Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gabaa gurraacha Kilaashii AK-47 magaalaa guddoo Sudaan dhuunfate
Gatiin qawwee AK-47 jedhamuufi waraanaa keessatti yeroo baayyee beekamuu, gabaa gurraacha magaala guddoo Sudaan Kaartuum keessatti erga baatii muraasaan asitii %50 gadi bu'e,
Ammaan tanas qawwee AK-47 tokkoo doolaara 830tti gurgurama.
Daldalaan qawwee bara dheeraa tokkos gatii gadi bu'usaatiif sababii guddaan waan erga Sudaan Ebla darbe wal waraanaatti seenteen booda qawween Kalashnikov (kilaashii) Raashiyaan hojjattuu gabaa gurraacha biyyattii guuteef jedha.
Waraanni humnoota waraana biyyattii lama: humna waraanaa biyyaafi humnoota Deeggarsa Saffiisaa (RSF) jidduutti gaggeeffamus guyyaa guyyaan daandiiwwan magaala Kaartuum, magaaloota Baahrii fi Omdurmaan keessatti raawwatamaa jira.
Namni hojii bittaa fi gurgurtaa qawwee hojjatuuf maqaa isaa dhoksuun BBCtti dubate tokkos, namoonni isaaf qawwee dhiyeessan muraasni qondaaltoota waraanaa soorama bahan yoo ta'an, hedduun isaanii garuu qondaaltoota sadarkaa olaanaa RSF keessaa ta'u dubbata.
Keessattuu erga waraannii baatii sadiif gaggeeffamuu eegaleen wallakkeessa Adooleessaatti Baahrii keessatti gaggeeffameen booda fedhiin qawwee haalaan dabalu dubbatu jiraattoonni.Waraanaa Baahriitti gaggeeffamee sanaanis miseensoonni waraana mootummaa kisaaraa cimaan kan irra gahee yoo ta'u reeffii loltootaa daandiiwwan irratti mul'ataa ture.
Irra caalaan magaalaa Baahrii, Kaartuum fi Omdurmaan to'annoo humnoota RSF jalatti argama.
''Loltoonni hedduun ajjeeffamaniin kaan ammoo boji'amanii ture. Kanaanis dhiyeessitoonni keenya qawwee hedduu argatan,'' jedha daldalaa qawwee maqaa dhokfate kun.
Kanaafuu daldalaan kunis qawwee kilaashii karaa gammoojjii Sahaaraatiin Liibiyaarraa, kan inni 'gabaa banaa'' jedheerraa eegachun isa hin barbaachu.
Kunis Liibiyaa keessatti erga bara 2011tti dursaa bara dheeraa Mu'aammar Gaadaafii ajjeefamuun aangoorra kaafamanii booda biyyattii keessatti seera-maleessuummaan hangam akka dagaagee agarsiisa.
Kanaan dura qawweewwan karaas eeraan alaatiin biyyattii galfaman irra caalaa riphee lootltootaafi milishoota waliitti bu'iinsa yeroo dheeraaf Sudaan keessaafi biyya ollaa Chaadi keessatti hirmaataniitti gurgurama ture.
Amma garuu loltoonni qawwee qabatanii ajjeessuun ykn diina booji'uun deebiisanii warra qawwee daldalaniitti karaa faddaalootaatiin gurguratu. Jiraattoonni garuu seera maleessummaan dagaagee balaa uumuu danda'a jechuun haala kanarratti yaaddoo qaban ibsaa jiru.
Daldaltoonni qawwee akka jedhaniitti, jiraattoonni isaaniif bilbilanii bittaa ajajatu. Daldaltoonnis nama jiraattootaa qawwee AK-47 kana geessuun attamiin itti fayyadamu akka danda'an irratti ibsa muraasa kennuuf. Rasaasni ammoo addatti gurguraman.
Jiraataan umuriin waggaa 55 fi abbaa ijoollee jahaa ta'e tokkos sababii yakki dabalaa adeemeef ''yoo namoota biraatiin haleellaan Kaartuum keessatti raawwatama ta'e'' jedhee yaadda'uun qawwee AK-47 bitachu dubbatu.
''Sababii kamiifuu haleellaa sirran gahu malu ta'a. Tarii gara haleellaa sabaatti jijjiramus mala ta'a. Waan ta'u gonkumaa hin beektu. Yaaddoon keenya ijoon isadha,'' jedhan.
Sudaan erga wal dhabdeen dursaa waraana biyyattii Janraal Abdal Fattaah al-Burhaaniif ajajaa hunda RSF Mohaamad Haamdaan Daagaloo jidduutti Ebala keessa umamee kaasee wal waraana keessatti argamti.
Janaraaloonni lamaan Onkolooleessa bara 2021 keessa erga fongolcha gaggeessanii booda garuu deebiisanii aangoorratti wal dhabuun loltoonni isaanii gara wal waraansaatti akka ce'an taasisan.
Daldalaan qawwee dubbisnes qawwee AK-47 caalaa fedhiin shiguuxii baayyeen jiraachu dubbata. Kunis waan fayyadamuufi qabachuuf caalaa salphaa ta'efiidha jedha.
Waraanichaan wal qabatee caasaan mootummaa waan diigameef hakkii biyyattii keessatti to'annoon ala ta'eera. Waraanichaan wal qabatee sirreeffamtoonni yakkaa mana hidhaa guddicha Kaartuum keessaa irraa erga bahanii booda yekki daandiiwwan irratti raawwatamaa jira.
Akkasumas yeroo qaala'iinsii jireenyaa haalaan dabalaa jiru kanaatti, sababii waraanaatiin daldalli waan cufamee, hojii dhabiinsi dabaluunis yakki akka cimuuf gomaachutu himama.
Maallaqa argachuun baayyee cimaa ta'ulleen jiraattoonni muraasni ammoo, yeroo amma manneen saamaafi dubartoonni gudeedamaa jiran kanatti nageenyaatu dursa jechuun qawwee bitataa jiru.
Daldalaan qawwee kunis gatiin shuguxii kan dura paawundii Sudaan kuma 800 ture dachaa afuriin hir'atee gara kuma 200tti hir'achu hima.
''Duraan kan shuguxiin akka qaalii ta'u taasisee hayyamasaa ture. Amma hayyama qabaachun si hin barbaachisu. Bitatee itti fayyadamta,'' kan jedhu daldalaan kun, namoonni bitan amma baayyee waan dabalaniif bu'aa hedduu argataa jiraachu hima.
Namoonni qawwee AK-47 qaban mana kan olkaa'an yoo ta'u, kan shiguxii qaban garuu lafa gabaa ta'e bakka biraa, eddoo deeman hundatti hidhatanii deemuu danda'u.
Yakki amma Sudaan keessatti raawwatamaa jirus balaa dargaggoo waggaa muraasaan dura gaa'ila dhaabbachun mucaa tokko argate mudateen ibsamuu ni danda'ama.
Yeroo inni Omdurmaan keessatti gabaa deemeetti gareen yakkamtootaa itti dhufuun erga maallaqa qabatee ture hunda iraa saamanii booda dugda isaarri rasaasaan rukkutan. Magaalicha keessa hospitaalli hojjatu waan hin turreef daandii balaafamaarraan gara Hospitaala Bulchiinsa Riivar Naayil kan Km 200 fagaatu geeffame.
Achitti rasaasni keessaa baafamu danda'amulleen garuu miillisaa laamsha'u irraa hin olle. Taateen kunis miidhaa cimaa waraanaa jireenya lammiilee biyyatti miliyoonota miidheeti.