Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tuulamni seera Gadaa halkan lallabatee, Irreecha dhokatee irreeffataa asiin gahe
Abbaa Gadaa duraanii Tuulamaa fi hayyuun Gadaa Laggasaa Nagawoo achii dhuftee Irreechaa, dhumaatii Irreecha bara 2016 fi Irreecha baranaa ilaalchisuun addatti BBC waliin turtii taasisan.
Oromoon uumamee jennaan Irreecha jalqabe
Akka Hayyuun Gadaa Laggasaaan jedhanitti, Irreechi Oromoon uumamee safuu waaqaa beekee jennaan sirna galataa jalqabe akka ta’e himu.
“Oromoon uumamee safuu waaqaa beekee jennaan irreechi uumame. Irreechi kenna, duudhaa fi jaalala. Ganna darbanii birraatti kan bahamu irreessani. Nama araarsuun, waaqaa galata galchuun irreessani,” jedhu.
Irreechi Hora Bishooftuu ammoo irreessa ilmaan ja’an Galaan waggoota dheeraaf itti irreeffachaa dhufan ta’uus himu.
“Ja’an Galaan birraan bari’ee jennaan asitti walgahu. Lagni Awaash yoo guute ganna walitti hin ce’amu. Oggaa birraan bari’u irreechaf walitti ce’u,” jedhu.
Irreechi dhiibbaa irra gaheen laafee ture malee adda hin cinne kan jedhan hayyuu Laggaasaa Nagawoo, Tuulamatti Gadaanis ayyaanni irreechaas laaffatee ture jedhu.
“Waggaa 24 har’aa bara Gadaa Roobalee namni Irreecha kana dhufu nama kuma shanii hanga kudhanii hin caalu ture. hawaasuma naannoo Ada’aa kanaa fi ilmaan Tuulamaa kanatu dhufaa ture” jedhan.
Dhaloonni aadaa fi duudhaa isaa hubachaa deemeen lakkoofsi irreeffattootaa yeroo jalqabaatiif miliyoona kan seene yeroo barkumee akka tures yaadatu.
“Horri Finfinnee erga deebi’ee irreecha irratti lakkoofsi haalan dabale. Yeroo sanirraa kaasee namni irreecha hirmaatu miliyoona 10 gahee jira. amma namni irreecha dhufu daarii hin qabu. lakkaa’aniituu hin danda’amu” jedhu.
Dhokatanii Irreeffatamaa ture
Akka Hayyuun Gadaa Tuulamaa Laggasaa Nagawoo jedhanitti, irreechi osoo akka ammaa kana miliyoonaan kabajuun hin dhufin dura namootni dhokatanii irreeffachaa duudhaa kana dhalootatti dabarsan.
“Duraan dhokateeti namni kan irreeffachaa ture. irreecha dhiisii Tuulamni seera Gadaatuu dhokatee halkan seera lallabatee guyyaa mandara oolanii sirna kana cimsan. Irreechis akka dadhabu, akka hin beekamne dhiibbaan irratti godhamaa ture” jedhan.
“Amma barri dimokiraasidha, amantaan hundaatuu qixa, aadaanis qixa jedhamee waan lallabameef uummanni Oromoo dammaqee aadaasaa beekee guddifachaa jira” jedhan.
‘irreechaf Yoo deemnu nutti kolfu ture’ kan jedhan Hayyuun Gadaa kun, barri suni darbee amma Oromoo miliyoonotaan Irreeffatu arguun gammachuu addaa akka isaanitti uumu dubbatu.
“Yeroo Irreechaaf deemnu ‘Laalaa laalaa’ jedhanii nutti kolfu ture. ‘Abbaa Irreechaa’ jedhanii nutti qoosu ture. ani Gadaa kiyya xumuree Gadaa birmajiitti yoo darbu bal’achaa dhufe. Horri Finfinnees Gadaa Meelbaa keessa bakkatti deebi’eera. Kuni miira addaa natti uuma” jedhan.
Sirni Bulchiisa Gadaa Oromoo addunyaarratti beekamtii argachuun sirna Galataa, Irreecha kanas akka cimuuf tumsuus dubbatu.
Dhimaatii Irreecha bara 2016 akkamiin yaadattu?
Irreecha hora Bishooftuu A.L.A bara 2016 kabajamee ture irratti rakkoo mudateen lubbuun namoota dhibbaan lakkaa’amanii darbuun niyaadatama.
Guyyaa sana waltajiirra kan turanii fi viidiyoo irratti alangee Olqabanii uummanni akka tasgabbaa’u gaafachaa kan turan tokko Hayyuu Gadaa Laggasaa Nagawooti.
Ta’iin bara sanaa siyaasaa fi walmormii tureen rakkoon kuni akka dhalatu godhe jedhu.
“Gadaan dur wal hin mormitu. bara sana wal momiitu Gadaa keessa ture. aangoo walii kennuurratti rakkootu ture. irreeffattoota biras siyaasaa fi mormiitu ture. jeequmsatu dhalatee rakkinni suni dhufe”
“Nuti waltajjiirraa lallabnee lallabnee dadhabnaan achii deemne. Uummanni mormiirra ture. lolli dhlate. Saniin namni suni hundi dhume. Namni dhumuun suni natti dhagahama. Irreessarratti lolli jiraachuu hin qabu” jedhan.
Namusni Irreeffannaa akkam ta’uu qaba?
Hayyuun Gadaa Tuulamaa Laggasaa Nagawoo, Irreechi mallattoo nagaafi galateeffannaa waan ta’eef irreeffattoonni yeroo gara malkaa deeman karaa nagaatin qofa ta’uu akka qabu dhaamu.
“Kuun keessa amantaafi aadaa ofiitif dhufa. Keeasammoo jeequuf kan dhufus hin dhabamu. Kana uummanni eeggachuu qaba. Abbaan malkaa, jaarsoliin, warri aadaan kennuuf tartiiban aadaa eeganii kabajuu qabu,” jedhan.
Ummanni Oromoo hundi ayyaana waliinii kan ta’e irreechaaf baga geessan jechuunis hawaasni bal’aan keessummaa kabaja kanaaf dhufu kabajaafi kunuunsaan keessummeessuun duudhaa Oromummaa isaa qabatamaan agarsiisuu akka qabus dhaaman.