Itoophiyaan shaampiyoonaa ganna 20 gadiin qabxii olaanaa galmeessite

Madda suuraa, World Athletics
Shaampiyoonaa Atileetiksii ganna 20 gadii guyyoota darbaniif Kolombiyaa, magaalaa Kaalitti dorgomamaa tureen Itoophiyaan Ameerikaafi Jamaayikaatti aansuun sadaffaan xumurte.
Atileetonni Itoophiyaa dorgommii kanarratti medaaliyaa 12 argatan. Kanneen keessaa jaha warqiidha, shan meetii yoo ta’u tokkommoo maaldaa/ nahaasadha.
Akka Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ibsetti qabxiin baranaa Itoophiyaan galmeessite isa olaanaadha.
Ameerikaan warqii 7 walumaagala medaaliyaa 15’n tokkoffaan yoo xumurtu, Jamaayikaan warqii 6’n walumaagala meedaaliyaa 16’n lammaffaan xumurte.
Morkattuun Itoophiyaa, Keeniyaan, warqii 3 walumaagala medaaliyaa kudhan argachuun afraffaan xumurte.
Atileet Ermiyaas Girmaa shaampiyoonaa kanarratti medaaliyaa lama argate. Dorgommii 800m warqii yoo fudhatu, 1500m immoo meetii argate.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Dorgommii guyyaa xumuraan 1500m dubartootaan Birqee Hayyaloom riikardii shaampiyoonshipphichaa cabsiteetti.
Dorgommiin atileetota umrii 20 gadii kuni kan guddattoota yookiin dargaggoota jedhamuunis beekama.
Shaampiyoonaa ganna 20 gadii wagga darbe Keeniyaatti taasifameen Itoophiyaan haaluma walfakkaataan medaaliyaa 12 argatte. Garuu warqiin sadii qofa ture.
Dorgommii bara darbeen Keeniyaan ofumaa qopheessitee warqii 8 walumaagala medaaliyaa 16'n walitti qabuun tokkoffaan xumurtee turte.
Barana Madiinaa Isaattii aanun 5000m dubartootaan meetii kan argatte Malkinaat Wudduu dorgommii bara darbe irratti medaaliyaa lama argattee turte.
Dorgommiin barana Kolombiyaatti Hagayya 1-6/2022 taasifamaa ture kaleessa xumura argateera.
Akka Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ibsetti atileetonni Itoophiyaa dorgommii kanarratti hirmaatan 19 dha.
Koorniyaa lamaan dorgommii kudhaniirratti dorgomani. Atileetonni morkii ‘’xiiqiin’’ guutame keessa darbanii milkaa’u federeeshinichi ibseera.
Dorgommii Hagayya 1 hanga 6tti gaggeeffame kanarratti, atileetonni 1533 tahan biyyoota 145 irraa walitti dhufuun morkatu jedhamee ibsameera.

Madda suuraa, World Athletics/screenshot
Atileetonni warqii argatan:
- Addisuu Yihunee 5000m dhiiraan
- Malkinah Azzazaa 3000m dhiiraan
- Saamu’el Dugunaa 3000m gufachiisaa dhiiraan
- Madiinaa Iisaa 5000m dubartootaan
- Birqee Hayyaloom 1500m dubartootaan
- Ermiyaas Girmaa 800m dhiiraan
Meetii:
- Saamu’el Fireewu 3000m gufachiisaa dhiiraan
- Tsiyoon Abbabaa 3000m dubartootaa
- Simboo Alamaayyoo 3000m gufachiisaa dubartootaa
- Malkinaat Wudduu 5000m dubartootaan
- Ermiyaas Girmaa 1500m dhiiraan
Nahaasa:
- Masarat Yashaanah 3000m gufachiisaa dubartootaa
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa torban muraasa dura Ameerikaa Oreeganitti taasifameen Itoophiyaan seenaa ishee keessa qabxii isa olaanaa jedhamu galmeessuun ishee ni yaadatama.












