"Cabinsa seenaa qawween osoo hin taane mariin furuuf boqonnaa haaraa saaqneerra" Hiruut G/Sillaasee

Madda suuraa, FBC
Komishinariin itti-aantuu Komishinii Marii Biyyaalessaa Hiruut Gabresillaasee, adeemsi marichaa "seenaa siyaasaa fi hawaasummaa biyyattii keessatti boqonnaa haaraa kan banedha," jette.
""Cabinsa seenaa qawween osoo hin taane mariin furuuf boqonnaa haaraa saaqneerra" jechuun dubbatte Hiruut G/Sillaasee.
"Wal dhibdeen waggoota dheeraaf nu mudatan humnaa fi wal dhiibuun osoo hin taane marii fi wal dhaggeeffachuun furuu akka danda'amu qabatamaan kan itti mirkanaa'e aadaa siyaasaa haadhaadha," jechuun gahee adeemsi marichaa gara fuula duraatti qabaatu ibsiteetti.
Komishinarri itti-aantuu kun marichaan "sagaleen kutaa hawaasa hundaa osoo hin moggeeffamiin akka kabajamu' hojjetameera jechuun ibsite.
Korri kun, "waltajjii guutuu Itoophiyaa isa dhugaa" akka ta'u godhameera.
"Yaadawwan furmaataa maricharratti ka'an Itoophiyaa boruutiif kan bu'uura kaa'anidha," jechuun ibsite
Mariin kun salphaa akka hin turre kan kaaste Hiruut, garaagarummaan ilaalchaa jiraatullee, "milkaa'inni keenya yaada tokkorratti waliigaluu osoo hin taane garaagarummaa yaadaan wal dhageeffachuun fala barbaaduudha," jette.
Yaadawwan furmaataa dhiyaatanis mootummaa fi qaamolee isaan ilaallatuun hojiitti hiikamu jechuun amantaa qabdus dubbatteetti.
"Dhimmi irratti garaagarummaa qabaannu jiraatullee, biyya waliin qabna," jechuun ibsite.
"Daandii wal dhaggeeffachuu jalqabne kana itti fufsiisuu barbaachisa," jette.








