Magaalaa Beeruut kan haleellaan Israa'eel si'aayinashee gadi buuse

Masjiida Mohaammad Al-Amiin fuuldura namoonni kokolaataa keessa jiraatu
Ibsa waa'ee suuraa, Masjiida Mohaammad Al-Amiin fuuldura namoonni kokolaataa keessa jiraatan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

"Suuraa nu kaasanii bareedne akka itti mul'annuuf mee haa kolfinu," jechuun qoosa Maarwaan, keessuummeessaan olaanaan hoteela Beerut tokko.

Innii fi hiriyaansaa samii asii ol ilaalaa, diroonii hordoffii Israa'el mataasaanii irraan balalii'aa jiru laaluuf yaalaa jiru.

Muuziqaan booddeedhaan taphatamus taʼe faaruu simbirroo, sagaleen furdaan fi gungumaa taʼe kanaan hin dhokfamne. Akka nama maashiina ittiin rifeensa goggogsuu saaqameetti ykn mootar saayikiliin naannawuutti dhagahamaa jira.

Hoteelli Maarwaan naannoo Hezboollaan deeggarsa cimaa itti qabu keessa hin jiru.

Innis Achraafeeh, kutaa dureeyyii kiristaanaa kan ta'ee fi kan waraana kanaan duraa keessatti Israa’eliin irratti hin xiyyeeffanne keessatti argama. Bakka gabaastuun BBC Baha Jidduugalaa Naafiseh Kohnaavaard itti bu'uurreeffatteedhas. Isheenis akkasiin gabaafte.

Guyyootaan booda misaa'eloonni Israa'el lama Achraafieh irratti iyyaa turan.

Achiinis iyya daa'immanii fi ga'eessota naannichaan dhagahe. Namoonni gara barandaa isaaniitti fiigu ykn kaan foddaasaanii bananii waan ta’e adda baasuuf yaalan.

Sekondii muraasa keessattis dhohinsi cimaan tokko daandii sarara mukaa qabuus dhohinsichaan raafame.

Namoonni gamookoo keessa jiran hundi gara Daahieh, kan naannoo kibbaa Beerut bakka Hezbollaan ol’aantummaa keessatti qabu kan gartokkoon Achraafieh fageessanii ilaala.

Booda garuu haleellichi konkolaataadhaan naannoo fageenya daqiiqaa shan qofarratti nurraa bakka fagaatu akka rukute hubanna.

Onkololeessaa 10 Beeruuti haleeluun namoota 22 ajjeefte Israa'el

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan Israa'el guyyaa Kamisaa jidduugala Beeruut'tti namoota 22 ajjeessuu qondaaltoonni himan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaaleen biyya keessaas haleellaa sanaan kan irratti qiyyeeffatame qondaala olaanaa tikaa Hezbollaa fi soddaa hogganaa garichaa dhiheenya ajjeeffaman kan Hasan Nasrallaa nama ta'e Waafiiq Saafaa akka ta'e gabaasan.

Qondaalli kunis haleellaan kana jalaa miliqeera. Gamoo haleellaan Israa'el barbadeessee keessa jiraataa kan turan namoota magaaloota Beeruuti biraa irraa baqachuun gara sana imalan turan.

Haleellaa sanaan dura israa'el akeekkaqchiisa omaatuu kan hin kenniin yoo ta'u, yoo xinnaate namoonni 22 ajjeeffamaniiru. Haleellaan kunis haleellaawwan kana dura Israa'el raawwattee keessaa isa cimaadha jedhameera.

''Yaa Rabbii osoo achiin darbaa jirra ta'ee hoo. Daandiin sun kan guyyaa guyyaadhaan hojiidhaaf irra dabarru ture'' jedha jiraataan tokko.

“Ittaansee gamoowwan keessa jiraannu akka hin rukutamne wabii maalii qabna? jedha.

Haleellaan Israa'el marsaa kanaa Fulbaana 17 fi 18 kan eegalame yoo ta'u, kanaanis meeshaalee quunnamtii Hezboollaan ittiin odeeffannoo walii dabarsuufi raadiyoowwan quunnatii guyyaa walfakkaatuutti Liibaanoos keessatti dhiisuun eegalame. Kanaanis namoonni kumaatamaan lakkaa'aman madaa'aniiru.

Dhohiinsa kanaanis loltoonni Hezboollaa fi jiraatoonni 32 yoo ajjeeffaman, kuma shan kan ta'an madaa'aniiru. Hedduunsaanitis ija, harkaa ykn lamaanuu dhabuun miidhamtota ta'an.

Haleellaawwan qilleensaa Israa'el kibba Libaanos akkasumas Beeruuti irratti itti cimee kan itti fufee yoo ta'u, kanaanis ajajoonni Hezbollaa olaanoon ajjeeffamaniiru.

Fulbaanno 30 ammoo Israa'el kibba Libaanos irratti weerara raawwatte. Israa'el haleellaa torbanoota darban keessa raawwatteen namoonni 1,600 ajjeeffamu aanga'oonni dubbataniiru.

Gabaaftuun BBC Baha Jiddugaleessaas haleellaawwan qilleensaa kanneen keessaa hedduusaanii agartee jirti.

Konkolaataa firaashi itti kaleessanii gamoo nama jireenyaa alatti ummanni keessa jiraatu
Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataa firaashi itti kaleessanii gamoo nama jireenyaa alatti ummanni keessa jiraatu

Taateewwan torban sadan darban keessatti raawwatamaniin sirriitti yaaduu akka hin dandeenyee BBCtti hime Maarwaan.

Baatiiwwan 12 mudamni Hezbollaafi Israa'el jidduu erga eegalee kaasee, BBCn Maarwaan dubbisaa ture. Mudama garee lamaanii waggootaaf argulleen gara lola guutuutti ni gala jedhee yaadee akka hin beekne dubbata.

''Amanu hin barbaadneen ture. Haata'u malee amma waraana guutuu keessa seenneera'' jedha. Haleellaawwan torbanoota darbaniitiis danaa Beeruutiin gutummaa guutuutti jijjireera.

Daandiiwwan Beeruuti konkolaatadhaan dhiphataniiru. Kaan saanii konkolaataasaanii adabaabaay walakkaa dhaabbaniiru.

Jiraattoonni dhibbaan lakkaa'amaniifi haleellaa Kibba Libaanoos keessaa baqachuun ollaawwan Beeruuti nageenyasaaniif wayya jedhan keessatti manneen barnootaa keessatti dahataniiru.

Hedduunsaanii ammoo jireenyasaanii daandiirra godhataniiru. Qarqarawwan daandiiwwan gara buufata qilleensaa Beeruutii fi Kibba Israa'el geessan irra bilboordiiwwan suuraa Hasan Nasrallaa qaban fanniifameera.

Haalli kunis deeggartoota hezbollaa fi mormitootaatti ''taatee abjuu'' itti ta'e.

Naannooleen duraan dhaadannoowwan ''Libaanoos waraana hin barbaaddu'' jedhuu itti fanniifamee ture hundi amma ''Libaanosiif haa kadhannu'' kan jedhuun bakka bu'eera.

Adabaabaayiiwwan wareegamtootaa (adabaabaayii Maartiin) dabalatee eddoowwan ayyaanoonni itti kabajaman hundi gara magaalaa dunkaanaatti jijjiramaniiru.

Baargamoo Gannoo sibilarraa hojjatameefi adabaabaayii irra dhaabbate jalas maatiiwwan dhiphinaan taa'anii mul'atu. Mormii dargaggootaa waggaa shaniin dura ture hordofee kutannoo agarsiisuudhaaf siidaa harka walfuudhamu dhaabbate biras dunkaan dhaabbateera.

Lammiileen Libaanos kibba biyyattii irraa baqatan daandiirra jiraachuuf dirqamaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Libaanos kibba biyyattii irraa baqatan daandiirra jiraachuuf dirqamaniiru

Firaashiiwwanis diriirfamaniiru. Ufanni halkanis akkasuma dirirfamaniiru. Dahannoowwan yeroo adabaabaayiirraa kaasee fageenya dheeraa hanga qaqrqara galaanaatti buufameera.

Namoonni naannoo kana jira irra caalaansaanii lammiilee Sooriyaa deebiisanii buqqaatii biraatiif saaxilamaniidha.

Dahannoowwan dursa lammiilee Libaanosiif kennamusaaniitti, Sooriyaanooti daandiiwwan irratti habuuf dirqiisiifamaniiru. Lammiileen Libaanoos hedduunis mana malee hafaniiru.

Fageenya kiloomeetira tokkoo bakka buqqaatoonni dahoo argachuuf sardaman keessaatti shamarreen waggaa 26, Baadiin sa'aatii gabaabaaf ta'ulleen waan hundaa dagachuuf yaalaa jirti.

Isheenis maamiltoota Beeruutiitti suuqii kitaabniifi dhugaatiin itti gurguramu ollaa beekamaa Gamyaas jedhamu keessaa tokkodha.

Chaarlii Haabar, hogganaa mana dhugaatii 'Aaliya's Books', bakka muuziqaan ykn shubbisni barame amma omtuu hin jirreeti
Ibsa waa'ee suuraa, Chaarlii Haabar, hogganaa mana dhugaatii 'Aaliya's Books', bakka muuziqaan ykn shubbisni barame amma omtuu hin jirreeti

''Nageenyi omaatu natti hin dhagahamu. Halkan guutuu dhohiinsan dhagaha'' jetti Naadiin sodaadhaan.

Yeroo dheeraadhaaf mudamichi Kibba Libaanoos naannawa Hezboollaan bulchu keessatti daangeeffamee akka hafu amanu turan lammiileen biyyatti.

Waggoota 30 oliif Hezboollaa kan hoggananiifi Israa'eel haleellaa qilleensaatiin kan ajjeefte Hasan Nasrallaa biyyasaanii gara waraanaatti galchuuf fedhii kan hin qabne yoo turan, wal dhabdeen Israa'el waliin qaban deeggarsa Filisxeemoota Gaazaa kan jedhu qofaa ture.

Amma wanti hunduu jijjirameera. Daldallii magalatii qabanaa'eera. Aliiyaah Buuksi (Aaliya's Books) kan torbanoota muraasaan dura baandiiwwan muziiqaa hedduun keessaa shubbisan, kan wayiniin keessatti dhugamu bakka ho'aa ture.

Haleellaa Daahiiyaatti qaqabeen dura ittaanaan ajajaa Hezboollaa, Fu'aad Shukir guyyaa itti ajjeeffaman Adooleessaa 30n dura gaazeexeessitoonni BBC gabaasaaf waraabaa turan. Yeroo jeettiiwwan Israa'el haleellaa raawwatanis dhagahaa turan.

Haata'u malee baanziin muuziqaa halkan guutuu taphaataa ture. ''Nutis shubbisaa manan dhugaatichaaf guutuu ture. Haata'u malee erga Daahaayaati haleellaan raawwatameen booda 'Aaliya's Books' onna ta'e. Muziqaanis hin dhagahamu, shubisinis hafeera'' jetti gaazexessituun BBC.

''Kna nama gaddiisiisuufi abdii nama kutachiisuudha. Miira sitti ulfaatu ofirraa ittisuufi bashannanuudhaaf gara sana deemta ture. garuu dhumarratti kan haasooftu waa'ee waraanaati. Itaanee maaltu ta'a? kan jedhuudhan gaaffiin hundaa'' jedhu hogganaan mana dhugaatichaa Chaarliis Haabar.

Manneen nyaataa akka Looris, yeroo baayyee kan maamltootaan guutaman amma namoonni galgala mana keessatti waan dabarsaniif, namni dhaqu hin jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Manneen nyaataa akka Looris, yeroo baayyee kan maamltootaan guutaman amma namoonni galgala mana keessatti waan dabarsaniif, namni dhaqu hin jiru

Ajjeechaa Hasan Narsalaatiin booda torbanoota lamaf hojii dhaabuun seebiisee banulleen, akka kana duraa halkan osoo hin taanee kan hojjatan, hanga galgala sa'aatii lamaa qofatti.

Naannoo sanatti mannen nyaataafi dhugaatii galgala keessaa banaa turan argachuun hin danda'amu.

Manni nyaataa baayyee jaalatamaa fi kan halkan sa'aatii torbaan dura hin cufamne Looriis namni akka hin dhaqne abbaan qabeenyaa Joo Awuun BBCtti himaniiru.

Duraan mana nyaataa kana keessatti dursanii eddoon yoo qabame malee dhaqaniif hin argatamu ture. Amma garuu namoota waliin taa'an lama ykn sadii qofatu mul'ata.

Joo Awuun abbaa qabeenyaa mana nyaataa Libaanoos Loriis
Ibsa waa'ee suuraa, Joo Awuun abbaa qabeenyaa mana nyaataa Libaanoos Loriis