Qullubbiin adii Chaayinaa balaa nageenyaa biyyaalessaati - Senaatara Ameerikaa

Maxxanfame

Senaatarri Ameerikaa qullubbiin adii Chaayinaarraa Ameerikaa galu dhiibbaa inni nageenyaa biyyaalessaarratti qabu akka qoratamu gaafatan.

Senaatarri Paartii warra Rippaabliikaanaa Riik Iskoot, waajjira daldalaaf ergaa barreesaniin qullubbiin adii Chaayinaa nageenyisaa kan eegame miti, kanaafimmoo haalli itti oomishamu qulqullinnisaa kan hin eegamne tahuusaadha jedhan.

Chaayinaan al-ergii qullubbii adiin akka addunyaatti sadarkaa duraarra kan jirtu yoo tahu Ameerikaan immoo maamilashee ijoo dha.

Tahus daldalli kuni waggoota baayyeef falmisiisaa tahee tureera.

Ameerikaan Chaayinaan qullubbii adii gatii gadi-aanaan gabaa keessatti gadi-lakkisti jechuun himatti.

Bara 1990 irraa qabee Ameerikaan miyoota Chaayinaarraa galan irratti qaraxa guddaa buusuun oomishtoonni biyyattii gabaa keessaa akka hin baane gochaa jirti.

Bara 2019 yeroo bulchiinsa Tiraamp taarifiin kuni akkaan dabalee ture.

Xalayaa barreessan keessattii Seenaatar Iskoot, dhimmi kun yaaddoo akka tahe himan.''Qullubbii adiin biyyoota alaa, keessumaa biyya koministii Chaayinaarraa galu fayyaaf yaaddoo guddaa dha, '' jedhan.

Akkaataan Chaayinaan qullubbii adii kana oomishtu ''waan ragaa waliin galmeeffame dha, lafa balfa namaa fa'i irratti qullubbii kana biqilchuu,'' jedhan.

Waajjirri Daldalaa biyyattii mi'i biyya alaa galu nageenya biyyaalessaa irratti dhibbaa akka qabu qorachuuf seera eeyyamuun akka tarkaanfii fudhatu gaafatan.

Senaatarichi akaakuu qullubbii adii akka qoratamu gaafatanis ibsaniiru.

''Dhimmi nageenyaafi eegumsa nyaataa fayyaa hawaasaa, guddina diinagdeefi nageenya biyyaalessaa irratti waan yaaddoo uumu dha,'' jedhan.

Yunivarsiitii Makigiil, Kiyuubeekitti waajjirri Saayinsii fi Hawaasaa, ''Chaayinaan balfa akka xaa'ootti fayyadamuun qullubbii adii kana biqilchuu isheef ragaan hin jiru,'' jedha.

''Otuma taheyyuu rakkoo hin qabu,'' jedha keewwatani bara 2017tti waajirichaan maaxxanfame.

''Balfi(bobbaa) namaa akkuma faltii bineeldota akka xaa'ootii gargaaruu danda'a. Yeroo dhageenyu waan namatti tolu tahuu dhiisu mala garuu rakkoo fayyaarra waan nama buusu hin qabu,'' jedha barreefamichi.