'Haati koo gaazexeessituu naaf taata naan jetti ture' - Atileet Gooytitoom

Madda suuraa, Getty Images
Atileet Gooytatoom Gabirasillaasee atileetota dubartootaa yeroo ammaa beekkamtii argataa jiran keessaa tokko taatee jirti.
Dorgommii shaampiyoonaa atileetiksii Adoolessa keessa Oriiganitti adeemsifameen fiigicha maaraatooniin riikardii addunyaa cabsuun injifannoo gonfateetti.
Atileetiin kun Naannoo Tigraay, aanaa Indartaa ganda xiqqoo Maayi Qahaayaa keessatti dhalatte. Maatiinshee immoo qonnaan bultootadha.
Fiigicha mana barumsaa keessatti jalqabde. Abjuunshee ganamaa garuu isa ammaan akka wal-hin fakkaanne dubbatti.
''Fedhiin koo gaazexeessituu tahuu ture. Waanin mana barumsaatti baradhe mana dhufeen nan dubbisaafi ture. Akka gaazexeessaatti jechuu dha. Waraqaaa mareen harkatti qabadha ture, haatikoo gaazexeessituu naaf taata naan jetti ture,’’ jetti.
Maatiinshee gaazexeessitoota akka taatu fedhan illee garuu seenaa dubartii ispoortii jaalattuufi maatii taate tokkoo itti himaa guddisan.
'‘Baadiyyaa keessatti dubartii kofoo gabaabduu uffatanii fiiguun akka safuu cabsuutti ilaalama ture. Mana keenya keessumaa haati koo garuu ispoortiin hojii dha jedhaniit amanu,’’ jetti.
Barnootasheen cinatti ispoortii cimsitee qabachuun olaantummaa agarsiisuu jalqabde.
Aanaasheerra darbitee kilabii naannoo keessatti qabamuuf yeroo itti hin fudhanne ture.
'‘Dorogommiiwwan maneen barumsaatti taasisu hunda akka shaampiyoonaa guddaattin yaada ture,’’ jetti.
Haala kanaan kilabii Masfin Indastiriyaal Injinariing jalatti hammatamte. Yeroo sanatti dorgommii taasifameen fiigicha meetira kuma shaniin tokkoffaa, meetira kuma kudhaniin mo’achuun kan kilaba kanatti makamte.
'‘Waan bobbaate irratti mo’ataa tahuu qabda jedhee namoota amanan keessa gatiin taheef ispoortii akkan jalqabeen dafeen Masfin Injinariingii gale,’’ jetti.
Bara 2011tti shaampiyoonaa atileetiksii dargaggootaa Firaansitti adeemsifameen biyya ishee bakka bu’uun hirmaattee mo’atte.
‘’Sun dorgommii guddaa karaa naa bane ture. Takka mo’annaan immoo hamilee siif taha, achiin jabaadhee hojjechuun jalqabe,’’ jetti.
Dorgommiiwwan addunyaafi ardii Gooyitatoom irratti hirmaatte
- 2015: DR Kongoo Biraazaaviil’tti dorgommii adeemsifameen, ''All African Games,’’ irratti meetira kuma shaniin arfaffaa baate.
- 2013: Shaampiyoonaa qaxxaamura biyyaa Poolaan irratti hirmaattees turte.
- 2012: Shaampiyoonshiippii Afrikaa Beeniinitti qophaa’e irratti hirmaatteee meetira kuma shaniin meedaaliyaa maaldaa argatte.
- 2011: Yeroo jalqabaaf shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa irratti hirmaachuun meetira kuma sadiin meedaaliyaa warqee mo’atte.

Madda suuraa, Getty Images
‘Haati koo goota kooti’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gooytitoom, haatishee fakkeenya dubartootaa kan ta’aniifi dhiibbaa aadaa dandamachuun as akka geessuuf aarsaa akka kaffalaniif dubbatti.
''Ofiishee barnoota addaan kuttee heerumatti akka galtu gatii taasifamteef. Dubartoonni baayyeen dhiibbaa maatiifi yaada hawaasani qabuun dirqamaan gaa’elatti galuun isaanii ishee dhukkubsa. Kanaaf bartee akkasii kanarrttii ni qabsoofti ture,’’ jetti.
Haatisee hamma kutaa saddeetitti baratanillee yeroo ganna 13 barnoota jaalataniifi jabduu itti turan addaan kutanii heerumu isaanii Gooytitoom dubbatti.
Gaa’elli yeroo malee kuni intala isaanii jalqabaarra gahee gammadduu hin turre. Kanaaf Gooyititoom waan wal-fakkaataa akka hin geenyeef maatii hunda mormaa akka turanis himti.
''Addawaayi yeroo ganna 13 akka heerumte yeroo hunda nutti himti ture. Gidiraansaa waan ishee galuufi fedhii malee waan raawwatamu dhiibbaa qabu waan beekatuuf dhiibbaa tureef hin jilbeeffattu ture. Akka mul’annuufi akka of dandeenyu haadha tattaafattu dha, anaaf isheen goota,’’ jetti.
Dorgommiiwwan atileet Gooyitatoom meetira kuma shaniif kudhan irratti hirmaatte
- 2016: dorgommii meetira kuma kudhan Hoolaand, Heengilootti adeemsifameen sadarkaa 10ffaa irratti xumurte.
- 2015: dorgommii atileetiksii waggaa mana keessaa Niiw Yoorkitti adeemsifameen meetira kuma sadiin meedaaliyaa meetii argatteetti.
- 2014: Niiw Baalaans, Boosatanitti dorgommii meetira kuma sadiin immoo meetii argatteetti.
- 2017 dorgommii dhuunfaa biraa Ameerikaatti adeemsifameen sadaffaa bahuun xumurteetti.
- 2015: dorgommii waggaa, ‘’nights of athletics’’ jedhamu irratti meetira kuma shan irratti hirmaachuun sadarkaa lammaffaa qabachuun xumurteetti.
Maddi: Marsariitii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa
Atileetii tahuun maal gaafata?
Atileet Gooytitoom yeroo ammaa maaraatoonii dubartootaan rekardii addunyaa qabatee kan jiru ishee dha.
Shaampiyoonaa atileetiksii waggaa dhufu adeemsifamu irratti immoo kallattiin hirmaatti.
Atileetii kana dhuunfaafi gareedhaan kan leenjisan leenjistoota sadii dha.
Fiigichi tattaaffii gaafata kana jettu Gooyititoom hojii ulfaataafi of eeggannoo gaafatu dha jetti.
''Miila qofa osoo hin taane sammuunis wajjin fiiga. Qaamniifi sammuun yoo wal hin dubbisne bu’aa qabeessa hin taatu. Akka kaayyootti yoo qabatte immoo salphaatti jireenya kee waan geeddaruu danda’u dha,’’ jetti.
''Achi gahuuf garuu ni qoramta takka takka immoo bagan atileetii tahe ofiin jetta.
Yeroo kaan immoo wagga guutuu shaakalaa baatee yeroo qabxii hin finne abdi kutatta,'' jetti.
Namni qormaata keessa darbuu qaba jettee amanti. ''yeroo abdii kutattuu kan of hadheessitu yoo taheefi yeroo qabxii gaarii argattu immoo kan boodatti jettu yoo taheef rakkisaa dha. Kanaaf fiigichi hojii of eeggannoo gaafatu dha,’’ jetti.
Dorgommii Oriigaanitti qabxii addaa fiduuf akka kaayyeeffatte kan himtu atileetiin kuni, haala Tigraay keessa jiruun maatiishee argachuu dhabuun dhiibbaa irratti taasisus, ''waggaan kuni kan kooti jedheen yaada ture, qabxii gaarii fiduufis hojjechaan ture,’’ jetti.
''Waan hunda kan mo’achuu dandeessu hojii keetiini, bor wal-arguun keenya hin hafu. Ani jireenya fooyya’aa qabadhee yoon ture maatii koos baraaruu nan danda’a. Sammuun koo miidhame rakkoo biraa fiduu hin barbaadu. Kanaafin gufuu akka natti hin taanef xiyyeeffannoon koo hojii koo irratti kan ture.’’
Gooytatoom injifannoowwan dorgommii maaraatoonii irratti galmeessite
- Adooless 18/2022-Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa-Oriigan- tokkooffaa sa’atiin itti galte: 2:18:11
- Bitootessa 6/2022- maaraatoonii Tookiyoo-sadaffaa- sa’atiin itti galte 2:18:18
- Fulbaana 26/2021 - maaraatoonii Barliin -tokkoffaa-sa’atiin itti galte: 2:20:09
- Mudde 12/2021-maaraatonii walakkaa - Baahiree-Maanaamaatti-tokkoffaa-sa’atiin itti galte 1:05:36
- Caamsaa:8/2022 - maaraatoonii walakkaa -Poorchugaal - sadaffaa-sa’atiin itii galte 1:97:11












