Miidhaginaa fi Tasgabbii: Irreecha Hora Arsadee 2024

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Jala bultiirraa kaasuun miidhaginaa fi tasgabbii gaarii kan qabu Irreechi Hora Harsadii kabajamaa jira.

Irreecha Hora Finfinnee sanbata xiqqaa kabajameen booda namootni hedduun gara magaala Bishooftuu seenaa turan.

Seensaawwa magaalattii gurguddoo lamaaniin jalabultiirratti namootni hedduun seenaa turanis sakatta’iinsii fi eegumsi cimaan kan irraa mul’atu ture.

Magaalarraa fageenya dheeraarratti konkolaataan seenuun waan hin danda’amneefis irreeffattoonni lafoon imalanii magaala seenu.

Jalabultiirrattis haala amma dura irraa adda ta’een daandiin magaalattii guddichi namootaan guutee yoo mul’atu guyyuma irreechaa malee jala bultii hin fakkaatu ture.

Halkan guutuus jilattoonni daanduma magaalattii irratti sirbaa fi bashannanaan dabarsanii bariidhaan bakka irreeffannaatti imalan.

Guyyaa irreechaas ta’e jala bultii irrattis miirri hirmaattotaa tasgabbii kan qabuu fi hedduu hawwataadha.

Hora Harsadiitti Abbaan Malkaa fi abbootiin Gadaa barii irreeffatanii erga malkaa saaqanii irreeffattoonni dirree malkaa guutanii dabareen irreeffachaa jiru.

Namootni garee gareen qoodamanii dabareen irreefachaa waan turaniifis waldhiibuun bakka irreeffannaatti mul’atu barana fooyyee kan qabudha.

Dhiichisni aadaa kutaalee Oromiyaa adda addaa, weedduun Mareewoo fi uffannaan aadaa Oromoo Irreecha Hora Harsadii baranaas daran waan qalbii nama hawwatu ture.

Irreeffannaan Hora Harsadii kuni Barii kan jalqabe ta’ulleen namootni akkuma dhufaatii isaaniin bakkichatti irreeffachaa, dhiichisaa fi suura ka’aa bashannanuun itti fufee jira.