US maaliif meeshaa farra misaa'elaa cimaa 'Thaad' Israa'eliif kennite?

Sirni farra miisaa'elaa Thaad kan akka suuraarratti mul'atu kanaa tokkichisaa doolaara biliyoona tokko baasa

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sirni farra miisaa'elaa Thaad kan akka suuraarratti mul'atu kanaa tokkichisaa doolaara biliyoona tokko baasa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Peentaagoon sirna farra misaa’ela olka’aa loltoota Ameerikaatiin hojjetamu gara Israa’elitti erguu isaa mirkaneesse.

Angawoonni akka jedhanitti, baatiriin Tarmiinaalli Ittisa Naannoo Olka’iinsa Olaanaa (Thaad), erga Iraan jalqaba baatii kanaan biyyattii irratti haleellaa misaa'eelaa raawwatteen booda ittisa qilleensaa Israa’el ni jabeessa.

Pirezidaant Joo Baayidan ''Israa'el ittisuuf'' jechuun haa ibsan malee, Israa'el ammallee haleellaa misaa'ela balistikii 180 ol Iraan Onkoloolessa 1 irratti itti dhukaafteef haaloo baati jedhamee eegama.

Tarkaanfiin kun Israa’el keessatti boottii Ameerikaa kaawwachuu kan qabu waan of keessaa qabuuf, dhimma xiyyeeffannoo hawwate ta’eera.

Duraanis humnoonni Ameerikaa muraasni biyyattii keessa jiru. Haata'u malee, bobbaafamuun loltoota haaraa gara 100 ta'an kunis, waraana naannoo babal'achaa jiru keessatti Ameerikaan daran galuusheee waan agarsiisuuf isa guddaadha.

Akkasumas rakkoon kun guddachaa dhufuunsaa milkaa'ina ittisa misaa’elaa Israa’el maal jechuu akka ta’e ragaalee barbaadamaa jira.

Israa’el haleellaa Iraan raawwatteef haaloo ba’uudhaaf ganaa, akka Ministirri Ittisaa Yoo'aav Gaalaant jedhanitti “barbadeessaa, sirrii fi hunda caalaa kan nama ajaa’ibu” ta’a.

Teehraan Israa’el irratti kan dhukaafte sababii ishee Beeruuti keessatti hogganaa Hezbollaa kan Iraan deeggartuu, Hasan Nasrallaa waan ajjeesteef jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Peentaagoon gareen leenjii'ee fi qaamoleen baatirii kanaaf guyyaa Wiixataa Israa’el akka galan akka barbaadu ibseera.

Guyyoota ittaanan keessattis hojjettootaa fi kutaaleen dabalataa ni hordofu jedhe. Baatiriin kun “yeroo dhiyootti” hojiirra akka oolu ibsi bahe ni mul’isa.

Gaazexeessaan Israa’el Avi Scharf, kan yeroo baayyee odeeffannoo balaliinsaa hordofu, geejjibni waraanaa Ameerikaa C-17 lama halkan tokkotti Alaabaamaa irraa gara buufata humna qilleensaa Israa’el Nevatim balali’uun, meeshaalee Thaad qabatanii deemuunsaanii hin oolu jedhan.

Thaad erguun kunis qaama karoora of eeggannoo Ameerikaa qaawwa ittisa qilleensaa Israa’el keessatti adda baafame cufuuf qabdu haa ta’uu, ykn yaaddoo Waashingitan haleellaa humnaan guutamaa Israa’el Iraan irratti raawwattu guddachaa dhufeen kan agarsiisu ta’uusaa ammallee ifa miti.

Pirezidaanti Baayidan haleellaa dhaabbilee niwukilaraa akkasumas bu’uuraalee boba’aa ykn anniisaa Iraan irratti raawwatamu kamiyyuu mormaniiru. Kunis waldhabdee guddaa kaasuun dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa ni geessisa jedhamee sodaatamaa jira.

Murteen kun duubnisaa maal iyyuu yoo ta’e, waraana Baha Giddu Galeessaa babal’achaa jiru keessatti Israa’el gargaarsi ittisaa Ameerikaa dabalataan akka barbaachisu agarsiisa.

Rookeetonni Teel Aviiv gubbaatti mul'atan erga Iraan Onkoloolessa 1 salvo misaa'ela balistikii dhukaastee booda

Madda suuraa, Reuters

Misaa’eloonni balistikii akka Fattah-1 kan Iraan jalqaba baatii kanaarratti itti fayyadamte dursa gara ol qilleensa lafaatti kan dhukaafaman yoo ta’u, achitti kallattii (trajectory) jijjiiranuu gara galma isaaniitti gadi bu’u. Waraana keessatti faayidaansaa tokko misaa'ela kiruuzii ykn diroonii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalaman saffisa guddaasaati.

Sirni Thaad misaa'ela balistikii irratti bu'a qabeessa ta'uu oomishtoonni meeshaa waraanaa Ameerikaa guddichi Lockheed Martin ibseera.

Dhaabbanni meeshaa waraanaa Ameerikaa kan biraa Raytheon ammoo raadara isaa sadarkaa olaanaa oomisheera.

Sirni kun dhukaastoota konkolaatarratti fe'aman ja'a kan qabu yoo ta'u, tokkoo tokkoo dhukkaaftuurrattis fashaleessitoota (interceptors) saddeet qaba. Baatirii tokkoof gara doolaara biiliyoona 1 (£766m) kan baahu yoo ta'u, hojiirra oolchuudhaafis garee hojjettootaa gara 100 barbaachisa.

Thaad haleellaa misaa'ela Raashiyaa qolachuuf Yukireen dabalatee baay'ee barbaadama.

Sa'udii Arabiyaan bitachuuf ajaja kenniteetti.

Haleellaan Iraan Onkoloolessa 1 Israa’el irratti raawwatte, Jeerkoo kan Weest Baankii to'atame keessatti nama tokko kan ajjeese yoo ta’u, innis qaama misaa’ela dhukaafame fakkaatuun rukutame.

Israa’el misaa’ela Arrow 2 fi Arrow 3 exo-atmospheric missiles dabalatee, sirna ittisa qilleensaa Ameerikaa waliin hojjatan kan baay’ee ittiin of jajju qabdi.

Isaanis kan saffisa haaypersoonikiitiin kan balali'an yoo ta'u, hawaa keessatti misaa'ela balistikii kuffisuu danda'u. Dizaayinaroonni sirnicha Israa’el akka jedhanitti, Arrow'n “akka eegametti ga’umsa agarsiiseera” jechuun, bu’aa “ajaa’ibaa” haleellaa Iraan irratti galmeessuu dubbatu.

US oppareshinii ittisaa kanaan Israa'el kan deeggarte yoo ta’u, deeggarsa biyyoota Awurooppaa fi Arabaa tokko tokkorraa argame maddiitti, dooniiwwan barbadeessitootaa lama kan galaanaa baha Meditiraaniyaanii jiran irraa barbadeesitota dhukaasuunshee ni yaadatama.

Kanaanis Waashingitan haleellaa Iraan ''akka mo'amuu fi bu'a qabeessa hin taane'' jechuun dhiheessite.

Garuu miidhaa lafarra gahe suuraa waa hima. Suuraan saatalaayitii, daandii balalii fi daandii taaksii irratti boolla uumame dabalatee, buufata Neevatim kan xiyyaaronni waraanaa F-35 of keessatti argamurra miidhaagahuu agarsiisu.

Giddugala Xiinxala Galaanaa (CNA) Waashingitanitti argamu irraa Decker Eveleth akka jedhanitti, suuraaleen kunneenis naannoo F-35 hangers haleellamee dabalatee, tuqaawwan haleellaa 32 agarsiisu.

''F-35 muraasni dhugaadhumatti carraa guddaa argataniiru,'' jechuun Mr Eveleth X irratti akka maxxanseetti.

Gaazexaan Israa’el Haaretz jedhamu akka gabaasetti, miidhaan qaqabe kan kallattiin misaa’ela ykn cacabaa misaa'eloota rukutamanii ta'unsaa ammallee ifa miti.

Teel Aviiv dabalatee miidhaan kallatti biroos ture. Misaa’elli tokko naannoo uummanni itti baay’atu kan waajjira muummee dhaabbata basaasaa Israa’el Moasaad jedhamutti dhihoo jirutti boolla gadi fageenya faana 30 (meetira sagal) ta’e uumeera jedhameera.

Sirnawwan ittisa qilleensaa Israa'el

Siyaasaan beeksisfni sirni Thaad bulchiinsi Baayidaniin ittisa Israa’eliif deeggarsa "cimaa" ta’uu kan agarsiisuudha.

Ameerikaan waggaa darbe keessa meeshaa waraanaa toonii kuma 50 ol ta’u Israa’eliif erguushee odeeffannoon Israa’el ni mul’isa.

Haata'u malee, imaammata walxaxaa Waashingitan raawwatte tokko tokkos ni ibsa: jalqaba Israa’elii fi mormitoonnishee waraana akka hin hammeessine dhiibbaa gochuuf yaaluun, dippilomaasiif dhiibbaa gaafachuurra.

Sun yoo fashalaa’u ammoo Waayit Haawus isaan booda murtee michuushee Israa’el cimsee deeggaruun dippilomaasii fi waraanaan gaachana ta’uufiif sochote.

Haleellaan misaa’elaa Iraan kan raawwatame Israa’el hogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa’eel Haniyeh (kan marii dhukaasa dhaabuu fi namoota booji’amtoota gadhiisuu Gaazaa irratti mari’ataa ture), Hasan Nasrallaa Beerut keessatti, haleellaa qilleensaa Israa’el kutaalee Beerut namoonni baay’inaan keessa jiraatanii fi weerara lafoo Libaanos irratti raawwachuu ishee hordofeeti.

Israa’el sababa dhukaasa rookkeettii daangaa qaxxaamuree ji’oota 11f gara israa'eliitti raawwatameef, hoggansa Hezbollaarratti dhukaasuu fi kuusaa misaa’ela bal’aa barbadeessuu ibsiteetti.

Dhiibbaa waraanaa taasisuu fi dandeettii Hezbollaa gadi buusuun qofti lammiileen Israa’el 60,000 gara qe’eesaanii kaaba Israa’elitti akka deebi’an ni mirkaneessa jechuun falmti.

Peentaagoon sirna Thaad erguun qaama ''sirreeffama bal'aa waraanni Ameerikaa ji'oota darban keessa taasiseeti'' jechuun akkasumas, Israa'el deeggaruudhaanis lammiilee Ameerikaa haleellaa Iraan fi gareewwan Iraaniin deeggaraman irraa ittisuuf akka ta'e ibsa.

Thaad tokko bara 2019 keessa shaakalaaf kibba Israa'elitti kan ergame yoo ta'u, achi jiraachunsaa beekame isa qofaadha jedha.

Dandeettii Israa’el mataashee yoo ilaalle, shaakalaaf yoo ta'e malee waraana Ameerikaa gara Israa’elitti bobbaasuun baay’ee gadaanaadha.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan, Abbaas Araaqchi Dilbata darbe Ameerikaan lubbuu loltootashee ''sirna misaa'ela Ameerikaa Israa'el keessatti akka hojjachiisaniif bobbaasuun balaadhaaf saaxilaa jirti'' jechuun akeekkachiisan.