'Waraana Sudaaniin namootni miliyoona sadii tahan ji'a sadii keessatti qe'eerraa buqqa'an' - IOM

Maxxanfame

Ji'oota sadii keessatti sababa waraana Sudaaniin jiraattotni miliyoona sadii tahan qe'ee isaaniirraa buqqa'uun biyyuma keessaa fi daangaa ce'uun qubataniiru jedhe jaarmiyaan Dhimma Godaantotaa Idil-Adunyaa.

Namootni miliyoona 2.2 tahan qe'ee isaaniirraa buqqa'uun biyyuma keessa jiru. Kanneen 700,000 tahan ammoo gara biyyoota ollaati baqataniiru jedhe.

Irra jireessi namoota buqqa'anii Kaartuum [67%] fi Daarfur [33%] yoo tahan, irra caalaan isaanii biyyuma keessa gara mootummaa naannoo 'Northern state' fi River Nile' jedhamanitti baqatan.

Buqqaatotni kunneen rakkoo hanqina dhiyeessii nyaataa fi tajaajila fayyaan rakkachaa akka jiranis jaarmiyaan kun ibseera.

Irra caalaan isaanii hawaasa itti baqatan irraa gargaarsa argataniin jiraachaa jiru. Buqqaatotni 280,000 tahan gamoo tajaajila uummataa kennan, kaampii fi dahoo adda addaa keessa jiru.

Buqqatotni kaan ammoo gara Masirii, Sudaan Kibbaa, Itoophiyaa fi Senteraal Afrikaan Rippaabilikitti baqataniiru jedhe.

Baqattoota gara 700,000 tahan gara biyyoota ollaatti baqatan keessaa dhibbentaa 65 kan tahan lammiilee Sudaan yoo tahan, %35 kan tahan ammoo kanneen gara biyya isaaniitti deebi'an tahuu ibse.

Itoophiyaan karaa naannoo Amaaraa Sudaaniin kan wal daangessitu yoo tahu, wal dhabdee naannicha keessatti dhiyeenya ka'een baqattoota daangaa ce'aniif mijataa tahuu dhiisuu mala.

Akkas tahe baqattoota Sudaan kumaatamaan keessummeessiteetti.

Waraanni walitti fufinsaan gaggeeffamaa jiru dhiyeessii deeggarsa namoomaa balaa irra kan buuse tahuu kan hime IOM, walakkaan uummata Sudaan kan tahan deeggarsa ariifachiisaa barbaadu jedhan.

Namoota miliyoona 24.7 tahan deeggarsa ariifachiisaa barbaadan keessaa harka tokko sadaffaa kan tahan ammoo naannoo Daarfuri keessa tahuu hime.

Daarekterri Naannoo IOM MENA, Otmaan Belbeesii, dhukaasni dhaabachuun deeggarsa namoomaa bakka barbaadamu dhaqqabuu qaba jechuun qaamolee wal waraanan gaafatan.

Biyyoota baqattootni galan akka Chaad, Sudaan Kibbaa, Itoophiyaa, Masirii fi Liibiyaa keessatti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa dabalaa jiraachuus himaniiru.

Sudaaniif konteenarri baay'een deeggarsa qabate buufata doonii Sudaan bu'ee akka jirus hime.

Baqattoota Sudaan Itoophiyaa keessa jiran gara 48,000 tahaniif deeggarsi adda addaa godhamuu himuun, garuu lakkoofsa buqqaatotaa akkaan dabalaa jiruuf deeggarsa gahaa dhiyeessuuf fandiin dabalataa ariitiin akka barbaachisus ibsa Hagayya 18 bara 2023 baaseen himeera.