Shaampiyoonaa Atiletiksii ganna 20 gadiin atileetonni Itoophiyaa medaaliyaa argatan, maaltu eegama?

Madda suuraa, worldathletics.org
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii 20 gadii Kolombiyaa magaalaa Santiago de Cali'tti adeemaa jiruun, atileetonni Itoophiyaa meedaaliyaa argamsiisan.
Atileetiin ganna 19 Addisuu Yihunee, fageenya 5000m guyyaa Wiixataa dorgomameen, sa'aatii 14:03.05 taheen tokkoffaa bahuun medaaliyaa warqee fudhateera.
Shaampiyoonaa bara 2021 Naayiroobii, Keeniyaatti gaggeeffame irratti dorgommii walfakkaatuun 4ffaa bahuun kan xumure Addisu Yihuneen barana humna haaraan as baheera.
Atileetonni lammii Ertiraa Marhaawii Mebraahituufi Habtoom Saamu'el, Addisuutti aanuun 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.
Gaafuma jalqabaa kana dorgommii fageenya 3000m dubartootaan taasifameen ammoo, atileetin Keeniyaa Beetii Chelaangaat 1ffaa yoo baatu, atileetiin Itoophiyaa Tsiyoon Abbaba lammaffaa bahuun meetii argatte.
Dorgommii Hagayya 1 hanga 6tti gaggeeffamaa jiru kanaan, atileetonni 1533 tahan biyyoota 145 irraa walitti dhufuun morkatu.
Dhiyeenya kana kan xumurame Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa Oregonitti kan dorgomame oggaa tahu, qalbii addunyaa qabachuun daawwattoota hedduu kan argate ture.
Dorgommii kanarrattis Itoophiyaan yeroo kamuu caalaa akkaan milkaa'uun, biyyattii qopheessite Ameerikaatti aanuun sadarkaa gabatee meedaaliyaan 2ffaarra xumurte.
Pireezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Daraartuu Tulluu injifannoo gareen Itoophiyaa Shaampiyoonaa Origanitti argachaa jiru ''seenaa haaraa'' jechuun ibsite.
Itoophiyaan seenaa shaampiyoonaa kanaa keessatti warqee afur argattee hin beektu.
Daraartuun seenaa shaampiyoonaa kanaan ''injifannoo isa olaanaa'' argameedha jette.
Dorgommiiwwan eegaman isaan kami?
Guyyaa sadaffaa isaa qabatee kan jiru shaampiyoonaan atileetiksii kun, atileetonni Itoophiyaa bakka bu'uun egeree dorgoman kan abdii irratti horatanidha.
Kana malees dargaggoonni kunniin dorgommiiwwan hafan kanniin irraa meedaaliyaa dabalataa biyyasaaniif argamsiisuuf carraaqu.
Dorgommiiwwan Roobii Hagayya 3 dorgomaman irratti Itoophiyaan fageenya garagaraan atileetota torba hirmaachifti.
Dorgomiiwwan kun gariin fiigicha gulaallii marroo ittaanuuf fiigaman ennaa tahan kaan ammoo marsaa xumuraati.
- 3000m dhiirootaan gulaallii - Malkeenah Azzaza fi Abdiisaa Fayyisaa
- Gufachiisa 3000m dhiirootaan gulaallii - Saamu'el Firew fi Saamu'el Dugunaa
- 1500m dhiiroota xumuraa - Ermiyaas Girmaa fi Adihaanaa Kaasaayee
- 800m dubartoota kan xumuraa - Qisaannat Alam
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadi biyya kibba Ameerikaa kan taate Kolombiyaa, magaalaa Kaaliitti gaggeeffamu guyyaa Sambataa xumura argata.












