Israa'el qarqara magaalaa Damaasqotti haleellaa raawwaachuu Sooriyaan himatte

Madda suuraa, Getty Images
Israa'el naannoo magaalaa Damaasqotti haleellaa qilleensarraa gaggeessuu Sooriyaan balaaleffachuun himatte.
Haleellichin kan gaggeeffame kibba magaalaa Damaasqotti kan argamtu mandara Beet Jiin jedhamuttu yoo ta'u, namoonni nagaan heddu miidhamuu qondaalonni Sooriyaa beeksisan.
Israa'el jalqaba torba kanaa kaaba Sooriyaa naannoo daangaa Turkiitti dhiyaatutti buufata humna xiyyaaraa biyyattii haleeluun Turkii waliin atakaaroo cimaa keessa galuun ni yaadatama.
Haleellaa torban keessatti si'a lammaffaaf gaggeeffame kana walabummaa biyyaafi seera idiladdunyaa "kan sarbeedha" jechuun Sooriyaan Tel Aviiv himatte.
Humni Waraanaa Israa'el fuula X irratti ibsa baaseen, haleellaa naannoo magaalaa Damaasqotti raawwachuu amanuun, "shororkeessitoonni" loltoota Israa'el naannoo sana jiranirratti haleellaa raawwaachuuf yaaddoo uumurraa kan ka'e ta'uu beeksise.
Haleellaan Israa'el yeroo dhiyoo as Sooriyaa keessatti gaggeessaa jirtu, muddama naannicha keessa duraanuu ture kan hammeessu akka ta'e ibse mootummaan Sooriyaa.
Kibxata darbe haleellaa buufata qilleensaa Sooriyaa naannoo daangaa Turkiitti gaggeessite hordofee, US haleellaa Israa'el balaaleffatte.
"Haleellaa hin barbaachisneefi nageenya naannichaallee kan galmaan hin geenyedha," jechuun ibse bulchiinsi Tiraamp.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Israa'el naannoo daangaa Turkiitti kan argamu buufata waraanaa Sooriyaa haleeluu hordofee, carraan Turkii waliin kallattiin walitti bu'uu ture jechuun komiin michuushee US dabalatee irratti ka'aa ture.
Turkiitti ambasaaddara US kan ta'an Toom Baaraak haleellaa Israa'el naannoo daangaa Turkiitti gaggeessite balaaleffachuun, Israa'eel yeroo filannootti deemaa jirtutti Turkiin waraanatti akka seentu affeeruu yaadeti jechuun ibsan.
Dippilomaatiin US kun Israa'el qeequu hordofee qondaalonni yaada ambaasaaddara US kana "dhugaarraa kan fagaate" jechuun ibsan.
Ministiirri Ittisaa Israa'el, Kaatz fuula X irratti akka barreessanitti Israa'el haleellaa kan gaggeesitee turte Turkiin Sooriyaa keessa buufachuu ragaa tikaa qabatamaa argachuurraa kan ka'eedha.
Kibxata darbe Israa'el buufata humna qilleensaa Sooriyaa Abu al-Duhur jedhamurratti haleellaa gaggeessuu hordofee, Waajjirri Ministiira Muummee Israa'e ibsa baaseen, Sooriyaan waliigaltee Israa'el waliin qabdu cabsuun Turkiin loltootashee qubsiisuuf fiixerra gahuu beeksise.

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Haleellaa Israa'el jalqaba torban kanaa gaggeessite hordofee Turkiin loltoonnishee buufata humna qilleensaa Sooriyaa kana buufachuu waanti mirkaneessite hin jiru.
Haa ta'u garuu, Turkiin yaaddoo nageenyaa itti ta'uu isa Israa'el himattu mootummaan Turkii kufaa godheera.
Buufanni humna qilleensaaa Abu al-Duhur daangaa Turkii irraa fageenya km70 irratti kan argamu yoo ta'u, magaalaa Aleeppotti dhiyoo kan argamuudha.
Buufanni kun bara 2013 irraa kaasee buufata humna qilleensaa Sooriyaa ta'ee akka tajaajilu kan godhame ta'us, bara 2024 hidhattoonni mootummaa biyyattii Bashir Al- Asaad aangorraa erga kaasanii as tajaajila kennaa akka hin jirretu himama.
Bulchiinsi Asaad kufuu hordofe Turkiin deeggarsa waraanaa gochuun humna waraanaa Sooriyaa ijaaruuf deeggarsa gochaa jirti.
Israa'el ammoo waraanni Turkii Sooriyaa keessa buufachuuf kaayyoo qaba jechuun yaaddoo akka qabdu irra deddeebiin ibsuun gamanumaa hanqisuuf hojjataa jiraachuu ibsiti.
















