Hojjettaan warshaa biiraa osoo taankarii warshichaarratti fincaa’uu viidiyoon mul'achuun ijoo dubbii ta'e

Maxxanfame

Hojjetaa warshaa biiraa beekamaa tokko osoo taankara warshichaa gubbaa bahee dhaabbatee fincaa'uu viidiyoon agarsiisu tokko miidiyaa hawaasaarratti mul'ate. Taateen kun kan umamee biyya Chaayinaatti.

Aanga’oonni Chaayinaas erga waraabbiin viidiyoo wayita hojjataan warshaa biiraa Tsingtao jedhamuu taankarii omishi biiraa keessa akka jiru amaname irratti fincaan fincaa’u mul’isu argameen booda qorannoo eeggaluu beeksiisan.

Viidiyichiis miidiyaa hawaasaarratti namoota miiliyoona hedduuun ilaalameera.

Kaampaanichi, battaluma viidiyichi isaan qaqqabeen poolisiitti himuu kaasuun, wanti konteenaricha keessa ture saamsamuu ibse.

Dhaabbanni Tsingtao Chaayinaa akeessatti warshaa biiraa omishuufi biyya alaatti erguun beekamudha.

Waraabbii viidiyoo guyyaa Kamisaa miidiyaarratti qoodame keessatti, namtichi uffata dambii uffatee mataasaatti koffiyyaa hojii [helmet] godhate tokko osoo hin fincaa’iin dura wayita keenyaan olbahee konteenara keessa seenu mul’ata.

Bakkeen viidiyoon kun irraa waraabbame yoo hordofamus, "Tsingtao beer No.3 factory" akka ta’e gaazeexaan biyya keessaa The Paper guyyaa Jimaataa gabaaseera.

Gaazeexaan bizinasii National Businss Daily jedhamu boodarra maddeen keessoo eeruudhaan, namtichi wayita fincaa’u mul’atuufi kan viidiyicha waraabe lamaanuu hojjettoota kallattii kaampaanichaa miti jedheera.

Biiroon Bulchiinsaafi To’annoo Gabaa magaala Pingduu kan bakka dhaabbatichitti argamu ibsa guyyaa Jimaataa baaseen, akkuma viidiyicha arganitti garee hundeessuun qorannoo gaggeessuufi bakka wantoonni omishchaaf barbaachisan (ingredients) walitti qabaman akka saamsamu taasifamuu ibseera.

Itti dabalunis, dhimmichi erga gadi fageenyaan ilaalamee adda baafamee booda waajirichi cimsee akka hordofu hime.

Kaampaanichi gamasaatiin guyyaa Jimaataa akka jedhetti, viidiyoo karaa onlaayinii qoodamee ‘‘waliin barbaachisummaa cimaatu wal qabata’’. Poolisiinis qorannoo eegaleera jedhe.

BBCn kampaanicharraa odeeffannoo argachuuf yaaliin taasise hin milkaa’iin hafe.

Maqaan dhaabbata omisha biiraa kun biyya keessaafi biyya alaattilleen beekamaa waan ta’eef, miidiyaaleen hawaasaa Chaaniyaa viidiyichaan garmalee guutamanii ture.

Toora X fakkaatuufi Weibo jedhamurratti, ‘‘fincaan maallaqa guddaa balleessudha. Hojjetaan kun badii qabatamaaan raawwateera,’’ jechuun fayyadamtoonni yaada kannan.

Fayyadamaan gara biraa ammoo, ‘‘waan gaarummaasaa ani biiraa hin dhugu. Garuu maqaan omisha kanaa haala akkasiitiin baduunsaa kan hin yaadamnedha,’’ jedhe.

Namni gara biraa mmoo, ‘‘Ofii sila ta’e kun kan yeroo jalqabaatii laataa?’’ jechuun gaafate.

Taatee kana hordofunis gabaa daldalaa Shangaay Wiixata ganamaarratti gurgurtaan aksiiyoonii biiraa Tsingtao baayinaan gurguramaa ture haalaan gadi bu’e.