Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ayyaana Irreechaa bara kanaarraa galiin gama diinagdeen argame hangami?
Sanbata lamaan darbe Finfinnee fi Bishooftuun jila Oromoonni waggaatti si’a tokko 'miliyoonaan' bahanii tokkummaan kabajan keessummeessan.
Ayyaanni Irreechaa kun keessumaa erga Irreechi Hora Finfinnee ALA bara 2019 deebi’ee kabajamuu eegalee dadammaqiinsa guddaa horatee sagantaaleen jilicha dura qophaa’anis haalan bal’achaa deemera.
Irreechi Hora Finfinnee yeroo jaarraa tokko caaluuf adda cite ture bara 2019 yeroo jalqabaaf yoo deebi’ee kabajamu Oromoon milyoonaan Finfinneetti dambali’e kabaje sammuu nama hedduu keessatti seenaa ta’ee waan yaadatamu.
Irreechi Hora Finfinnee kun bara kana yeroo ja’affaaf kan kabajame yoo ta’u, bara jalqabaatiin alattii waggootaa itti aanan sababa weerara koronaa vaayirasiitiin namoota murtaa’een qofa kabajamaa ture.
Goobee fi Shinooyyee jala bulti Irreechaa
Sirnoota barii birraa akeekanii fi tibba ayyaanaa ta’uu dargaggoonni ittiin ibsatan keessaa isa tokkodha. Goobeen tapha warra dhiiraa yoo ta’u, shinooyyeen ammoo kan warra dubartootaati.
Bara kana dhihaachuu ayyaana Irreechaa faana daandiiwwan magaala Finfinnee keessa socho’anii dargaggoonni shinooyyee fi Goobee taphatan jala bulti Irreechaatti simboo addaa horan.
Shinooyyeefi Goobeen kuni tapha dargaggootaa aadaa Oromoo keessatti durirraa kaasee jiru ta’ulleen sirna kana dadammaqsuun amma garee dargaggoota Finfinneetti aadaa fi duudhaa Oromoo calaqqisiisaa jiran kana qindeessee kan jalqabe dargaggoo Biruuk Girmaati.
Bara kanas Irreechi gahuu torbeewwan muraasa dursuun qeerroo fi qaarreen uffannaa aadaatiin faayamanii dhiichisa aadaa kana daandiiwwan magaala Finfinnee dabalata waajjiraalee angaa’ota olaanoo biyyattii deemunis aadaa Oromoo kana agarsiisaa turan.
Irreechi baranaa Guddummaa Oromoo mul’iseera
Irreecha Hora Finfinnee fi Harsadii barana kabajame ilaalchisuun addatti BBC waliin gaaffiifi deebii kan taasisan Komishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa, Irreechi baranaa qixa qophii dursaa taasifameen milkii guddaa qabaate jedhu.
“Akka mootummaatti dursinee kan baroota darbanii akkam ture? Hanqina akkamii qaba ture? jennee qophii jabaa goone. Kanarraa kaanee karoora baafanne. Pirezedaantii Oromiyaa Obbo Shimallisii fi Kantiibaa Magaala Finfinnee Aadde Adaanechis itti dhiheenyaan karooricha hordofaa turan,” jedhu.
Irreechi barana kabajame kanneen kana duraa irraa adda ture kan jedhan Aadde Laliseen, guddummaa fi nagaa jaalachuu, aadaa ofii ibsachuu Oromoo kan irraatti calaqqise akka ta’es himu.
“Irreechi baranaa adda ture. Erga bara 2019 asitti hirmaattota isa guddaadha. Tokkoffaa eenyummaa keenya agarsiisneerra. Aadaan Oromoo maal akka fakkaatu, baay’inni keenya hangam akka ta’e, Oromoon uummata jaalalaa fi guddaa ta’uu firattis warra kaanittis agarsiisneerra,” jedhan.
Hirmaattonni ''kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa dhufanii fi keessummoonni biyyoota alaa irraa sagantaa kanaaf dhufan irraas galiin biliyoonaan lakkaa’amuufi dinagdee deeggaru argamuus himan.
“Uffata aadaa bitamu irraa, nyaataa fi dhugaatii fayyadaman irraa galiin dinagdee utubu argameera jedheen amana. Karaa biraa siyaasa biyya kanaatifis ergaa dabarseera. Oromoon nagaa barbaada, aadaasaa beeksifachuu akka barbaadu mul’iseera” jedhan.
Irreechi guyyaa lamaan kabajamuun alatti dursa sagantaaleen ayyaanni dhufuusaa agarsiiisan heddummachaa dhufuunis Irreechi ayyaana guyyaa tokkoo qofa osoo hin taane ‘Tibba Ayyaana Waggaa’ (Holyday season) gara uumuutti cehaa jiraachuus himu.
Irreechi bara kana kabajame keessumaa gama nagaaf tasgabbiitin haalan fooyya’aa akka taretu himama. Kanaaf ammoo qophiin dursaa taasifamee fi qoodni hirmaattonni ayyaanicha nagaan kabajuuf taasisan guddaa ta’uu eeran Aadde Laliseen.
“Qaamoleen nageenyaa fuula gaaridhaan hirmaattota simachaa turan. Kun jijjiirama guddadha. Hunda caalaa garuu kutannoon uummanni keenya ayyaanasaa nagaan kabajuuf agarsiise guddaa ture. Irreechi iddoo jaalalaa fi nagaati jedhee uummanni keenya waan murteeffateef milkoofnee jirra,” jedhan.
Irreecha baranaa irratti daandii qilleensaa Itoophiyaa dabalatee dhaabbileen tajaajila kennanis keessummoota Irreechaaf gara Itoophiyaa dhufaniif hir’isa gatii waan taasisaniif lakkoofsi namoota biyyoota alaa irraa dhufanii ayyaanicha kabajaniis dabaluu himu.
“Gareen biyya Neeppaalii fi kan Keeniyaa irraa yeroo 3ffaaf dhufan turaniiru. Isaanin ala tursitoonni baayyeen biyya adda addaa irraa dhufanii Irreecha nufaana kabajanii itti gammadaniirus,” jedhan.
Kabaja Irreecha baranaarraa Irreechi yoo qindoominaan irratti hojjetame Jila guddaa nagaa fi jaalalaan kabajamu, turistoota hedduu gara biyyaatti hawwatuu fi madda galii guddaa akka ta’u akka irraa baratamee fi yeroo itti aanutti ciminaan akka irratti hojjetanis kaasan.
Irreecha Hora Finfinnee fi Harsadii baranaa bifa nagaa qabeessaa fi tasgabbii qabu akkasumas, guddummaa Oromoo mul’ise kun akka milkaa’uuf sabni Oromoo fi qaamoleen nageenyaa akkasumas kanneen qooda gumaachaan hundas galateeffataniiru Aadde Laliseen.