Yuukireen gargaarsa Ameerikaa malee Raashiyaa dura dhaabbachuu dandeessii?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo ammaa Raashiyaan erga Yukireeniin humna guutuudhaan weerartee waggaa sadii guutuuf jirtu kanatti, namoonni hedduun lolli adda waraanaa injifachuu danda'us, lolli garuu kan injifatu dinagdeen yoo deeggarame akka ta'e akeeku.
Kanaafuu Yukireen lola kana itti fufuu dandeessi? Pirezidaanti biyyattii Zelenskiin dhiheenya kana Yukireen waraannii ''saffisaan qofaa osoo hin taanee haqa qabeessa haala ta'een'' akka xumuramu akka barbaadan cimsanii dubbataniiru.
Haata'u malee, deeggartuu ijoon Yukireen kan turte Ameerikaan yeroo amma gargaarsa dhorkuu fi gara fuulduraatti deeggarsa hir'isuu akeekkachiisaa jirtu kanatti, dinagdeen Yukireen bara waraanaa gara biraa dandamachuu lola itti fufuu danda'aa?
Faayinaansii yeroo-waraanaa Yukireen
Yukireen biyyoota Awurooppaa kaaniin wal biratti yoo ilaalamtu guddoo taatuulleen, baayyina lakkoofsa ummataatiin, baliina dachee fi diinagdeen Raashiyaan gadiidha.
Diinagdeen Raashiyaa osoo gara waraanaa kanatti hin seeniin dura diinagdee Yukireen dachaa 10niin akka caaluu tilmaamamee ture. Waraanichi garuu haala seenaa yeroo dhihoo keessatti barame hin beekamneen diinagdee biyyattii rakkoo keessa galcheera.
Rakkoon diinagdee Yuukireen mudates, rakkoo diinagdee fi qaala'insaa kufaatii Gamtaa Sooviyeet bara 1990mota keessa booda mudateen kan wal madaalchiifamu miti.
Erga Gudhaandhala bara 2022 irraa eegalee mootummaan biyyattii baasiiwwan akka tajaajila eegumsa fayyaa, barnootaatiif kanfalu danda'ulleen, irra caalaa galiisaa kan oolche garuu raayyaa ittisaatiif.
Kuni bajata biyyattii irratti qaawwa olaanaa uumeera. Baatiiwwan jalqabaa Raashiyaan waraanaa itti eegalteetti hanqina bajataa ishee mudate guutuuf kan yaalte boondii gurguruu fi maallaqa maxxansuudhaan ture.
Dhuma bara 2022tti diinagdeen Yukireen harka tokko sadiin kan hir'ate yoo ta'u, qaala'iinsi jireenyaa parsantaa 25n dabaleera. Kana tasgabbeessuun kan danda'ame ammoo deeggarsa biyyoota michuu irraa argameen ture.
Jalqabarratti Ameerikaan biyyi deeggartuu ijoon deeggarsa maallaqa waraanaa, namoomaa fi diinagdee tasgabbeessuuf oolu walitti qabuudhaaf biyya qindeessaa turteedha.
Booda keessa garuu gaheen Ameerikaa kun keessattuu Yukireeniif deeggarsa maallaqaa gochuu itti gaafatamummaa saa gara biyyoota Awuurroppaatti naanneessite.
Pirezidanti Zelenskiin, ''ammatti baasiin waraanaa harki 80 hagugamaa kan jiru Yukireeniifi biyyoota Awurroppaatiin. Kan hafe harki 20 ammoo Ameerikaadhaan'' jechuun torban darbe kan gaazexessitootatti himan.
Yukireen deeggarsa attamii fudhataa jirti?
- Yukireen bara 2022-2024tti liqaadhaan, deeggarsaa fi hir'isa liiqaatiin doolaara biiliyoona 225 ol argattee jirti.
- Ameerikaan bara 2024tti deeggarsa waraanaatiif Yukireeniif kennuuf kan waadaa seente doolaara biiliyoona 60.7 keessaa biilyoonni 7.9 kan ramadame diinagdee biyyattii deeggaruudhaaf.
- Akkasumas bara 2024tti biyyoota G7 doolaara biiliyoona 50 qabeenyaa Raashiyaa qabame keessaa kanfalamu kennuufiif waadaa seenaniiru.
- Yukireen bara 2025tti deeggartoota ishee irraa doolaara biiliyoona 38.4 ni argatti jedhamee eegama.
Deeggarsi kennamu fayyadeeraa?
Bara 2022tti diinagdeen Yukireen miidhaa olaanaa mudatee ture. Haata'u malee deeggarsa biyya alaarraa argameen waggoota itti aanan keessatti haalli jijjiramee ture.
Odeefannoon mootummaa biyyaattii akka agarsiisuutti, diinagdeen Yukireen bara 2023tti parsantaa 5.3n, bara 2024tti ammoo parsantii 3.6n guddateera.
Deeggarsi biyya alaatii argamuun Yukireen akka kuusaa maallaqashee guuttuuf, haalla maallaqa biyyattii akka tasgabbaa'aa ta'uuf akkasumas hanqina bajataa akka guuttattuuf dandeessiseera.
Itti gaafatamaan wiirtuu qorannoowwan Hawaasummaa fi Diinagdee, Dimeetiroo Booyaarcheek, ''Yukireen lola itti fufuudhaaf waggaadhaan doolaara biilyoona 40 ishee barbaachisa'' jedhau.
''Yoo deeggarsichi adda citee ammoo seenaa gaddisiisaa ta'a'' jechuun deeggarsi Yukireen biyyoota biraa irraa argattu murteessaa ta'u ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
Rakkoo biyya keessaa Yukireen
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rakkoon Yukireen tibba waraanaa rakkiina maallaqaa qofa hin turre. Hanqinni anniisaa fi humna namaatiis mudatee ture.
Raashiyaan aanniisaa biyyattiin waraanaan dura qabdu keessaa wallakkaan ol akka barbadeessitee ykn akka to'atte tilmaamama.
Ministeerri Annisaa Yukireen akka ibsaniitti, Onkolooleessaa bara 2022 irraa kaasee hanga Fulbaana 2024tti bu'uuraaleen misoomaa annisaa biyyattii kuma tokkoo ol ta'u haleellaan Raashiyaan irratti raawwatameera.
Fedhiin anniisaa biyyattii irra caalaan kan haguugamu gabbisa humna niikulaaraa haleellaan Raashiyaan irratti hin raawwatamne irraa argamuun.
Qaawwa annisaa yeroo baayyee faayadamamu kan guutamu ammoo humna ananisaa gara biyya keessaa galuu akkasumas humna qilleensaa, aduu fi tarbaayinoota gaaziin socha'an irraa argamuudhaan.
Haalli kun ammoo qaala'insa jireenyaa irratti dhiibbaa kan taasisee yoo ta'u, indastiriiwwan fi dhaabbileen daldalaa baasiin akka itti dabalu ta'eera.
Rakkoon diinagdee Yukireen gara biraa harka sadii keessaa tokkoon kan hir'ate akka ta'e tilmaamama. Miidhaawwaniifi duutii waraanaan mudatan, baqannaa akkasumas sochiileen jiraattootaa hanqina hunma anniisaa mudateetiif akka sabaabaatti kanneen ka'an keessaayi.
Waraanaa yeroo ammaatti gageeffamaa jiruun namoonni gara kuma 880 ta'an waraanaa waliin lolaa akka jiran Zelenskiin dubbatanii ture.
Kana malees, weerarri Raashiyaa ummannii Yukireen harka afur keessaa tokko kan ta'u biyya akka baqatu taasiseera.
Odeeffannoon Dhaabbata Biyyoota Gamtooanii akka agarsiisuutti, baqattoonni Yukireen gara miiliyoona torbatti siqan biyya alaa kan jiraatan yoo ta'u, kanneen 4.6 ta'an ammoo biyyuma keessatti buqqaafamaniiru.
Diinagdeen Yukireen hangam fayyadamu danda'a?
Deeggara addunyaa Yukireen akan bulchu dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) dhiheenya akka ibseetti, haalli rakkiisaan jiraatulleen ''diinagdeen biyyattii cimee'' itti fufa.
Oggeessi diinagdee Diimeetiroo Booyaarcheek, waraanaa dheerate keessatti qabeenyaan hundi murteessaa sababii ta'eef akkasumas ciminni diinagdee dhimma furtuu ta'u kaasaan.
Bulchaan baankii Biyyaaleessaa Yukireen Andirii Piishiniyaa, Yukireen waraanichaan injifitamun wabii nyaataa, jidduugala baqattoota haaraa irra akkasumas misooma magariisa biyyaa caalaa baasii loltootaa akka dursitu taasisuudhaan dhiibbaa addunyaa mara qaqabuu qabaachu akka danda'u dubbatu.
Yukireen irra caalaa deeggarsa biyya alaa irratti kan hirkattu ta'ulleen rakkoo diingidee tibba waraanaa furuudhaaf kaka'umsa agarsiifteetti.
Raashiyaan gara biyya fagootti nyaataa erguu jechuudhaan, jaarsuummaa dhaabbata biyyoota gamtoomanii fi Tarkiitiin, waliigaltee miidhaan galaana Gurraacha irraa akka fe'amuuf taasifame keessaa yoo baatu, Yukireeniifi deeggartoon ishee sarara haaraa haleellaa Raashiyaa jalaa ittiin miliqan Galaana Girraacha keessatti diriirsaniiru.
Kunis oomisha qonnaa Yukireen biyya biraatti ergitu sadarkaa waraanaan dura tureetti deebiisuun alattis oomishaalee gara biraatiis akka ergiituuf gargaareera.
Bara 2024tti parsanataa 15n kan guddatee daldalli al ergii biyyattii, doolaara biiliyoona 41.6 argamsiiseefiira.

Barri 2025 Yukireeniif maal deebiisaaf?
Ministeerri Faayinaansii Yukireen baasii waraanaa bara 2024tti ture doolaara biiliyoona 52 akka ta'e ibseera.
Bara 2025 eegalame kanatti mootummaan Yukireen bajata waliigalaa keessaa harka afur keessaa tokko kan ta'u, doolaarri biiliyoonni 49 waraanaa fi tikkaaf ramadeera.
Baasiiwwan raayyaa biyyattii hin taane deeggarsa addunyaatiin haguugamaa kan jiru yoo ta'u, gabii keessoo walitti qabamu gumaacha xiqqaa ni taasisa.
Bajata 2025 haguuguudhaaf qaraxawwan muraasa irratti dabalamulleen, daballiisaa dhiibbaan inni diinagdee biyyattii irratti taasisuu sochii daldalaaa miidhuudhaan caalaayyuu galii gadaanaa fiduu danda'a yaaddoo jedhutu jira.
Bulchaan baankii Biyyaaleessaa Yukireen Andirii Piishiniyaa sababiin deeggarsi waadaa seename yeroosaatti dhufuurratti shakkinuuf hin jiraatu jedhan.
Haata'u malee, pirezidantiin Ameerikaa haaraan Doonaald Turaamp dhimmoota kanaan dura waliigalteen irratti taasifame attamiin akka ilaalu ganaa hin ibsamne.
Pirezidantiin Ameerikaa duraanii Joo Baayidan, deeggarsi kunneen bulchiinsa itti aanee dhufuun Yukireeniif akka kennaman mirkanneessaniin kan ture ta'ulleen, haalli ''garmalee jijjiramuuf carraan'' akka jiru oggeessii diinadgee ni dubbatu.
Rakkoo waraanaa Raashiyaa-Yukireeniin umammeef sochiilee dippilomaasii baayyee furmaata barbaaduuf dandeessisan Ameerikaa, Raashiyaa, Yukireeniifi biyyoota Awurooppaa taasisaa jiru. Abdiin nagaa walitti fufaa argachuu ammas fagoo fakkaata.












