Haleellaa gabaa keessatti Sudaanitti raawwateen namoonni baay'ee 'ajjeefaman'

Maxxanfame

Magaalaa guddoo Sudaan gabaa namoonni baayyee keessa turan keessatti ''meeshaa waraanaa dhuka'un'' haleellaa qaqqabeen namoonni 35 lubbuun darbuu dhaabi deeggarsa fayyaa achitti hojjetu hime.

Dhaabni deeggarsaa Médecins Sans Frontières (MSF) jedhamu ''haleellaa jumlaati'' jechuun yoo ibsu, namoonni 60 ol tahan madaa'uus himeera.

Akka jiraattonni naannoo jedhanitti gaafa Dilbataa xayyaarri waraanaa gabaa Qooroo jedhamu kan kibba Kaartumitti argamu haleele.

Sudaanitti gareewwan waraanaa wal-morman Eblaa qabee lolatti jiru.

Qindeessituun dhaabbata deeggarsaa MSF Maaruu Bartan, ''Sudaan yeroo ji'a jahatti siquuf waraanarra jirti,'' jettee turte.

''Haa tahu malee tola ooltoonni fi hojjettoonni hospitaala Baashaayiraa hammeenya Dilbata magaalattii raaseen garuu akka malee nahaniiru,'' jechuun miidiyaa hawaasaa X duraan Tiwiitar jedhamuun beekamurratti katabdeetti.

MSF said "explosive weapons" had hit the market and that air strikes and shelling continued in "another day of unthinkable suffering and loss of life".

MSF akka jedhutti, ''meeshaan waraanaa dhohu'' gabaa rukutuun booda, haleellaan xiyyaaraa biraan itti fufe ''guyyaa gidiraa sammuun ol taheefi lubbuun darbuutu tahe.''

''Namoota dhohinsa kanaan kutaan qaama isaanii adda adda bahe lubbuu baraaruuf yaalaa turre. Dhiigatu dhangala'aa ture,'' jedhe MSF.

Loreettaa Chaarlas hojjettuu MSF Hospitaala Baashaayiraatti tajaajilaa kan jirtu yoo tahu namoota dhohinsaan madaa'an yaaluu himteetti.

''Qaamni kan irraa murame jira, mataa, qomaa fi garaa keessa ammoo meeshaan waraanaa kan itti seeene jira,'' jechuun BBCtti himte.

Namoonni kaan lakkoofsi namoota haleellaa kanaan du'anii 50'tti akka siqu himu.

Sudaan waraana walii waliinitti kan seente Ebla darbe hogganaan waraanaa Jeneraal Abdal Fattaah al Burhaaniifi ajajaaan humna addaa (Rapid Support Forces) Jeneraal Mohaammada Hamdaan Dagaaloo walirratti ka'uu isaaniin.

Lola kanaanis namoonni miiliyooan shan qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru, kumaatamaan kan lakkaa'aman ammoo ajjeefamaniiru. Kaartumii fi naannoo lixaa Daarfur kanneen lola kanaan akkaan miidhamani dha.

RSF iddoowwan baayyee Kaartum, daangaalee wal-kipha Omdurmaaniifi Bahaarii to'atee jira.

Waraanni gamasaatiin magaalawwan kunneen deebisee to'achuuf haleellaa qilleensaa taasisa.

Torbee tokko dura haleellaa qilleensaa raawwateen daa'imman lama dabalatee yoo xiqqate namoonni 20 yoo ajjeefaman.

Ameerikaa, Saa'udii Arabiyaa fi kanneen biroo lolli kuni akka dhaabbtuuf mariisisuuf yaalanillee, hin milkoofne.

Namoonni akka baqataniif jecha labsiin dhukaasa dhaabu al-baayyee kaa'amee ture, waan itti fufe garuu miti.