 9 irraa eegaluuni.''
Buruunoo Fernaandez TNT miidiyaa jedhamuuf yaada kenneen akkas jedhe.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
''Tapha dirreen alaa taphataa turre irratti dogogoruma bara darbeetu ammas mul'ate. Kubba hedduu isanaiif kennine. Daqiiqota 20 jalqabaa karra eegaa keenyatti hojiin baay'etee ture. Isatu kubba hedduu argataas deebisaas ture. Kana caalaa jifachuu qabna ture'' jedhe.
Dabalataan kubbi Maan Yuunaayitid irratti lakkaa'ame kubba dhaabbatee rukutame waan taheef akkamiin akka ittisuu qabnu irratti hojjechuu qabna jedhe Buruunoon.
Leenjisaan Haal Siitii Yuunaayitidiin mo'achuuf kubba dhaabbate irratti akka xiyyeeffatan dubbateera.
Maayikil Kaarik taphaan booda kun tapha jalqabaa keenya. Irraa barannee jabaannee deebina jedhe.
Amma tasgabbaa'een sitti dubbachaa jira. Keessikoo garuu akkas miti. Mo'amuu keenyatti baay'ee gaddeera'' jedhe.
Ruuben Amoorim yeroo mo'aman miira hamaa keessa galuun dubbachaa ture. Kaarik garuu faallaa isaa tasgabbii qabaachuun beekama.
Waan mo'amneef alaan waan haasa'amu nan beeka. Kana jechuun waan hundaatu bade jechuu miti. Kanaaf haala tapha keenyaa hin jijjiirru jedhe Kaarik.
Arsenaal tapha jalqabaa 3-0 Kooventarii mo'achuun jalqabe. Arsenaal kileba waancaa injifatu tahuu isaa cimina tapha jalqabaa kanarraa tilmaamuun danda'ama.
Tootenhaam guyyaa dhumaatti kufaatii irraa oolee taphattoota ciccimoo mallatteesisee Roobertoo di Zerbii jalatti jalqabe. Garuu maallaqa guddaadhaan taphattoota cicimoo fiduun rakkoo xiin-sammuu Tootenhaam akka hin furre arge.
Bireentifoord dirree isaa irratti 3-0 mo'ate. Inumaayyuu rukuttaa peenaaliitii tokko dhabaniiru.
Sandiroo Toonaalii, Maatiyaas Fernaandez, Maarkos Senesii, Roobertisan fa'aa kan mallattesise Tootenhaam ammayyuu taphattoota akka Mohaammad Kuddus, Kiluuseviskii fa'aa ammoo miidhaan dhabeera.
Liiverpuul Niwkaasil, Maanchister Siitiin Boornimooz waliin taphni gaggeessan kan eegamu taha.
Cheelsiin ammoo boru Fuulham waliin morkata.



















